9

1 Yasuusis bidiruu yaabbatee galaanicha ce’uudhaan gara magaala isaa dhufe. 2 Kunoo, jaroonni tokko nama qaamni isaa hadoodee ture tokko siree irra ciibsanii gara isaatti fidani. Yasuusis amantii isaanii waan argeef, namicha qaamni isaa hadoodee tureetiin “Ilma ko, jabaadhu! Cubbuuwwan kee siif dhiifamaniiru” jedhe. 3 Warra barreesitoota keessaa muraasni isaanii, garaa isaaniitti, kunoo, “Namichi kuni Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii dubbatani. 4 Yasuusis waan isaan yaadaa jiran waan bareef, “Maaliif garaa keessan keessatti waan cubbuu yaaddu? 5 Isa kamtu irra salphaa dha? ‘Cubbuuwwan kee siif dhiifamaniiru’ jechuu moo ‘Ka’ii dhaabbadhuutii deemi’ jechuutu salphaa dha? 6 Ilmi Namaa lafa irratti cubbuuwwaniif dhiifama gochuuf aboo (aangoo) akka qabu garuu beekuu ni maltu,…” erga isaaniin jedhee booda, namicha isa qaamni isaa hadoodee tureetiin immoo, “Ol ka’i; siree kees fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe. 7 Namichis ka’ee gara mana isaatti adeeme. 8 Namoonni achitti walitti qabamanii turan, yeroo kana argan ni sodaatani; Waaqayyo, isa aboo akkasii namootaaf kenneefis, ulfina kennani 9 Yasuus otoo achii ka’ee gara biraatti darbaa jiruus, nama Maatiwoos jedhamu tokko, otoo inni dunkaana gibira keessatti sassaabanii keessa ta’ee jiruu arge. Yasuusis, “Ana duukaa bu’i” ittiin jedhe. Innis ka’ee isa duukaa bu’e. 10 Yeroo Yasuus manicha keessa taa’ee maaddiitti dhiyaatee turettis, kunoo, warri gibiraa sassaabanii fi warri cubbamtoonni dhufanii Yasuusii fi barattoota isaa wajjin maaddiitti dhiyaatani. 11 Warri Faarisootaa yeroo kana araganis, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan maaliif warra gibiraa sassaabanii fi warra cubbamtootaa wajjin nyaata?” jedhanii gaafatani. 12 Yasuus yeroo kana dhaga’es, “Namoonni warri qaamni isaanii dadhabaa ta’e malee, warri qaamni isaanii cimaa ta’e, yaala hakiimii hin barbaadani. 13 Hiikni kanaa maal akka ta’e, deemtanii barachuu qabdu: ‘Kan ani barbaadu dhiifama dha malee, akka aarsaa anaaf ta’ani miti’. Anis kanan dhufe warra qajeelotaa waamuudhaaf otoo hin ta’iin, warri cubbamoota cubbuu isaaniitti gaabbanii akka dhufaniif waamuufi dha” jedhe. 14 Achiin boodas, barattoonni Yohaannis gara isaa dhufanii, “Barattoonni kee nyaata hin lagatani; nutiifi fi Faarisoon garuu maaliif nyaata lagannaa?" jedhanii Yasuusiin gaafatani. 15 Yasuusis, “Hanga mushurraan (aruusni) isaan bira jirutti, miinzoliin (waa’iloon) isaa gadduu danda’uu? Guyyaan mushurraan suni isaan biraa fudhatamu yeroo dhufutti garuu, miinzoliin sunis nyaata ni lagatu. 16 Namni erbee haaraa uffata moofaa irratti hoddhu (erbu) tokko iyyuu hin jiru; sababni isaas, erbeen inni haaraan suni uffata moofaa sana irraa citee (tarsa’ee) waan bu’uuf, uuffatichis isa duraa caalaa tarsa’a ta’a. 17 Akkasumas, namoonni waynii haaraa qodaa dulloometti tasuma hin naqani. Akkas goonaan garuu, qodichi ni caba; wayinichis ni dhangala’a; qodichis ni bada. Kana irra garuu, waynii haaraa qodaa haaraatti ni naqu; akkanattis, wayinichis, qodichis badii irraa ni oolu (hafu)” jedhee isaaniif deebise. 18 Yeroo Yasuus kana isaanitti dubbachaa turetti, kunoo namni taa’itaa qabu tokko dhufee isaaf sagade. Innis, “Intalli koo ammuma na duraa duute; maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaa’iitii naaf fayyisi” jedhee Yasuusiin kadhate. 19 Sana boodas, Yasuus ka’ee barattoota isaa wajjin namicha sana duukaa deemani. 20 Kunoo, dubartiin, waggaa kudha lamaaf dhiigni ishee waan dhangala’uuf rakkachaa turte tokkos, dugda duuba isaatiin dhuftee, fiixee uffata Yasuus tuqxe. 21 Isheenis, “Uffatuma isaa illee otoon tuqee, ani nan fayya” jettee garaa isheetti yaaddee turte. 22 Yasuusis duuba isaatti garagalee, ishee argee, “Intala koo, jabaadu; amantiin kee si fayyiseera” isheetiin jedhe. Sa’aati dhuma sanattis, dubartittiinis ni fayyite. 23 Yasuus mana abbaa taa’itaa sanaa bira yeroo ga’ettis, waca warra ulullee (xurumbaa) gaddaa afuufanii fi namoota naanna’anii boo’anii arge. 24 Achumaanis, Yasuus, “Asii deemaa! Intalli raftee jirti malee, hin duune” isaaniin jedhe. Isaan garuu, qeeqiidhaan isatti kolfani. 25 Namoonni erga gadi baafamanii boodas, Yasuus mana keessa ol lixee, intalattii harka ishee qabee ol kaase; isheenis ol kaatee dhaabbatte. 26 Oduun isaas naannoo sanatti bakka hundumaatti ni dhaga’ame. 27 Yasuus achii irraa gara biraatti otoo darbaa jiruu, ija jaamonni lama isa duukaa bu’ani. Isaanis, “Yaa Ilma Daawwit, ati mee nu fayyisi!” jechaa iyyanii isa kadhatani. 28 Yeroo Yasuus manatti ol seenee ture sanattis, jaamonni sunis gara isaatti dhiyaatani. Yasuusis, “Kana gochuu akkan danda’u ni amantuu?" jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eyyee, yaa Goofta” jedhanii isaaf deebisani. 29 Sana booddees, Yasuus ija isaanii qabee, “Egaa akkuma amantii keessanii isiniif haa ta’u!” jedhe. 30 Battaluma sanattis, iji isaanii baname. Achiin boodas, Yasuus, “Beekkadhaa, namni tokko illee waa’ee kana akka hin dhageenye” jedhee of eeggannoodhaan isaan akeekkachiise. 31 Namoonni lameen suni garuu akkuma achii ba’aniin oduu isaa naannoo sanatti bakka hundumaatti tamsaasani. 32 Akkuma namoonni lameen suni achii ba’anii deemaniinis, namni arrabni isaa afuura seexanaatiin xaxamee dubbachuu dadhabe tokko, gara Yasuusitti fidame. 33 Afuurichi namicha keessaa erga ari’amee boodas, namichi ni dubbate. Namoonni achitti walitti qabamanii jiranis, isa ta’e raajeffachaa, “Waanti akkasii kun Israa’el keessatti tasuma argamee hin beeku” jedhani. 34 Faarisoonni garuu, “Inni seexanoota kan baasu humna isa seexanoota bulchuutiini dha” jedhani. 35 Achiin boodas, Yasuus magaalotaa fi gandoota hunduma bira deeme. Manneen sagadaa isaanii keessattis, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabee barsiisuu, dhukkubootaa fi dhibeewwan hundumaas fayyisuu itti fufe. 36 Yasuus, namoota hedduu walitti qabamanii isa wajjin jiran, yeroo arges, waan isaan rakkachaa fi haamlee dhabanii tureef, isaaniif gadde. Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turani. 37 Barattota isaatiinis, “Midhaan sassaabamu baay’ee dha; hojjetoonni sassaaban garuu muraasa dha; 38 Kanaafuu, dafaatii Gooftaa midhaanichaa, hojjetoota gara midhaan isaaatti akka ergu, kadhadhaa” jedhe.