1 Yeroo Yasuus gaara (tabba) sana irraa gadi bu’ettis, namoonni isa biratti walitti qabamanii turan hedduunis isa duukaa bu’ani. 2 Kunoo, namichi lamxaa'aan (qomaaxaan) tokko gara isaa dhufee, fuula isaa fuul dura isaattis jilbeeffatee, “Yaa Gooftaa, fedhii kee yoo ta’e, na fayyisi” jedhee isa gaafate. 3 Yasuusis harka isaatiin hiixatee namicha qabuudhaan, “Fedhii kooti; fayyitee jirta” jedheen. Battaluma sanattis, namichi qomaaxummaa isaa irraa ni fayye. 4 Yasuusis, “Namatti waan tokko iyyuu akka hin jenneef beekkadhu. Garuu immoo, karaa kee irra bu’ii deemiitii lubichatti of argisiisitii akkuma Museen ajajee turetti kennaa kee dhiyyeessiitii fayyuu kee isaaniif dhugaa ba’i” isaatiin jedhe. 5 Yommuu Yasuus gara Qifirnaahom deemaa turettis, ajajaan dhibbaa tokko gara isaatti dhufee isa kadhate, 6 “Yaa Gooftaa ko, hojjetaan koo qaamni isaa hadoodee mana ciisee baay’ee dhukubsachaa jira” jedhe. 7 Yasuusis, “Anuu dhufeen isa fayyisa” jedheen. 8 Ajajaan dhibbaa sunis, “Yaa Gooftaa ko! Ani nama ati mana koo keessa seenuun isaaf malu miti. Waan jettu qofaa dubbadhuutii, ergamaan koo ni fayya. 9 Anis nama aangoo qabu waanan ta’eef, loltoota ana jalatti bulan nan qaba. Isa tokkoon ‘Deemi’ yoon jedhu, ni deema; isa biraatinis, ‘Koottu’ yoon jedhu, ni dhufa; ergamaa kootiinis, ‘Kana godhi’ yoon jedhu, innis ni godha” jedhe. 10 Yasuus kana yeroo dhaga’ettis, dinqisiisamuudhaan warra isa duukaa bu’anii jiraniin akkas jedhe: “Dhuguman isiniitin jedha, ani Israa’el keessatti nama akka kanaatti amantii qabu hin argine; 11 Ani nan isinitti hima; namoonni hedduun karaa ba’a biiftuu irraas, karaa lixa biiftuu irraas dhufanii mootummaa waaqaa keessatti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobii wajjin maaddiitti ni dhiyaatu. 12 Ijoolleen mootummichaa garuu, dukkana keessatti alaatti ni darbatamu; achittis boo’aa ilkaan isaani walitti ni qaru”. 13 Yasuusis, ajajaa dhibbaa sanaatiin, “Deemi! Akkuma ati amantetti, siifis haa ta’u”jedheen. Sa’aatti dhuma sanattis ergamichi ni fayye. 14 Yasuus mana Pheexroos yeroo dhufee turettis, amaatiin Pheexroos dhukkuba dhaqna-gubaadhaan dhukkubsattee otoo ciisaa jirtuu arge. 15 Akkuma Yasuus harka ishee qabeenis, dhukubichi ishee gadhiise. Isheenis achumaan kaatee isa keessummeessuu jalqabde. 16 Galgala sanas namoonni warra afuura seexanaatiin qabamanii jiran gara Yasuusitti fidanii dhufani. Innis sagalee dhuma tokkoon afuurota sana isaan irraa baasee (ari’ee), warra dhukkubsatan hundumaa fayyise. 17 Kunis kan raawwate isa karaa raajicha Isaayyasiin dubbatamee ture guutuufidha. Innis, “Inni dhibee keenya unu irraa fuudhe; dhukkuboota keenyas unu irraa baate” kan jedhu ture. 18 Amma immoo, Yasuus tuuta namootaa isaatti naanna’anii jiran erga ilaalee booda, gara Galaana Galiilaa duubatti darbanii akka deeman isaan ajaje. 19 Achumaanis, barreessaan tokko gara isaa dhufeetu, “Barsiisa! Garuma ati deemtutti, anis si duukaa nan deema” jedheen. 20 Yasuus immoo, “Waangonni (sardiidonni) boolla qabu; simbiroonni waaqa keessaas, godoo simbraa qabu; Ilmi Namaa garuu, bakka mataa isaa itti hirkifatu illee hin qabu” ittiin jedhe. 21 Barattoota isaa keessaa inni biraa tokko immoo, “Yaa Gooftaa! Dura abbaa koo awwaalladhee akkan deebi’uuf naaf eeyyami” jedhee isa gaafate. 22 Yasuus garuu, “Du’aa warri du’aan haa awwaalatani; dhiisitii anaduukaa bu’i” ittiin jedhe. 23 Yeroo Yasuus bidiruu yaabbatee turettis, barattoonni isaas isaa wajjin yaabbatani. 24 Kunoo qilleensi hamaan galaanicha irraa waan ka’eef, bidiruun sunis humna qilleensichaatiin uffisamee raasame. Yasuus garuu rafee ture. 25 Barattoonni isaas gara isaa dhufanii isa dammaqsanii, “Yaa Gooftaa, nuti dhumuuf jirraattii, kana jalaa nu baasi,” ittiin jedhani. 26 Yasuusis, “Yaa warra amantii xinnoo; maaliif sodaattu?” jedhee isaaniif deebise. Achumaanis ka’eetu qilleensichaa fi bishaanicha akka dhaabbataniif isaa abboome (ifate). Battaluma sanattis, tasgabbii guddaan ni uumame. 27 Namoonni achi jiranis waan arganitti ajaa’ibamanii, “Kuni nama attamiiti kan qilleensii fi bishaan illee isaaf abboomamani?” jedhani. 28 Yeroo Yasuus galaanicha ce’ee gara biyya Gadaraa dhufee turettis, namoonni lama warri afuura seexanaatiin qabamanii jiran gara isaa dhufani. Namoonni warri bakka awwaalcha namaa keessaa ba’anii dhufan kunis hamtoota waan ta’aniif, karaa deemaan karaa sana darbu tokko illee hin jiru ture. 29 Kunoo isaanis, “Yaa Ilma Waaqayyoo, ati unu irraa maal qabda? Ati as kan dhufte, yeroon jedhame otoo hin ga’iin nu gidiruuf (dhiphisuuf) dhaa?” jechaa iyyanii caraananii. 30 Yeroo sanas, hoomaan booyyee, bakka isaan jiran irraa baay’ee kan hin fagaatne, bobba’anii dheedaa jiru turani. 31 Afuuronni seexanaa namoota sana irra jiran sunis, “Yoo baastee nu ariita ta’e, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii isa kadhachaa turani. 32 Yasuusis, “Dhaqaa!” isaaniin jedhe. Isaanis namoota sana keessaa ba’anii booyyota sanatti galani; kunoo, hoomaan booyyee sun hundumtuu gaara ol jedhee dhaabbatee jiru irraa furguggisamanii galaana keessatti namm’anii, bishaanicha keessatti dhumani. 33 Warri booyyee tiksaa turanis baqatanii gara magaalichaa deemuudhaan waan raawwatee ture tokko tokkoon, keessumattuu immoo, waa’ee namoota warra afuura seexanaatiin qabamanii turan sanaa, warra magaala jiranitti odeessani. 34 Kunoo, magaalicha keessa namoonni jiraatan hundumtuu Yasuusiin qunnamuudhaaf yaa’anii dhufani. Yeroo isa arganis, naannoo biyya isaanii gadi dhiisee akka adeemuuf isa kadhatani.