7

1 “Namatti hin faradiinaa; isin irrattis hin faradamu. 2 Firdiin inni isin faraddan, isinis ittiin ni faradamtu; safara isin safartanis, isiniifis ni safarama. 3 Maaliif huuba xinnoo ishee ija obboleessa kee keessa jirtu ilaalta, yeroo muka isa ija kee keessa jiru hin hubannetti? 4 Otoo mukichi ija kee keessa taa’ee jiru, attamitti obboleessa keetiin, ‘Huuba ija kee keessa jiru nan siif baasa’ jechuu dandeessa? 5 Ati yaa ofittoo nanaa! Dura dabarsiitii, muka isa ija kee keessa jiru baassadhu; isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu ni dandeessa. 6 Waanta qulqullaa’a ta’e sarootaaf hin kenninaa. Calleewwan keessanis booyyeewwan jalatti hin darbatiinaa. Ta’uu baannaan, isaanuu milla isaanii jalatti erga dhidhitanii booda isinitti garagalanii isiniinuu bakka hedduutti ni kukkutu. 7 “Kadhadhaa (Gaafadhaa), isiniif ni kennamaa. Barbaadaa, ni argattuu. Balbala rurrukutaa isiniif ni banama (saaqama). 8 Kan kadhatu (gaafatu) eenyumtuu, ni fudhata; kan barbaadu eenyumtuu, ni argata; nama balbala rurrukutuufis, ni banama. 9 Yookiin immoo, isin keessaa eenyu dha, yoo ilmi isaa buddeena (daabboo) isa gaafate, inni dhagaa kennuufi? 10 Yookiin immoo, yoo ilmi isaa qurxummii kadhate, inni bofa kennuufi? 11 Kanaafuu, isin warri hamtoonni ijoollee keessaniif kennaa gaarii attamitti kennitan beektu erga ta’ee, Abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo isin caalaa hammam warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna ree? 12 Kanaafis jecha, waantota kameen iyyuu isaan namoonni akka isiniif godhan jaalattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonnis kan barsiisani isuma kana dha. 13 “Karra isa dhiphaa ta’een ol-seenaa. Karri inni bal’aa fi dheeraan, isa gara badinsaatti (balleessaatti) nama geessu dha; achi irraanis namoota hedduutu seena. 14 Karri inni gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha; karaan (daandiin) isaas rakkisaa dha; namoonni isa argatanis muraasa dha. 15 “Raajota sobdoota, warra raroo hoolaa uffatanii gara keessan dhufanii, kessi isaanii garuu, dhugaa dhumatti yeeyyota butanii nyaatan warra ta’an, irraa of eeggaa. 16 Firiiwwan (bu’aawwan) hojii isaaniitiin isaaniin ni beektu. Namoonni muka qoraattii irraa ija waynii funaanuu ni danda’uu; yookiin immoo muka kosorruu irraa harbuu funaanuu ni danda’uu? 17 Haaluma walfakkaatuun, mukti gaariin midhaan ba’eessa ni godhata; mukti gadheen immoo midhaan badaa ni godhata. 18 Mukti gaariin tokko midhaan hamaa hin godhatu; mukti gadheenis midhaan ba’eessa godhachuu hin danda’u. 19 Mukti kam iyyuu inni midhaan gaarii hin godhanne, murameetu, ibidda keessatti darbatama. 20 Kanaafuu egaa, isin midhaan (bu’aa) isaaniitiin isaan baruu ni danddeessu. 21 Warra jaalala Abbaa koo isa waaqa keessaa hojjetan irraa kan hafe, inni ‘Gooftaa keenya, Gooftaa ko’ anaatiin jedhu hundumtuu mootummaa waaqaa keessa hin seenuu. 22 Gaafa guyyaa isa dhumaa sanattis, namoonni baay’een, ‘Gooftaa, Yaa Gooftaa ko, nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Nuti maqaa keetiin afuura seexanaa hin baafnee? Nuti maqaa keetiin raajiiwwan hedduu hin hojjennee?’ anaan ni jedhu. 23 Yeroo sanatti, ani immoo, ‘Ani tasuma isin hin beeku! Isin warra seeraan dhala hojjettani mitii; ija koo duraa achi deemaa!’ jedheen ifatti saaxileen isaanitti nan hima. 24 “Kanaafuu egaa, namni kam iyyuu inni dubbiiwwan koo dhaggeeffatee isaaniifis abboomame, inni akka mana isa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti beekaa dha. 25 Bokkaan itti roobees, lolaan itti yaa’es, qilleensis itti qilleensa’e yoo itti bu’es, manichi bu’uurri isaa dhagaa irra waan dhaabbateef homaa hin ta’u. 26 Namni kam iyyuu inni dubbiiwwan koo dhaggeeffatee isaaniif hin abboomamne garuu, inni akka mana isa mana isaa cirracha irratti ijaarratetti gowwaa dha. 27 Bokkaan itti roobee, lolaan itti yaa’e, qilleensis itti qilleensa’e itti bu’e, manichis ni jige; manichis guutummaan guutuutti bade.” 28 Yasuus dubbiiwwan isaa kanneen dubbatee akkuma xumureenis, namoonni achitti walitti qabamanii barsiisa isaa dhaggeeffachaa turanis hedduu dinqisiifatanii, 29 Kunis kan ta’e, inni akka barreesitoota sanaa otoo hin ta’iin, akka nama aboo qabuutti waan isaan barsiisa tureef dha.