6

1 “Namootatti of-argisiisuudhaaf jettanii hojiiwwan qajeelummaa keessannii fuul dura namootaatti akka hin hojjenne of-eeggadhaa; ta’uu baannaan garuu, Abbaa keessan isa waaqa keessaa birra bu’aan argattan hin jiru. 2 Kanaafuu, akkuma warri ofittoon akka namootni isaan jajaniif jedhanii manneen sagadaa keessatti fi daandiiwwan irraati arjoomanitti, atis yeroo arjoomtu of-fuul dura keetti xurumbaa hin afuufiin. Dhuguma nan isinitti hima; isaan kun gatii isaanii guutummaatti argatanii jiru. 3 Ati garuu yeroo arjoomtu, waan harki kee inni mirgaa godhaa jiru, harki kee inni bitaa iyyuu akka argu hin godhiin. 4 Akka kanattis, arjummaan kee dhoksaadhaan haa ta’u. Abbaan kee inni dhoksaatti argus, gatii kee siif ni kenna. 5 “Yeroo kadhattanis, akka warra of-jajjootaa (of-argisiistotaa), warra akka uummatni isaan arguuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi daandiiwwan bukkeetti kadhatanii, hin ta’iinaa. Ani dhuguma nan isinitti hima, isaan gatii isanii fudhatanii jiru. 6 Ati garuu, yeroo kadhattu, mana kee keessatti ol-seeni. Balbala cufadhuutii, abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu. Sana boodas, Abbaan kee inni dhoksaatti argu, gatii kee siif ni kenna. 7 Yeroo kadhattanis, akka warra Waaqayyoon hin amanneetti irra deddeebi’uu dubbii faayidaa hin qabne hin godhiinaa; isaan, baay’ee dubbachuun, waan isaaniif dhaga’amu isaanitti fakkaata. 8 Kanaafuu, otoo isin hin himatiin iyyuu waantota isin barbaaddan Abbaan keessas waan beekuuf, akka isaanii hin ta’iinaa. 9 Kanaafuu, akkasitti kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenyaa isa waaqa keessa jiraattuu, Maqaan kee inni qulqulluu ta’e haa ulfaatu. 10 Mootummaan kee haa dhufu. Jaalalli kee waaqa irratti akka ta’e, Akkasumas immoo, lafa irrattis haa ta'u. 11 Hirbaata guyyaa guyyaan nyaannu hara’a nuuf kenni. 12 Balleessaa keenya unuuf dhiisi; Nutis akka warra unuun midhaniin dhiifama goonu nu godhi. 13 Gara qormaataattis nuuni hin galchin; Hamaa irraa unuun oolchi malee. 14 Namootaaf balleessaa isaanii yoo dhiiftaniif, Abbaan keessan inni waaqa irraa immoo isiniif ni dhiisa. 15 Garuu isin namootaaf balleessaa isaaniif dhiisuufii yoo dhiistan, Abbaan keessanis balleessaa keessaniif isiniif hin dhiisu’. 16 “Yeroo nyaata lagattanis, akka warri of-jajjootaa akka isaan nyaata lagachaa jiran namootni akka beekaniif jedhanii fuula isaanii gurraachessaniitti, isinis fuula keessan hin gurraachesiinaa. Ani dhuguma nan isinitti hima, isaan gatii isaanii guutummaatti argatanii jiru. 17 Ati garuu, yeroo nyaata lagattu, mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu. 18 Nyaata lagachuu kee Abbaa kee isa dhoksaatti arguu malee, namota duratti akka hin mul’annetti godhi; Abbaan kee inni dhoksaatti argu immoo gatii kee siif ni kenna. 19 “Qabeenya ofii keessaniif lafa irratti, iddoo rirmii fi daana’oon nyaatutti, iddoo hattuunis cabsitee seentee hattutti, walitti hin qabiinaa. 20 Akkana irraa garuu, qabeenya ofii keessaniif waaqa irratti iddoo rirmii fi daana’oon nyaachuu hin dandeenyetti, iddoo hattuunis cabsitee seentee hatuu hin dandeenyetti, walitti qabadhaa. 21 Kunis kan ta’e, garaan keessan kan jiraatu bakka qabeenyi keessan jiru waan ta’eef dha. 22 Ijji ibsaa qaamaa ti; ijji kee gaarii yoo ta’e, qaamni kee hundi ifaan ni guutama. 23 Ijji kee gadhee yoo ta’e garuu, qaamni kee hundi dukkanaan ni guutama. Kanaafuu, ibsaan inni qaama kee keessa jiru dhugumatti yoo dukkanaa’e, dukkanichi hangam guddaa dha! 24 Eenyumtuu gooftolii lamaaf ergamuu hin danda’u; yookiin isa tokko jibbee isa biraa jaalata; yookiin immoo, isa tokkoof of-kenneetu, isa biraa immoo gadi dhiisa malee. Isinis, Waaqayyoofis, qabeenyaafis ergamuu hin dandeessani. 25 Kanaafuu, ani nan isinitti hima; waa'ee jireenya keessaniif, waan nyaattanii fi waan dhugdaniif, yookiin immoo waa’ee qaama keessanii, waa’ee waan uffattaniif hin yaadda’iinaa. Jireenyi isa nyaatamuu fi isa uffatamu irra guddaa mitii? 26 Simbirtoota samii keessa ilaalaa. Isaan hin facaasani; hin haamani; yookiin immoo waan gumbiitti naqatan hin qabani; garuu Abbaan keessan inni waaqa keessa isaaniin ni soora. Isin immoo isaan caala faayidaa hin hin qabdanii? 27 Isin keessaa namni tokko waan dhiphateef, bara jireenya isaa irratti waggaa tokko illee namni dabalachuu danda’u jiraa? 28 Waa’ee waan uffataa maaliif dhiphattu? Abaabonni goodaa keessatti biqilanii attamitti akka guddatan mee yaadaa. Isaan hin dhama’ani; uffatas hin fo’ani (dha’ani). 29 Ani nan isinitti hima; Salamoon inni ulfina hundaa qabu ture illee, akkuma isaan kana keessaa, isa tokkoo, hin uffatne ture, 30 Yaa isin, warra amanntiin xinnoo, Waaqayyo biqiltuu goodaa keessaa, isa har’a bakkeetti argamee, boru immoo ibiddatti affeelamu, yoo uffisa ta’e, hammam caalaatti isinitti uffisa? 31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna? Maal dhugna? Maal uffanna?’ jettanii of hin dhiphisiinaa. 32 Warri Waaqayyoon hin amanne waantota kana barbaadaa jiru; isiniifis akka barbaachisu Abbaan keessan inni waaqa keessa ni beeka. 33 Waantotni kun hundumtuu isiniif ni kennamu; isin garuu dura dabarsaatii mootummaa fi qajeelummaa Waaqayyoo barbaadaa. 34 Kanumaafuu, waa’ee boruu hin dhiphatiinaa; boru ofii isaafuu jedhee ni dhiphata. Tokko tookkoon guyyaa, rakkinna ga’aa kan mataa isaa ni qaba.