5

1 Yasuus namoota baay'ee sana yeroo arges, tulluutti ol ba'e. Erga inni taa'ee boodas, barattoonni isaa gara isaatti dhufani. 2 Afaan isaa saaqees akkas jechaa isaan barsiise: 3 “Warri Afuuraan hiyyeessota ta' an eebbisamtoota mootummaan waaqaa kan isaanii waan ta’eef; 4 Warri gaddaa jiran eebbisamtoota waan isaan jajjabina argataniif; 5 Warri garraamiin eebbisamtoota waan isaan biyya lafaa dhaalaniif; 6 Warri qajeelummaa akka midhaanii beela'anii, akka bishaaniis dheebotan eebbisamtoota waan isaaniif guutuu jiruuf; 7 Warri namaaf dhiifama godhan eebbisamtoota waan isaanis dhiifama argataniif;. 8 Warri yaadni garaa isaanii qulqulluu ta’e eebbisamtoota, waan isaan Waaqayyoon arganiif; 9 Warri nagaa buusan eebbisamtoota, waan isaan ijoollee Waaqayyoo jedhamanii waamamaniif; 10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ajjeesaman eebbisamtoota, waan mootummaan waaqaa kan isaanii ta’uuf; 11 Isin warri anaaf jettanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari'atan, yommuu sobaan waan cubbuu ta’e hundumaa isin irratti dudubbatani, isinis eebbisamtoota dha! 12 Ililchaa; gammadaa waan badhaasni keessan inni guddaan waaqa irra waan ta’eef. Raajotoni warri isin duraas akkasuma ajjeefamaa turani”. 13 Itti fufees, Yasuus, “Isin soogidda biyya lafaa ti. Soogiddi mi’aahina isaa yoo dhabe garuu, attam godheetu mi’ahina isaa deebisee argachuu dhanda’a? Gadi gatamee miilla namaatiin dhidhiitamuu irraa kan hafe, deebi’ee waan fayyadu tokko iyyuu hin qabu. 14 Isin ifa biyya lafaa ti. Magaalli tabba gubbaatti ijaaramte dhokachuu hin danddeessu. 15 Namoonni tasuma ibsaa qabsiisani guuboo (gombisaa) jala hih kaa’ani; baattuu ibsaa irra kaa’u malee; ibsichis mana keessa warra jiran hundumaaf ni ifa. 16 Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa waaqa keessa jiruuf ulfina akka kennaniif, ifni keessan akkuma kanaatti namoota fuul duratti haa ifu” isaaniin jedhe. 17 Dabalataanis Yasuus, “Ani seericha yookiin immoo raajotaa balleessuuf akkan dhufetti hin yaadiinaa. Ani kanan dhufe isaan balleessuuf otoo hin ta’iin, waa’ee isaanii raawwachuuf dha. 18 Ani dhuguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa qubeen inni xinnan tokko yookiinis gar-tokkoon isaa illee hanga waan hunduu xumuramanitti keessaa hin badu. 19 Kanaafuu, namni eenyumtuu ajajoota seerichaa keessaa isa xinnaa iyyuu cabsuudhaan waan biraa immoo namoota warra kaan yoo barsiisu, inni mootummaa waaqaa keessatti isa hundumaa irra isa xinnaa ni jedhama. Namni inni ajajoota kana eegee barsiisu garuu mootummaa waaqaa keessatti isa guddaa ni jedhama. 20 “Ani nan isinitti hima, qajeelummaan keessan qajeelummaa warra barreessitootaa fi Faarisoota sanaa kan caalu ta’uu yoo baate, isin mootummaa waaqaa keessa gonkuma hin seentani” jedhee isaan barsiise. 21 Yasuus itti fufuudhaan, “Yeroo durii sana ‘Hin ajjeesiin’; ‘namni ajjeesu eenyumtuu firdiif ni dhiyaata’ jedhamee akka isaanitti himame ture dhageessanii jirtu. 22 Ani garuu isinittan hima; namni obboleessa isaatti aaru (dheekkamu) eenyu illee, firdiif ni dhiyaata; namni eenyumtuu inni obboleessa isaatiin ‘Ati hin fayyaddu’ jedhus, yaa’ii seeraa duratti duratti firdiif ni dhiyaata; namni eenyumtuu inni obboleessa isaatiin ‘Gowwaa (Raatuu)’ jedhus, boolla ibiddaatti firdiif ni dhiyaata. 23 “Kennaa dhiheessuudhaaf bakka aarsaa dhuftee, achuma otoo jirtuu akka obboleessa kee waa yakkitee akka jirtu yoo yaadatte, 24 Kennaa kee achuma iddoo aarsaa sanatti dhiisiitii deemi. Obboleessa keetti dura araaramiitii, sana booddas deebi'iitii kennaa aarsaa kee dhiheessadhu. 25 Nama ittiin wal-lolte wajjin gara yaa’iitti otoo adeemtuu dafiitii itti araarami; yoo kana gochuu baatte garuu, inni abbaa firdiitti si kennuu ni danda’a; abbaan firdii immoo eegduu mana hidhaatti dabarsee si kennuu ni danda’a; sana boodas, mana hidhaatti darbatamuu ni dandeessa. 26 Dhuguman siin jedha; sana booda immoo gatii sirra jiru isa dhumaa hanga kaffaltutti (baaftutti) mana hidhaa sana keessaa tasuma ba’uu hin baatu. 27 “Akka ‘Hin ejjin’ jedhamee himame dhageessanii jirtu. 28 Ani garuu nan isinitti hima; namni dubartii ijaan ilaalee ishee hawwee, inni dura dabarssee garaa isaa keessaatti ishee wajjin ejjee jira. 29 Iji kee inni mirgaa cubbuu si hojjechiisa yoo ta’e, isa of keessaa baasiitii gati. Sababni isaas, qaamni kee guutuun boolla du’aatti darbatamuu mannaa, qaama kee keessaa inni tokko yoo bade siif wayya. 30 Harki kee inni mirgaa cubbuu si hojjechiisa yoo ta’e, isa of irraa kutiitii gati. Sababni isaas, qaamni kee guutuun boolla du’aatti darbatamuu mannaa, qaama kee keessaa inni tokko yoo bade siif wayya. 31 Dabalatamaanis, ‘Eenyumtuu inni haadha manaa isaa hiiku, waraqaa wal-hiikumsaa isheedhaaf kennu akka qaba’ jedhamee himamee jira. 32 Ani garuu nan isinitti hima; isheen yoo ejjite irraa kan hafe, namni kam iyyuu inni haadha manaa isaa hiiku, akka isheen ejjitu ni godha. Erga isheen hiikamtee booda namni ishee fuudhu eenyumti iyyuu ejjummaa ni raawwata. 33 “Ammas, ‘Sobaan hin kakatiin; kakaawwan kee garuu Gooftaadhaaf godhi’ jedhamee warra duriitti himamee akka ture dhageessanii jirtu. 34 Ani garuu nan isinitti hima; gonkuma hin kakatiinaa; waaqaatiin hin kakatiinaa; inni teessoo Waaqayyooti; 35 Lafaanis hin kakatiinaa; inni ejjennaa miilla isaa ti; Yerusaalemiinis hin kakatiinaa; isheen magaala Mooticha isa guddichaa ti. 36 Mataa keetiinis hin kakatiin; ati rifeensa tokko illee addeessuu, yookiin immoo, gurraachessuu hin dandeessu. 37 Dubbiin keessan ‘Eeyyeen, eyyee’ yookiin immoo, ‘Lakkiin, lakkii’ haa ta’u. Waanti kana irraa darbee jiru garuu kan isa cubbamaa ti. 38 “Akka ‘Bakka ijaa, ija, bakka ilkaanii, ilkaan’ jedhamee himamee tures dhageessanii jirtu. 39 Ani garuu nan isinitti hima; nama hamaa ta’e, hin morkatinaa (Nama gadhee wal-aansoo hin qabatiin). Kana irra, eenyumtuu maddii kee isa mirgaa yoo si kabale, isa karaa bitaas itti qabi. 40 Namni uffata qomoo kee sirraa fudhachuu barbaadee seeratti yoo si himate, ati immoo kootii kees itti dabalii isaaf dhiisi. 41 Eenyumtuu kiiloo meetra tokko isa duukaa akka deemtu yoo si dirqisiise, ati immoo kiiloo meetra lama isa duukaa deemi. 42 Isa si kadhatu (gaafatu) eenyumaafuu kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaadutti, fuula kee irraa hin garagalchiin. 43 “‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ jedhamee akka himame ture dhageessanii jirtu. 44 Ani garuu nan isinitti hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ari’aniifis kadhadhaa. 45 Kana gochuu keessaniinis, ijoollee Abbaa keessanii isa waaqa keessaa ni taatu. Inni biiftuu isaa warra hamaa ta’aniifis, warra gaari ta’aniifis ni baasa; bokkaa isaas warra qajeelotaafis, warra jallatootaafis ni roobsa. 46 Isin warra isin jaalatan jaalattu yoo ta'e, bu’aa maalii argattu? Akkas immoo warri gibira sassaaban suni iyyuu hin godhanii? 47 Obboloottan keessan qofaa nagaa gaafattu (dubbistu) yoo ta'e, warra kaan caalaa maal gootu? Akkas immoo warri Waaqayyoon hin amanne iyyuu hin godhanii? 48 Kanaafuu, akkuma Abbaan keessan inni waaqa keessa mudaa hin qabneetti, isinis warra mudaa hin qabne ta’aa.