4

1 Sana boodas, Yasuus seexanaan qoramuudhaaf jecha, Afuura Qulqulluudhaan dursamee gara lafa onaatti geessame. 2 Innis erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf nyaata lagatee turee booda, beela’ee ture. 3 Inni isa qorus dhufuudhaan, “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoota kana akka buddeena ta'ani ajaji” ittiin jedhe. 4 Yasuus garuu, “‘Dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’uun malee, namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu’ jedhamee barreessameera” jedhee isaaf deebise. 5 Itti aansees, seexanichi gara magaa qulqullaa'aatti Yasuusiin geessuudhaan, fittee gamoo mana sagadaa isa hundaa ol dheera ta’e irra dhaabachiisee, 6 “Ati dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate, bakka kana irraa gadi of-darbadhu, ‘Inni ergamoota isaa akka siin eeganiif ni ajaja; miilli kee dhagaatti akka hin buunes, isaan harka isaanii irratti siin ni baatu’ jedhamee barreessamee waan jiruuf” ittiin jedhe. 7 Yasuusis “‘Gooftaa kee Waaqayyoon hin qoriin’ kan jedhus barreessamee jira” ittiin jedhee. 8 Ammas seexanichi gara gaara dheeraa tokkotti Yasuusiin ol isa baasuudhaan, mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaanii hunda wajjin isatti argisiisee, 9 “Gadi kuftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hunduma isaani ani siif nan kenna” ittiin jedhe. 10 Achiin boodas, Yasuus immoo, “Seexana nana, asiitii badi! ‘Gooftaa kee Waaqayyoof ni sagada; isaaf qofaa (duwwaa) ni hojjetta’ jedhamee barreessamee jira” ittiin jedhe. 11 Achumaanis, seexanichi isa dhiisee deeme; kunoo, ergamoonnis dhufanii isa tajaajilani. 12 Yohaannis mana hidhaa galuu isaa erga dhaga’ee boodas, Yasuus gara Galiilaa deeme. 13 Naazireetiinis gadhiisee gara Kapernaa’um, ishee naannoowwan Zebuluun fi Niftaalem keessa qarqaraa Galaana Galiilaa jirtu, deemee achi jiraate. 14 Kunis kan raawwate, waanti Isaayaas isa raajichaatiin dubbatamee ture akka guutamuufi dha ture; innis, 15 “Biyyi Zebuluun, biyyi Niftaalem, gara galaanaatti, Yordaanos gama, Galiilaan, isheen biyya saba warra Waaqayyoon hin amannee, isaan ulfina ni argatu! 16 Uummatichi inni dukkana keessa jiraachaa ture, ifa guddaa argee jira; isaan warra biyya gaadidduu du’aa keessa jiraachaa turaniif, ifni isaaniif ba’ee jira” kan jedhu ture. 17 Yeroo sanaa kaasees Yasuus, “Mootummaan waaqaa waan dhiyatee jiruuf, hojii keessan itti gaabbaatii, dhiifama gaafadhaa” jedhee lallabuu jalqabe. 18 Yeroo qarqara Galaana Galiilaa adeemaa turettis, Yasuus obbolaan lama, Simoon, isa Pheexroos jedhamuu fi obboleessa isaa, Indriiyaas, warra qurxummi qaban waan ta’aniif, otoo kiyyoo isaanii galaana keessatti darbachaa jiraanii isaan arge. 19 Yasuusis, “Kootaatii ana duukaa bu’aa. Anuu warra namootaa walitti qabdan nan isin godha” isaaniin jedhe. 20 Isaanis battalumatti kiyyoota isaanii achumatti dhiisanii isa duukaa bu’ani. 21 Akkuma achi irraa adeemuu jalqabeen, Yasuus obbolaa biraa lama, Yaaqoob, ilma Zabdewoos fi obboleessa isaa, Yohaannisiin, arge. Isaanis, abbaa isaanii Zabdewoos wajjin, bidiruu keessattii kiyyoota isaanii suphachaa jiru turani. Innis isaan waame; 22 Battalumattis, bidiruu fi abbaa isaanii achumatti dhiisanii isa duukaa bu’ani. 23 Yasuusis Galiilaa keessa bakka hundumaa deemuudhaan, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa Waaqayyoo lallabaa, namoota dhukkubaa fi dhibee hundumaattiin qabamanii turan fayyisaa ture. 24 Oduun isaas biyya Sooriyaa hundumaatti ni dhaga’amee; namoonnis dhukkubsatoota isaanii, warra dhukkuba fi waraansa garaa garaatiin dhiphatan, warra afuura seexanootaatiin qabamanii jiran, warra dhukkuba nama kuffisu kan qaban, warra qaamni isaanii hadoode hundumaa gara isaatti fidan. Yasuusis isaaniin ni fayyise. 25 Namoonni hedduun, Galiilaa irraa, magaalota kurnanii irraa, Yerusaalem irraa, biyya Yihudaa irraa, gama Yordaanos irraas, isa duukaa bu’ani.