1 Bara sanatti Yohaannis cuuphaan lafa onaa biyya Yihudaatti dhufee lallabaa ture, 2 “Mootummaan waaqaa dhi'aatee waan jiruuf, balleessaa kessanitti gaddaatii, dhiifama gaafadhaa” jedhe. 3 Kunis kan dubbatame Isaayaas isa raajichaan ture. Innis, “Sagaleen inni lafa onaa keessaa dubbachaa jira ‘Gooftichaaf daandi isaa qopheessaa; karaa inni irra darbu sirreessaa’” jedhe. 4 Yommusis, Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetamee uffatee, mudhii isaa immoo xeebaan hidhate ture. Nyaanni isaas hawwannisaa fi damma gammoojjii ture. 5 Sana boodas, warri Yerusaalem, warri Yihudaa, warri kutaa biyya naanna'aa Laga Yordaanos jiraatan hundumtuu bakka Yohaannis jirutti ba'ani. 6 Isaanis cubbuu isaanii himachaa Laga Yordaanos keessatti Yohaannisiin cuuphamani. 7 Yohaannis warra Faarisootaa fi warra Saaduqoota keessaa namoonni baay'een cuuphamuudhaaf gara isaa dhufuu isaanii yeroo arge, “Isin sanyii warra dhiiga namaa dhuguu nanaa, dheekkamsa isinitti dhufuuf jiru jalaa akka baqattan, eenyutu isin akeekkachise? 8 Bu’aa firii qabu kan hojii kessanitti gaabbitanii dhiifama itti gaafattan qabadhaa. 9 Wal-gidduu kessanitti ‘Nuti abbaa keenya Abrahaam qabna’ waliin jechaa hin yaadiinaa. Kan ani isinitti himus, Waaqayyo dhagoota kana keessaa iyyuu Abrahaamiif ijoollee kennuu akka danda'u dha. 10 Qottoon durumaanuu hidda moukootaa irra kaa'amee jira. Kanaafuu, mukti kam iyyuu inni midhaan gaarii hin horre murameetu (falaxameetu) ibidda keessatti darbatama. 11 Cubbuu keessan irraa gaabbitanii akka deebitaniif, ani bishaaniin nan isin cuupha. Inni ana boodda dhufu garuu, ana irra jabaa dha; kophee miillaa isaa baachuun illee, ani nama anaaf malu miti. Inni Afuura Qulqulluu fi ibiddaan isin ni cuupha. 12 Oobdii isaa keessaa qamadii isaa sirritti qulleessee gumbii isaatti kan ittiin sassaabu afarsaan isaa, harkaa isaa keessa jira. Galabaa isaa garuu ibidda tasuma hin dhaamneetiin ni guba” jedhee isaanitti dubbate. 13 Sana boodas, Yasuus Yohaannisiin cuuphamuudhaaf Galiilaatii gara Laga Yordaanositti dhufe. 14 Yohaannis garuu, “Ani siitiin cuuphamuun barbaada; ati immoo anaatiin cuuphamuudhaaf gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhoowwuudhaaf yaalaa ture. 15 Yasuusis, “Waantota qajeelaa ta’an hunduma guutuun sirrii waan ta'ef, naaf eeyyami” jedhee deebisee itti dubbate. Sana booddees, Yohaannis isaaf eeyyame. 16 Yasuus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo egaa, waaqni hundumtuu isaaf baname. Innis, Afuurri Qulqulluu Waaqayyoo bullaallaa fakkaatee gadi dhufudhaan isa irra yeroo qubatu ni arge. 17 Kunoo, sagaleen, “Inni kuni Ilma koo isa jaalatamaa dha; anis isatti nan gammada” jedhu waaqa keesaa ni dhufe.