2

1 Yasuus, bara mooticha Herooditti, biyya Yihudaa Beeteliheem keessatti erga dhalatee booda, beektonni (namoonni beektonni) karaa ba’a biiftuu irraa gara Yerusaalemitti dhufani; 2 Isaanis, “Mootiin inni Yihudootaaf dhalate eessa jira? Nuti urjii isaa ba’a biiftuu keessatti waan argineef, isaaf sagaduudhaaf dhufne” jedhanii dubbatani. 3 Herood, inni mootichi, yeroo kana dhaga'ees, ni raafame; guutuun Yerusaalemis, isa wajjin ni raafamani. 4 Heroodis, dura buutota luboota fi barreessiitoota uummataa walitti waamee, “Kiristoos eessatti dhalachuudhaaf dha?” jedhee isaan gaafate. 5 Isaanis, “Raajichaan akkuma barreessamee jirutti, biyya Yihudaa Beeteliheem keessatti ni dhalata. 6 'Ati, yaa Beeteliheem, ishee biyya Yihudaa keeessaa! Ati bulchitoota Yihudaa gidduutii ishee xinnoo miti; si keessaas kan mo'u tokko ni dhufa; innis uummata koo warra Israa'eliin kan tiksu (eegu) dha” jedhanii isatti himani. 7 Sana boodas, Herood yeroo isa sirrii urjichi itti mul'ate isaan gaafachuudhaaf, beektota sana dhoksaadhaan ofitti waame. 8 Heroodis “Dhaqaatii of-eeggannoodhaan mucichaa barbaadaa. Anis dhaqee isaaf sagaduu waanan maluuf, yeroo isa argathan immoo anatti himaa” jedhee gara Beeteliheemitti isaan erge. 9 Waan mootichi jedhe erga dhaga’anii boodas, beektonni suni imala isaanii jalqabani; urjiin inni isaan karaa ba’a biiftuutti arganii tures isaan fuul dura bu’ee deeme; bakka mucaan suni jiru yeroo ga’e immoo socho’uu dhiiseetu dhaabbate. 10 Jarri urjicha yeroo argan, gammachuu guddaadhaan ililchani. 11 Manicha keessas lixanii mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin, argatani. Isaanis lafatti gadi kufanii isaaf sagadani. Qorxii (Borsaa) isaaniis bananii, kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii isaaf kennani. 12 Isaan gara Heroodisitti akka hin deebineef Waaqayyo abjuutiin waan isaan akeekkachiiseef, karaa biraa irraan ba’anii gara biyya isaaniitti deemani. 13 Erga isaan gara biyya isaaniitti deemanii boodas, ergamaan Gooftichaa tokko abjuudhaan Yooseefitti mul’atee, “Ka'ii, mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Misiriitti (Gibxiitti) baqadhu! Herood mucicha ajjeesuudhaaf waan barbaaduuf, hamma ani sitti himutti achuma turi!” ittiin jedhe. 14 Halkanuma sanas, Yooseef ka’ee mucichaa fi haadha isaa fudhatee gara biyya Misiriitti sokke. 15 Mucichis hanga guyyaa Herood du’etti achuma ture. Kunis, isa Gooftaan afaan raajichaatiin, “Ani Ilma koo biyya Misirii keessa nan waameera” jedhee dubbatee ture raawwachuudhaaf dha. 16 Sana boodas, Herood warri beektonni sun akka isa gowwoomsan waan hubateef, baay’ee aare. Kana irraa ka’uudhaanis, yeroo mucichi itti dhalate warra beektota sana irraa gaafatee sirriitti erga baree booda, ijoollee dhiiraa waggaa lamaa fi isaa gadii ta’anii Beeteliheemii fi naannoo ishee keessa jiran hunduma isaan namoota ergee ajjeesise. 17 Kanaanis, dubbiin inni raajicha Eermiyaasiin dubbatamee ture ni raawwatame; 18 Innis, “Sagaleen boo’ichaa fi gadda guddaa tokko Raamaa keessatti ni dhaga’ame; Raaheelis ijoollee isheetiif boosse; kana booda deebitee waan isaan hin argganneefis, jajjabaachuu didde” isa jedhuu dha ture. 19 Akkuma Herood du’een immoo, kunoo, ergamaan Gooftichaa tokko biyya Misirii keessatti abjuudhaan Yooseefitti mul’atee akkas isaan jedhe: 20 “Warri lubbuu mucichaa balleessuuf barbaadan waan du’anii jiraniif, ka’iitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii gara biyya Israa’el deemi.” 21 Yooseefis ka’uudhaan mucichaa fi haadha isaa fudhatee gara biyya Israa’elitti dhufuuf ture. 22 Garuu immoo, Arkelaawos, bakka abbaa isaa Herood, bu’ee Yihudaa bulchaa (bitaa) akka jiru Yooseef waan dhaga’eef, achi deemuu ni sodaate. Waaqayyo abjuudhaa erga isa akeekkachisee boodas, gara naannoo Galiilaatti imaluuf ka’e. 23 Achis deemee, magaala Naazireet jedhamtu keessa jiraate. Kunis kan ta’e, inni raajonni waa’ee Yasuus, ‘Inni Naaziricha ni jedhama’ jedhanii dubbatanii ture akka raawwatamuuf dha.