1

1 Kitaaba hidda dhaloota Yasuus Kiristoos, isa sanyii Daawwit, sanyii Abrahaam. 2 Abrahaam Yisihaqiin dhalche; Yisihaaq Yaaqoobiin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloottan isaa dhalche. 3 Yihudaan Taamaar irraa Peereezii fi Zaaraa dhalche; Peereez Heezroom dhalche; Heezroom Raam dhalche. 4 Raam abbaa Aminaadaabi dha; Aminaadaab abbaa Nahashoon dha; Nahashoon Saalmoon dhalche. 5 Saalmoon Rahaab irraa Boaziin dhalche; Boaz Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed abbaa Jeesee ti. 6 Jeeseen abbaa mooticha Daawwit dha; Daawwit haadha manaa isaa Uriiyaa irraa Solomoonin dhalche; 7 Solomoon abbaa Reehoobo’aam dha; Reehoobo’aam abbaa Abiiyaa dha; Abiiyaan abbaa Asaa dha; 8 Asaan abbaa Yoshaafaax dha; Yoshaafaax abbaa Yooraam dha; Yooraam abbaa Oziyaasin dha; 9 Oziyaas abbaa Yo'ataami dha; Yo'ataam abbaa Akaazin dha; Akaaz abbaa Hisqiyaasi dha. 10 Hisqiyaas abbaa Minaasee dha; Minaaseen abbaa Amosin dha; Amos abbaa Yosiyaasin dha. 11 Yosiyaas abbaa Yekoniyaasii fi obboloota isaa dha; kunis bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amanitti dha. 12 Sabni Israa'el biyya Baabilonitti erga booji'amanii booddees, Yekoniyaas Salaati'elin dhalche; Salaati'el immoo abbaa Zarubaabelin dha. 13 Zarubaabel abbaa Abiyuudin dha; Abiyuud abbaa Eliyaaqimin dha; Eliyaaqim abbaa Azorin dha; 14 Azor Zaadoqin dhalche; Zaadoq immoo abbaa Akiimin dha; Akiim abbaa Eliyudin dha. 15 Eliyud abbaa Ele'azaarin dha; Ele'azaar immoo Maattaanin dhalche; Maattaan abbaa Yaaqoobi dha; 16 Yaaqoob abbaa Yoseefi dha; Yoseefis kaadhima Maariyaam dha; isheen immoo Yasuusiin isa Kiristoos jedhamee waamameen, deesse. 17 Dhaloonni kun hundinuu Abrahaamii hanga Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma bara sabni Israa'el biyya Baabilonitti booji'amaniitti dhaloota kudha afur, bara biyya Baabilonitti booji'amanii hamma Kristositti dhaloota kudha afur turan. 18 Dhalachuun Yasuus Kiristoos akka kanatti fufee jiru ture; Maariyaam haati isaa Yoseefiif kaadhimatamtee turte; isheen Yoseefii wajjin utuu wal bira hin ga'in, hafuura qulqulluudhaan ulfooftee argamte. 19 Yoseef inni ishee kaadhimates nama jireenya qajeelaa jiraatu waan tureef, dhoksaatti ishee dhiisuudhaaf murtoo godhe malee, ummata duratti ishee yeellaasisuu hin barbaanne. 20 Utuu Yoseef kana yaadaa jiruu, kunoo, ergamaan gooftaa abjuutti itti mul'atee, “Yaa Yoseef ilma Daawwit, Maariyaam kaadhimni kee hafuura qulqulluudhaan waan ulfoofteef, ishee of biratti fudhachuu hin sodaatin! 21 Isheen ilma in deessi; atis maqaa isaa 'Yasuus' jettee in moggaafta, inni ofii isaatii saba isaa cubbuu isaaniittii isaan in fayyisa” jedheen. 22 Kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e. 23 Innoo, “Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jedhanii in moggaasu" jedhe; "Amaanu'el” jechuun “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuu dha. 24 Yoseef hirribaa dammaqee, akkuma ergamaan gooftaa isa abboometti kaadhima isaa of biratti in fudhate. 25 Haa ta'u iyyuu malee, inni hamma isheen ilma ishee deessutti ishee hin barre; mucicha immoo "Yasuus" jedhee ni moggaase.