10

1 Yasuus barattoota isaa kudha lamaan bakka tokkotti waamee, afuurota hin qulqulloofne akka baasaniif, dhukkubootaa fi dhibeewwan hundumaas akka fayyisaniif aangoo isaaniif kenne. 2 Maqaan ergamoota (barattoota) kudha lamaaniis kunooti: Inni duraa, Simi’oon (isa inni Pheexroos jedhees moggaase); Indriiyaas, obboleessa Pheexroos; Yaaqoob, ilma Zabdiwoos; Yohaannis, obboleessa Yaaqoob; 3 Filiphoosii fi Bartolomewoos; Toomaasii fi Maatiwoos, isa gibira sassaabu; Yaaqoob, ilma Alfewoosii fi Taadiwoos; 4 Simi’oon, isa inaaftichaa fi Yihudaa Keeriyoot, isa Yasuusiin gane (dabarsee kenne). 5 Isaan kudha lamaan kunneenis ni ergamani. Yasuusis “Iddoo warri Waaqayyoon hin amanne jiraatan hin deemiinaa; magaala warra Samaaritaanii keessa hin seeniinaa. 6 Bakka kanaa immoo, gara mana Israa’el warra hoolota badanii dhaqaa; 7 Yeroo dhaqxanis, ‘Mootummaan waaqaa dhiyaatee jira’ jedhaatii lallabaa. 8 Dhukkubsataa fayyisaa; du’aa, kaasaa; qurcoota fayyisaa; afuura seexanootas baasaa. Tolaan waan argattaniif, isinis tolaan kennaa. 9 Warqee, meetii yookiinis sibiila diimaa hin gudunfatiina; 10 Imala keessaniif jettanii, korojoos, qomee dabalataas, kophee dabalataas, ulees hin baatiinaa; hojjetaan tokko nyaata isa barbaachisu argachuun isaaf ni mala. 11 Magaala fi ganda deemtan bakka hundumaatti iyyu nama ta’u barbaadaatii, hanga achii deemtanitti isa bira turaa. 12 Mana isaatti yeroo lixxanis, nagaa gaafadhaa. 13 Manichi gaarii yoo ta’e, nagaan keessan isa irratti haa dhufu; gaarii ta’uu yoo baate garuu, nagaan keessan isiniif haa deebi’u. 14 Yeroo mana yookiin immoo magaala warra sirriitti isin hin simanne yookiin immoo waan isin dubbattan hin dhaggeeffanne gadi dhiistanii deemtan, awwaara isaanii miilla keessan irraa dhadha’adhaa. 15 Ani dhuguma nan isinitti hima; gaafa guyyaa firdii inni warra Sodoomii fi Gomoraa irra ga’u, kan magaala kanaa irra ga’u caalaa salphaa ni ta’a” jedhee isaan hubachiise. 16 “Hubadhaa! Ani akka hoolotaatti kan ani isin ergu yeeyyii gidduutti waan ta’eef, akka bofaa gamna ta’aa; akka gugees garraamii ta’aa. 17 Namoota irraa of eeggaa! Isaan yaa’ii mama murtiitti dabarsanii isiniin ni kennu; manneen sagadaa isaanii keessattis isiniin ni reebu. 18 Sana boodas, anaaf jettanii warra Waaqayyoon hin amanneef akka dhugaa baataniif jedhanii, fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaa duratti isiniin ni dhiheessamtu. 19 Yeroo qabanii isin kennanis, waa’ee waan dubbattanii fi attamitti akka dubbattan hin yaadda’iinaa; maal akka jettan yeroodhuma sana isiniif ni kennama. 20 Kan dubbattu isin miti; Afuurri Abbaa keessanii garuu isin keessaa ni dubbata. 21 Obboleessi obboleessa isaa, abbaanis mucaa isaa dabarsee ni kenna. Ijoolleenis warra isaanii irratti ka’anii, warra isaaniis ni in ajjeesus. 22 Isinis, sababa maqaa kootiif jettanii, hundumaa biratti ni jibbamtu. Eenyumtuu inni hanga dhumaatti rakkina isa irra ga’u obsu garuu, inni ni fayya. 23 Magaala isa tokko keessaa yoo isin ari’atan, gara magaala isa biraatti baqadhaa; ani dhuguma nan isinitti hima, Ilmi Namaa hanga dhufutti magaalota Israa’el adeemtanii waliin hin geessani. 24 “Barataan tokko barsiisaa isaa hin caalu; hojjetaan tokkos ajajaa isaa (nama isa hojjechiisu) hin caalu. 25 Barataan akka barsiisaa isaa, hojjetaanis akka hojjechiisaa isaa taanaan ni ga’a. Abbaa manaatiin Biilzebuul (Alaqaa Seexanaa) jedhanii waamu yoo ta’e, maqaan warra maatii mana sanaa ittiin waaman immoo hangam caalaatti gadhee ta’a ree! 26 Kanaafuu, dhoksaatti waan jiru keessaa waanti ifa hin baane waan hin jiraanneef, iccitiidhaan waan eegamee jiru keessaas, waanti hin beekamne waan hin jiraanneef, isaaniin hin sodaatinaa. 27 Dukkana keessatti waantan ani isinitti himu, ifa guyyaa keessatti dhageessisaa; waanta gurra keessaniitti asaasame, bantii manaa irra dhaabbadhaatii labsaa. 28 Warra foon ajjeesan, lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye, hin sodaatinaa. Isa foonii fi lubbuu ajjeesee boolla ibiddaatti naquu danda’u sana garuu sodaadhaa. 29 Simbirroonni lama saantima tokkootti hin gurguramnee? Garuu immoo, otoo Abbaan keesan hin beekiin, tokkoon isaanii ilIee lafatti hin kufani; 30 Garuu, rifeensi mataa keessanii illee hundumti isaa ni lakaa’ama. 31 Hin sodaatinaa. Isin simbirroota caalaa faayidaa ni qabdu. 32 Kanaafuu, nama namoota duratti anaaf dhugaa ba’eef, anis Abbaa koo isa waaqa keessa jiru duratti isaaf dhugaa nan ba’aaf. 33 Isa namoota duratti anaan kaade (gane) garuu, anis Abbaa koo isa waaqa keessa jiru duratti isaatiin nan kaada. 34 “Ani biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani haaduu fiduudhaaf malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. 35 Ani, ilma abbaa isaa irratti, intala haadha ishee irratti, haadha manaa ilmaa amaatii ishee irratti kaasuudhaafi kan ani dhufe. 36 Diinonni nama tokkoos namootuma warra maatii mana sana ta’anii jirani dha. 37 Namni anaan caalsisee abbaa yookiin haadha isaa jaalatu, inni anaaf gatii hin qabu; akkasumas, namni anaan caalsisee ilma yookiin intala isaa jaalatu, inni anaaf gatii hin qabu. 38 Namni fannoo isaa baatee ana duukaa hin buune, inni anaaf gatii hin qabu. 39 Namni inni jireenya ofii isaa barbaadu, jireenya isaa ni dhaba. Inni anaaf jedhee jireenya isaa dhabu garuu, jireenya ni argata. 40 “Namni inni siitiin simatu, anaatiinis ni simata; inni anaatiin simatus, isa ana ergeetiin ni simatama. 41 Namni inni raajii tokko, raajii ta’uu isaatiif simate, gatii raajii tokkoo ni argata; namni inni nama qajeelaa tokko, qajeelaa ta’uu isaatiif simate, gatii nama qajeelaa tokkoo ni argata. 42 Dhuguman isinitti hima, eenyumtuu inni isaan xixiqqaa kana keessaa, isa tokkoof waan inni barataa koo ta’eef, bishaan qabbanaa’aa hullee tokko illee yoo kennef, karaa kam illee yoo ta’e, inni gatii isaa hin dhabu.