11

1 Yasuus barattoota isaa kudha lamaan waan gochuu qabani isaanitti himuu erga raawwatee boodas, iddoo jiru sana gadi dhiisuudhaan gara magaalota isaanii barsiisuudhaa fi lallabuudhaaf deeme. 2 Yohaannis otoo mana hidhaa keessa jiruu, hojiiwwan Kiristoos yeroo dhaga’etti, karaa barattoota isaa Yasuusitti dhaamsa erge; 3 Ergaa isaatiinisoolotas, “Kan dhufuudhaaf jiru si dha moo kan biraa haa eegganuu?” isaatiin jedhee gaafate. 4 Yasuusis, “Deemaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohaannistti himaa. 5 Warri jaamanii turan, deebisanii argani; waarri miilli isaanii laamsha’ee ture, ni adeemani; qurcoonni ni fayyani; warri duudaan, deebisanii ni dhaga’ani; warri du’ani, deebisanii lubbuu horani; warra hiyyeessotaafis wangeelli lallabamaa jira. 6 Eenyumtuu inni waa’ee kootiif hin gufanne, ebbisamaa dha” jedhee isaaniif deebise. 7 Warri ergaman kunis erga deebi'anii, Yesus waa'ee Yohannis cuuphaa namootatti dubbachuu jalqabee, "Maal arguu Yohannis bira gara lafa onaa dhaqxan? Jajjaba qilleensi raasuu? 8 Garuu maal ilaaluudhaaf deemtani ture? Nama uffata bareedaa uffatee jiru miti hin turree? Dhugumatti garuu, warri uffata bareedaa uffatan mana moototaa keessa jiraachaa jiru. 9 Garuu maal ilaaluuf baatani? Raajii ilaaluudhaafii? Eyyee, ani nan isinitti hima, isin ilaaluuf kan baatani isa raajii irra iyyuu kan caaluu dha. 10 Inni kuni isa waa’een isaa barreessameefi dha. Innis, “Hubadhu, ani ergamaa koo, isa karaa kee siif qopheessuu, si dura nan erga” jedhamee kan barreessame dha. 11 Ani dhuguman isinitti hima, namoota dubartiin deesse gidduudhaa, namni Yohaannis Cuuphaa caalaa cimaan hin dhalanne. Garuu, mootummaa waaqaa keessatti inni hundumaa irra xinnaa ta’e iyyuu immoo isa ni caala. 12 Baroota Yohaannis Cuuphaa irraa jalqabee hanga ammaatti, mootummaan waaqaa finciltootaan dhiibbachaa jira; warri finciltootnis humnaan mootummaa waaqaa ni fudhatu. 13 Raajonni hundumtuu fi seerri hanga bara Yohaannis Cuuphaatti turaniis, kanuma raajii ba’aa turani. 14 Kana fudhachuudhaaf qophaa’ota yoo taatani, inni dhufuuf jedhee ture Eeliyaas dha. 15 Inni gurra dhagga’u qabu, haa dhagga’u. 16 Dhaloota bara kanaa, maal waliin wal bira qabee madaaluun natti jiraa? Eeyyee, dhalootni bara kanaa akka ijoollee lafa gabaa keessa taa’anii hiriyyoota isaanii waamanii ti; 17 Isaanis, ‘Nuti ulullee isiniif afuufnaan, isin garuu hin sirbine (shubbisne); nuti faaruu gaddaa isin dhageessifne, isin garuu hin boonye’ warra jedhanii dha. 18 Yohaannis otoo hin nyaatiin, otoo hin dhugiinis waan dhufeef, isaan garuu, ‘Inni Seexana qaba’ jedhani. 19 Yeroo Ilmi Namaa nyaatees, dhugees dhufe immoo, isaan, ‘Ilaalaa, namicha kana, isa albaadhessaa fi machaa’aa kana, isa michuu warra gibira sassaabanii fi hiriyyaa warra cubbamtoota!’ jedhani. Ogummaan garuu hojiiwwan isheetiin ni qulqulloofti. 20 Sana boodas, Yasuus magaalota warra raajiiwwan isaa garri caalaan keessatti hojjetaman, waan isaan balleessaa isaaniitti gabbanii dhiifamaan irraa deebi’uu didaniif, isaan qeequu jalqabe. 21 “Siif wayyoo, yaa Koraaziin! Siif wayyoo, yaa Beetesaayida! Raajiiwwan isin keessatti hojjetaman, otoo Xiiroosii fi Sidoon keessatti hojjetamanii ture ta’ee, sabni isaan keessa jiraatu yoona kana duruu uffata gaddaa uffatanii, daaraas ufitti dibanii cubbuu isaanii of irraa dhiqaniiru ture. 22 Ani garuu nan isinitti hima, guyyaa firdiin itti kennamu sana, firdiin Xiiroosii fi Sidooniif kennamu kan keessan irra ni salphata. 23 Yaa Qifirnaahoom, amma ati waaqaatti waan ol fudhatamtu sitti fakkaataa? Hin ta’u; ati boolla ibiddaatti gadi darbatamta. Raajiiwwan si keessatti hojjetamanii turani, otoo Sodoom keessatti godhamtanii ture ta’ee, hanga har’aatti Sodoom dhaabatee ni argama ture. 24 Ani garuu nan isinitti hima, guyyaa firdiin kennamu sana, kan biyya Sodoom kan kee caalaa ni salphata. 25 Sa’aatii sanattis, Yasuus, “Yaa Abbaa, Gooftaa waaqaa fi lafaa, waantota kana warra gamnaa fi beekaa jalaa dhoksitee, ijoollee xixinnootti waan mul’ifteef sin galateeffadha; 26 Eeyyee, yaa Abbaa, kuni isa siitiin gammachiisu dha. 27 Waanti hundumtuu kan kan anaaf laatame Abbaa irraati; Abbaa irraa kan hafe, namni Ilma beeku hin jiru; Ilma irraa kan hafe, Abbaa kan beeku hin jiru; nama Ilmi itti mul’isuuf filate malee, Abbaa kan beekus hin jiru. 28 Warri itti dhamaatanii dadhabdanii fi warri ba’aan keessanis isinitti ulfaate hundumti keessanuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniif nan kenna. 29 Waanjoo koo ana irraatti fuudhadhaa; ana irraattiis baradhaa, ani garaa kootti garraamii fi nama gadi jedhee jiraatu silan ta’eef, boqonnaa lubbuu keessaniifis ni argattu. 30 Waanjoon koo salphaa dha;, ba’aan koos hin ulfaatu” jedhe.