12

1 Yeroo sana Yasuu guyyaa gaafa Sanbataa maasii midhanii tokko keessa darbe. Barattoonni isaa beela’anii waan tureef, asheetii isaa ciranii nyaachuutti ka’ani. 2 Warri Faarisootaa yeroo kana argan garuu, Ysuusiitiin, “Ilaali; barattoonni kee waanta gaafa Sanbataan hojjechuun seeraan ala ta’e hojjechaa jiru” jedhani. 3 Yasuus garuu, “Daawwitii fi namoonni isa wajjin turani yeroo beela’anii turani waan godhanii ture isin tasuma hin dubbifne?” jedhee isaaniif deebise. 4 Daawwit mana Waaqayyoo keessa seenee, buddeena kennaaf dhiyaate, isa luboota irraa kan hafe namni biraan nyaachuun seeraan ala ta’e, innis, namootni isa wajjin turanis, ni nyaatani. 5 Guyyaa gaafa Sanbataa, luboonni mana sagadaa keessatti Sanbata akka xureessan, garuu immoo akka balleessaatti akka isaanitti hin lakkaa’amne, isin seericha keessaatti hin dubbifnee? 6 Ani garuu nan isinitti hima; mana sagadaa kan caalu as jira. 7 Isin, inni ‘Ani dhiifama (garaalaafina) malee, aarsaa hin barbaadu’ jedhu, hiikni isa maal jechuu akka ta’ee, otoo beektaniittu ture ta’ee, warra yakka hin qabne, hin yakkitani ture. 8 Ilmi Nammaa suni, Gooftaa guyyaa gaafa Sanbataa sanaati” isaaniin jedhe. 9 Achiin boodas, Yasuus bakka sana gadi dhiisee deemee, mana sagadaa isaanii keessa lixe. 10 Kunoo, namni harkii iaa naafaate tokko achi ture. Warri Faarisootas cubbuudhaan isa yakkuudhaaf jedhanii, “Guyyaa Sanbataa fayyisuun seeraan danda’amaa dha?” jechuudhaan isa gaafatani. 11 Yasuusis, “Isin keessaa namni hoolaa tokko qabuu fi hoolaan isaas guyyaa Sanbataa boolla keessatti yoo kufe, inni hoolaa isaa qabee achi keessaa hin baafne, nama isa kami dha? 12 Egaa, faayidaan namaa kan hoolaa irra hangam caalaatti guddaa dha! Kanaafuu, guyyaa Sanbataa waan gaarii hojjechuun seeruma dha” jedhee isaanitti hime. 13 Sana booddees, Yasuus namichaatiin, “Harka kee diriirsi!” jedhe. Innis harka isaa ni diriirse; harki isaas, akkuma harka isa fayyaa, deebi’ee fayyaa ta’e. 14 Warri Fariisotaa garuu gadi ba’aniiisa irratti mari’atani. Isaan isa balleessuudhaaf barbaadu. 15 Yasuusis kana waan bareef, achii deeme. Namoonni baayy’eenis isa duukaa deemani; innis hunduma isaanii ni fayyise. 16 Namoota biraattis akka isa hin beeksifne isaan akeekkachiise. 17 Kunis isa Isaayyas raajichaan dubbatamee ture akka raawwatamuufi dha. 18 Innis, “Hojjetaa koo isa ani filadhe, isa jaallatamaa koo, isa lubbuun koo itti gammadu, ilaalaa. Ani Afuura koo isa irra nan buusaa (kaa’a); innis warra Waaqayyoon hin amanneef firdii qajeelaa ta’e ni labsa. 20 19 Inni hin jeequ; hin iyyus; namni tokko illee sagalee isaa daandii irratti hin dhaga’u. ² 20 Hanga dhugaan firdii akka argattu godhutti, shambaqqoo cabuu ga’e iyyuu hin cabsu; fo’aa (kirrii) laambaa (kurraazii) aaraa jiru iyyuu hin dhaamsu; 21 Warri Waaqayyoon hin amannees, maqaa isaatti ni abdatu” isa jedhamee ture dha. 22 Sana boodas, namni jaamaa fi arrabni isaa hidhamee, afuura seexanaatiinis qabamee jiru tokko, gara Yasuusitti fidame. Yasuusis, akka arrabni isaa dubbatuttii fi akka ijji isaa argutti godhee isa fayyise. 23 Namoonni achitti walitti qabamanii jiran hundumtuu waan ta’etti dinqamanii, “Kuni Ilma Daawwit ta’uu ni danda’aa?” jedhani. 24 Warri Faarisootaa yeroo raajii kana dhaga’ani garuu, “Namichi kuni, Bi’eel Zebuliitiin, isa ilma angafa Seexanootaatiin, yoo ta’ee malee, afuura seexanaa baasu hin danda’u” jedhani. 25 Yasuus garuu yaada isaanii baree waan tureef, “Mootummaan inni tokkummaan isaa gargar ba’e inni kam iyyuu, magaalli inni tokkummaan isaa gargar ba’e inni kam iyyuu, akkasumas, manni inni tokkummaan isaa gargar ba’e inni kam iyyuu, dhaabachuu hin danda’u. 26 Seexannis Seexana baasa yoo ta’e, inni tokkummaan isaa gargar ba’ee jira. Mootummaan isaa egaa attamitti dhaabachuu danda’a? 27 Ani Bi’eel Zebuliitiin afuurota seexana nan baasa yoo ta’e, ilmaan keessan eenyuutiin isaan baasu? Sababa kanaafis jecha, isaan isin irratti warra faradan ni ta’u. 28 Ani afuura seexanootaa kan ani baasu Afuura Waaqayyootiin yoo ta’e garuu, mootummaan Waaqayyoo isin irratti dhufeera. 29 Eenyumtuu mana nama cimaa tokko keessa seenee qabeenya isaa saamee deemuu attamitti danda’a, namicha cimaa sana duraa dabarsee yoo hidhe malee? Erga isa hidhee booda garuu, qabeenya isaa saamee deemuu ni danda’a. 30 Namni inni ana wajjin (faana) hin taane, inni anaaf diina koo ti; akkasumas, namni inni ana wajjin walitti hin qabamne, ni bittinsa. 31 Kanaafuu, ani isinitti nan hima; cubbuu fi arrabsoon inni kam illee namootaaf ni dhiifamu; arrabsoon Afuura Qulqulluu irratti ka’u garuu hin dhiifamu. 32 Namni inni hamaa Ilma Nama dubbatu kam iyyuu dhiifama ni argata. Namni inni hamaa Afuura Qulqulluu dubbatu kam iyyuu garuu, biyya lafaa isa kanattis, biyya lafaa isa dhufuuf jedhuttis, dhiifama hin argatu. 33 Muka gaarii dhaabaa; midhaan isaas gaarii ni ta’a; yookiin immoo, muka gadhee dhaabaa; midhaan isaas gadhee ni ta’a; mukti addaan baasamee kan beekamu, midhaan inni baasuun (kennuun) dha. 34 Isin warra sanyii mar’ataa; isin cubbamtoota (hamtoota) waan taataniif, attamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Afaan kan dubbatu isa garaa keessa guute jiru dha. 35 Namni gaariin, qabeenya gaarummaa garaa isaa keessaa jiru keessaa, gaarii ni baasa; namni hamaanis, qabeenya hammina garaa isaa keessaa jiru keessaa, hamaa ni baasa. 36 Ani nan isinitti hima, gaafa guyyaa firdii, namoonni dubbii yaada malee afaan isaanii keessaa ba’e hundumaaf, itti ni gaafatamu. 37 Dubbiiwwa keessaniin, dhugaa ni argattu; dubbiiwwan keessaniinis, isinitti ni yakkamtu”. 38 Yeroo sanattis, warra barreessitoota fi Faarisoota keessaa namoonni muraasni, “Yaa barsiisaa, akka ati mallattoo (milikkita) nutti argisiiftu ni barbaanna” jedhanii Yasuusiin gaafatani. 39 Yasuusis, “Dhaloonni cubbamaa fi sagaagalaan milikkita ni barbaada. Milikkita Yoonaas raajicha irraa kan hafe garuu, milikkinni tokko illee issaf hin kennamu. 40 Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, Ilmi Namaas guyyaa sadii fi halkan sadiif garaa lafaa keessa turuuf ni jira. 41 Gaafa guyyaa firdiis, uummanni Nanawwee dhaloota kana wajjin ka’anii, ittis ni faradchiisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga’ani, balleessaa isaanitti gaabbanii dhiifamaan irraa deebi’anii jiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas caalaa cimaa ta’e tokko as jira. 42 Mootitiin biyya Kibbaa guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa kanaa wajjin ni kaati; isaaniinis yakkitee firdiitti isaan dhiheessiti. Isheenis biyya fagoodhaa kan dhufte ogummaa Solomoon dhaggeeffachuudhaaf ture; amma garuu, kunoo, inni Solomoon irra cimaa ta’e as jira. 43 Afuurri qulqulluu hin taane name keessaa yeroo ba’u, iddoowwan bishaan hin qabne keessa darbuudhaan bakkeewwan itti aara galfatu barbaada; garuu immoo hin argatu. 44 Sana boodas, inni ‘Mana koo isan keessaa ba’ee dhufeetti nan deebi’ee gala’ ni jedha, manichis qulqulleessamee haramee waan sirreessamee jiruuf, duwwaa isaa ni argata. 45 Itti aanees, afuurota toorba warra isa caalaa hamaa ta’an of duukaa fudhatee deemuudhaan hundumti isaanis achi manicha keessa ni jiraatu. Achiin boodas, jireenyi namichaa isa duraa caalaa hammaataa ta’a. Kan dhaloota cubbamaa ammaa kanaas akkasuma ni ta’a” jedhe. 46 Yeroo Yasuus namootaa isa biratti walitti qabamanii jiran itti dubbachaa turettis, kunoo, haati isaa fi obboloonni isaa, isatti dubbachuu waan barbaadaniif, ala dhaabachaa turani. 47 Namni tokkos, “Kunoo ilaali; haati kee fi obboloonni kee, sitti dubbachuu barbaadaniitu ala dhaabatanii jiru” ittiin jedhe. 48 Yasuus garuu, “Haati koo eenyu dha? Obboloonni koos eenyufaa dha?” jedhe namichatti deebise hime. 49 Sana boodas, harka isaa gara barattoota isaatiitti qabee, “Haati koos, obboloonni koos, kunooti! 50 Eenyumtuu, inni jaalala Abbaa koo isa waaqa keessaa hojjetu, inni obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo ti” jedhe.