13

1 Guyyaadhuma sanas Yasuus manaa ba’ee galaana qarqara taa’e. 2 Namoonni hedduun isatti naanna’anii waan walitti qabamaniif, bidiruu tokko yaabbatee isa keessa taa’e; namoonnis qarqara galaanichaa dhaabbatani. 3 Sana booddees, Yasuus, fakkeenya garaa garaatiin, waan heduu isaanitti hime. Innis, “Kunoo, qotee bulaan tokko sanyii facaasuudhaaf gadi ba’e. 4 Yeroo facaasuus, sanyiin tokko tokko karaa bukkeetti bu’ani (harca’ani); simbirroonni immoo dhufanii isaan nyaatani. 5 Sanyiin warri kaan immoo lafa dhagaa biyyoo baay’ee hin qabne irratti bu’ani. Biyyoon isaan irra bu’ani gadi fageenya waan hin qabneef, isaan dafanii biqilani. 6 Akkuma aduun isaanitti ba’een garuu ni cooligani; hiddas waan hin qabneef, ni gogani. 7 Sanyiin warri kaan immoo mukoota qoraattii qaban gidduutti bu’ani. Mukoonni qoraattii qaban yeroo guddatan, isaan wawwaraanani. 8 Sanyiin warri kaan biyyoo gaarii irra bu’anii midhaan godhatani; oomishni isaaniis, kan gar tokkoo dachaa dhibba, gar tokko dachaa jaatama, gar tokko immoo dachaa soddoma ta’e. 9 Namni inni gurra qabu, haa dhagga'u” isaaniin jedhe. 10 Barattoonni isaas dhufanii, “Maaliif fakkeenyaan isaanitti dubbatta?” jedhanii Yasuusiin gaafatani. 11 Yasuusis, “Iccitiiwwan mootummaa waaqaa beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne. 12 Isa qabuuf, dabalataan waan isaaf kennamuuf, inni kan isa irraa hafu iyyuu ni qaba. Inni hin qabne garuu, waan inni qabu iyyuu isa irraa ni fudhatama. 13 Ani fakkeenyaan kan isaanitti dubbadhus, kanaafi dha. Isaan ni ilaalu yoo ta’es, hin argani; ni dhaga’u yoo ta’es, hin dhaggeeffatanii; yookiin immoo isaaniif hin galu (hin hubatani).. 14 Inni Isaayyas raajee ture isaan irratti raawwatamee jira; innis isa, ‘Dhaga’uummaa, ni dhageessu; garuu, isin tasuma hin hubattani; ilaaluummaa, ni ilaaltu; garuu, isin tasuma hin beektani. 15 Yaadni garaa saba kanaa hadoodee waan jiruuf, gurri isaanii hin duudeera; ijji isaaniis dununfachiisameera. Akkas ta’uu otoo baatee, ija isaaniitiin akka argan, gurra isaaniitiin akka dhaga’an, akkasumas, yaada garaa isaaniitiinis akka deebi’ani hubataniif, anuu nan isaan fayyisa ture’ inni jedhee ture dha. 16 Ijji keessan waan arguuf, gurri keessanis waan dhaga’uuf, isin garuu eebbifamtoota dha. 17 Ani dhuguman isinitti hima; raajonni fi namoonni qajeelloo baay’een isa isin argitan kana arguuf barbaadanii ture; garuu immoo hin argine; akkasumas, waan isin dhageessan, dhaga’uuf hawwanii ture; garuu immoo hin dhageenye” jedhee isaaniif deebise. 18 Egaa, hiikkaa fakkeenya namicha isa sanyii facaasee dhaggeeffadhaa. 19 Namni tokko dubbii mootummichaa dhaga’ee hubachuu yoo baate, inni cubbamaan (hamaan) dhufeetu dubbicha isa garaa isaa keessatti facaasamee ture butee ni deema. Kuni sanyii isa karaa bukkeetti facaasamee ture dha. 20 Sanyiin inni lafa dhagaa irratti facaasame, nama isa dubbicha akkuma dhaga’een fudhatee gammadu dha 21 Inni hidda (hundee) kan mataa isaa waan hin qabneef, yeroodhaaf qofaa tura. Sababa dubbicha irraa.kan ka’e, gaafa rakkinni yookiin immoo ari’atamuun ka’u, dafeetu kufa. 22 Namni inni dubbicha dhaga’u, garuu immoo inni waa’ee biyya lafaa waan dhimmamuuf, qabeenyaanis waan gowwomsamuuf, dubbichi isa jalaa waan wawwaraanamuuf, bu’aa (firii) otoo hin horiifiin hafa; namnichi kunis, sanyii isa qoraattii gidduutti facaasamee dha. 23 Sanyiin inni biyyoo gaarii irratti facaafame immoo, namicha isa dubbicha dhaga’uu fi hubatu bakka bu’a. Inni ija ni godhata; midhan isaas inni tokko harka dhibba, inni tokko harka jaatama, inni kaan immoo harka soddoma ni baayy’ata” jedhe 24 Yasuus ammas fakkeenya biraa tokko isaanitti hime. Innis akkas jedhe: “Mootummaan waaqaa nama sanyii gaarii lafa qotisa isaa irratti facaafate wajjin wal fakkaata. 25 Yeroo namoonni rafanitti garuu, diinni namichaa dhufee qamadii gidduutti sanyii aramaa facaasee deeme. 26 Midhaanichi guddatee ija yeroo godhate, aramaan sunis( inkirdaadichis) ni mul’ate. 27 Hojjettoonni abbaa lafaa sunis isa bira dhufanii, ‘Goofta, ati sanyii gaarii facaftee hin turee? Amma immoo attamitii aramaa godhate?’ jedhanii isa gaafatani. 28 Inni immoo, ‘Diinatu akkas godhe’ jedhe. Hojjettoonni isaas, ‘Akka nuti dhaqnee aramaa sana buqqifnee gatnu ni barbaaddaa?’ jedhaniin. 29 Abbaan lafaa sun garuu, ‘Yeroo aramaa sana buqqiftan, qamadii faana buqqisuu waan maltaniif, lakki dhiisaa. 30 Hamma midhaan ga’ee sassaabamutti lachuu walumaa faana haa guddatani. Yeroo midhaan sassaabamu, anuu warra haamaniitiin, “Dura aramicha (inkirdaadicha) bubuqqisanii bilsii bilshiidhaa (kaasuu kaasuudhaan) walitti qabanii hidhuudhaan akka guban, qamadicha garuu gumbii kootti akka anaaf naqan nan isaanitti hima” jedhee isaanii deebise. 31 Itti aansees, Yasuus fakkeenya biraa tokko isaanitti hime: “Mootummaan waaqaa nama sanyii sanaaficaa fuudhee lafa qotisaa isaa irratti facaase wajjin wal fakkaata. 32 Dhugaa dhumatti, ijji sanyii kanaa ija sanyii hundaa irra xiqqaa dha. Yeroo guddatutti garuu midhaan maasaa keessa jiran hunduma irra caalee guddaa ta’a. Muka guddaa waan ta’uufis, simbirroonni waaqaa dhufanii dameewwan isaa irratti godoo isaanii ni ijaarratu” jedhe. 33 Yasuus ammas itti dabalee fakkeenya biraa isaanitti hime. “Mootummaan waaqaa raacitii dubartiin fuutee daakuu safartuu sadii itti maktee hanga bukoon bukaa’utti bukeessitu fakkaata” jedhe. 34 Yasuus, waantota kanneen hunda namoota achitti walitti qabamanii jiranitti, fakkeenyaan dubbate; fakkeenya malees waan tokko iyyuu isaanitti hin dubbanne. 35 Kunis kan ta’e, inni raajichaan dubbatamee ture akka raawwatamuufi dha. Innis, “Ani fakkeenyaan afaan koo saaqqa dha. Uumamuu biyya lafaa irraa jalqabee waantota dhokatanii turanis, nan hima” kan jedhu ture. 36 Achiin boodas, Yasuu namoota achitti walitti qabamanii jiran gadi dhiisee, gara manaa lixe. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Fakkeenya aramaa maasaa keessaa sana unuuf hiiki” jedhanii isa gaafatani. 37 Yasuusis, “Namichi inni sanyii gaarii facaasu, Ilma Namaa ti. 38 Lafti qotisaa, biyya lafaa ti; sanyiin gaariin sunis, ilmaan mootummaa ti. Aramoonni suni immoo, ilmaan isa cubbamaa (hamaa) ti. 39 Diinichi inni sanyii aramaa facaase immoo Seexana dha. Sassaabbiin midhaanii immoo guyyaa dhuma biyya lafaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqayyoo ti. 40 Kanaafuu, yeroo aramaan walitti qabamee ibiddaan gubamu, yeroon kuni dhuma biyya lafaa tis. 41 Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis mootumma isaa keessaa waantota nama gufachiisan fi warra seeraan ala hojjetan hunduma walitti qabu 42 Ergamoonni sunis, waantota walitti qaban, boolla ibiddaa, iddoo itti boo’anii fi ilkaan walitti qaran, keessatti gadi darbatu. 43 Achiin booda egaa, namoonni warri qajeelloon mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka biiftuutti ni ifu. Namni inni gurra qabu, mee haa dhaggeeffatu” jedhee isaaniif deebise. 44 “Mootummaan waaqaa akka qabeenya lafa qotisaa keessa dhokfamee kaa’amee tokkoo ti. Namni tokkos qabeenya kana argee deebisee erga dhoksee. Innis gammachuudhaa deemuudhaan waan qabu hundas gurguruudhaan laficha ni bitata. 45 Ammas, mootummaan waaqaa daldalaa isa calleewwan gatii guddaa qaban barbaadaa jiru fakkaata. 46 Naggaadichis callee gatii guddaa baasuu waan argateef, deebiuudhaan waan qabu hunduma gurguruudhaan callee sana bitate" jedhe. 47 Ammas, “Mootummaan waaqaa kiyyoo galaana keessatti darbatamee qurxummoota adda adda hunduma walitti qabe fakkaata. 48 Kiyyichi yeroo guutettis, warri qurxummii baasan qarqara galaanaatti harkisanii baasanii. Isaanis, gadi taa’ani, qurxummoota isaan gaggaarii qodaa isaaniitti naqantanii; isaan gaggadhee ta’an immoo achi gatani. 49 Gaafa guyyaa isa dhumaas, akkasuma in ta’a. Ergamoonni Waaqayyoos dhufanii warra hamoota warra qajeelota gidduudhaa ni baasu. 50 Warra hamoota sanas boolla ibiddaa, iddootti boo’amuu fi ilkaan walitti qaramu, keessatti ni darbatu jedhe. 51 Waantota kana hunduma hubattaniittuu?” jedhees isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee” jedhanii isaaf deebisani. 52 Sana boodas, Yasuus, “Kanaafuu egaa, barreessaan kam iyyuu inni barataa mootummaa waaqaa ta’ee jiru, abbaa manaa, isa qabeenya isaa keessaa warra moofaa fi warra haaraa ta’ani gadi baasu, ni fakkaata” jedhe. 53 Yeroo sanattis, Yasuus fakkeenyota kanneen xumuree waan tureef, iddoo sana gadi dhiisee deeme. 54 Achiin boodas, Yasuus naannoo bakka dhaloota isaa seenee, namoota achii mana sagadaa isaanii keessatti isaan barsiise. Kana irraa kan ka’eenis, namoonni waan ta’etti dinqisiisamani, “Namichi kuni ogummaa isaa kanaa fi humna (aangoo) raajii hojjetu kan eessa argate? 55 Namichi kuni ilma isa muka soofu sanaa mitii? Haati isaa ishee Maariyaam jedhamtu mitii? Obbolonni isaa Yaaqoob, Yooseef, Simi’oonii fi Yihudaafaa mitii? 56 Obboleettonni isaa hundumtuu as unu bira jiru mitii? Waantota kanneen hunda eessaa argatee ree?” jedhani. 57 Kanaafis, isaan isatti ni aarani. Yasuus garuu, “Raajiin bakka biraatti malee, biyya isaa fi, maatii isaa keessatti ulfina hin argatu” isaaniin jedhe. 58 Sababa isaan amantii dhabaniifis jecha, Yasuus raajiiwwan baay’ee achitti hin hojjenne.