14

1 Yerooduma sanattis, Herood, inni abbaa biyyaa sanaa, oduu waa’ee Yasuus dhaga’ee ture. 2 Innis hojjetoota isaatiin, “Inni kuni Yohaannis cuuphaa dha; inni du’aa kaafameera. Kanaafuu, humnoonni kunneen isaatiin hojjetamaa jiru” jedhe. 3 Herood Yohaannisiin qabee hidhuudhaan mana hidhaatti kan galchee waa’ee Heroodiyaas, haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiif jedheetu ture. 4 Sababni isaas, yeroo sana, Yohaannis Heroodiin, “Ati ishee haadha manaa godhatee fuudhuun kee seera miti” jedhee waan tureef dha. 5 Innis Yohaannisiin ni ajjeesa ture; garuu immoo namootni Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif, isaaniin sodaateetu dhise. 6 Gaafa guyyaan dhaloota Heerood kabajamaa turetti garuu, intalli Heroodiyaas namoota gidduutii baatee waan shubbisteef (sirbiteef) Heroodiin gammachiifte. 7 Heroodis waan isheen kana isaaf jettee gooteef jecha, waanuma isheen gaafatte isheedhaaf akka kennu kakaadhaan waadaa gale. 8 Intalattiinis, haadha ishee irraa gorsa erga fudhatee booda, “Mataa Yohaannis isa cuuphaa gabatee kana irratti as fidii anaaf kenni” jette. 9 Mootichis waan isheen isa gaafattetti ni gadde; garuu immoo sabaa kakatee fi sababa, warra affeerraa hirbaata sana irratti isa wajjin jiran hundumaaf jedhee, waan isheen gaafatte akka raawwatu ajaje. 10 Namootas ergee, Yohaannisiin mana hidhaa keessatti morma isaa irraa kuchisiise. 11 Mataan isaas fidamee gabatee irra kaa’amee intalattiidhaaf kenname; isheenis haadha isheetti geessite. 12 Achiin boodas, barattoonni Yohaannis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalani. Eerga kana godhanii booddees, deemanii Yasuusitti himani. 13 Yasuus yeroodhuma kana dhaga’etti, bakka sana gadi dhiisuudhaan, bidiruu yaabbatee gara bakka namni hin jirre tokkotti deeme. Namoonni isa biratti walitti qabamanii turan deemuu isaa yeroo dhaga’anis, magaalota keessaa ba’anii miillaan isa duukaa bu’ani. 14 Sana boodas, Yasuus dura isaanii dhufee, tuta namootaa sana arge. Innis isaaniif waan gaddeef (garaa laafeef), dhukkubsatoota isaanii ni fayyise. 15 Yeroo galgalli ga’ettis, barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Bakka kana homtuu hin jiru; sa’aatiinis sokkeera. Gara gandootaa deemanii waan nyaatan bitachuu akka danda’aniif, namoota asitti walitti qabamanii jiran kana gaggeessi” jedhanii isa gaafatani. 16 Yasuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinumti waan nyaatan wa’ii kennaafi” isaaniin jedhe. 17 Isaanis deebisanii, “Nuti daabboo (buddeena) shanii fi qurxummii lama qofaa asii qabna” jedhanii itti himani. 18 Yasuusis, “Gara kootti fidaa” jedhe. 19 Achiin boodas, namoonii marguma irra akka taa’an isaanitti hime. Buddeena shananii fi qurxummii lamaan sanas ni fuudhee. Gara waaqaatti ol ilaaluudhaanis erga eebbisee booda cacabsuudhaan barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf kennani. 20 Hundumti isaaniis nyaatanii quufani. Achiin boodas, barattoonni nyaatamee kan hafe qircaatii kudha lama guutuu walitti qabani. 21 Warri nyaatanis, dubartootaa fi ijoollee otoo hin dabalatiin, dhiirota (namoota) gara kuma shanii turani. 22 Yasuus, battaluma sanatti, hanga inni namoota gaggeessutti, barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii isa dura gamatti akka ce’an godhe. 23 Namoota sana erga gaggeessee booddees, Yasuus kophaa isaatti kadhachuudhaaf tulluu irratti ol ba’e. Hanga galgalaa’uttis, kophaa isaa achi ture. 24 Yeroodhuma kanattis, bidiruun suni qarqara galaanaa irraa erga fagaattee booda garuu qilleensi gara isheetti waan qilleensa’eef, bubbee (qilleensa) galaanaatiin asii fi achi raasamaa turte. 25 Halkan keessaa sa’aatii kudhan yeroo ta’utti Yasuus bishaan galaanaa irra adeemaa gara isaaniitti hiiqe. 26 Barattoonni isaas, otoo inni bishaan galaanaa irra adeemaa jiruu yeroo arganitti, baay’ee na’anii, “Kuni ekeraa dha” jechaa, sodaatanii iyyani. 27 Yasuus garuu, “Gootomaa (Gootota ta’aa)! Ana dha! Hin sodaatinaa!”jedhee dafee isaanitti dubbate. 28 Pheexroos, “Gooftaa, si dha yoo ta’e, bishaan irra adeemee gara kee akkan dhufu, nan ajaji” jedhee isaaf deebise. 29 Yasuusis, “Kottu” jedhe. Pheexroosis bidiruu keessaa ba’ee gara Yasuusitti galaana irraa adeemuutti ka’e. 30 Pheexroos qilleensa cimaa yeroo argetti garuu, ni sodaate. Akkuma gadi liqimfamuu jalqabeenis, “Maaloo Gooftaa ko, na oolch (kana jalaa na baasi)!” jedhee iyye. 31 Yasuusis dafee harka isaa hiixatee Pheexroosiin erga qabee booda, “Yaa namicha amantii xinnoo! Maaliif shakkite?” isaatiin jedhe. 32 Sana boodas, yeroodhuma Yasuusii fi Pheexroos bidiruu yaabbatanitti, qilleensi sunis ni dhaabbate. 33 Achumaanis, barattoonni warri bidiruu keessaa Yasuusiif sagadanii, “Ati dhugumatti Ilma Waaqayyoo ti!” ittiin jedhani. 34 Galaanas ce’anii, biyya Genesaareet jedhamutti ba’ani. 35 Namoonni bakka sanaa Yasuus ta’uu isas yeroo baranittis, ergaa naannoo bakka sanaa hundumaatti erganii; wara dhukkubsachaa jiran hundumas gara isaatti fidani. 36 Warri dhukkubsattoonnis fiixee wayyaa isaa takkaa dhuma illee akka tuqaniif isa kadhatani; warri fiixee wayyaa isaa xuqan hundumti isaaniis ni fayyani.