15

1 Sana boodas, Faarisoonnii fi barreesitoonni muraasni Yerusaalem irraa gara Yasuus dhufanii. 2 Isaanis, “Barattoonni kee maaliif aadaa (barsiisa) abboota keenyaa cabsu (irra daddarbu)? Isaan harka otoo hin dhiqatiin buddeena nyaatu” jedhanii isa gaafatani. 3 Yasuusis, “Ergasii, isinis barsiisa keessaniif jettanii maaliif abboommii Waaqayyoo cabsitu (irra daddarbitu)? 4 Waaqayyo, ‘Abbaa fi haadha keef ulfina kenni’; akkasumas, ‘Namni inni hammeenya waa’ee abbaa isaa fi haadha isaa odeessu dhugaa dhumatti ni du’u’ jedheera. 5 Isin garuu, ‘Namni kam iyyuu inni abbaa isaa fi haadha isaatiin, “Gargaarsi ati Ana irraa argattee turte inni kam iyyuu kennaa Waaqayyoof kenname dha”; 6 Namichi suni abbaa isaa kabajuun isa hin barbaachisu. Akka kanaanis, isin barsiisa keessaniif jettanii dubbii Waaqayyoo gadi gattanii jirtu. 7 Isin, yaa warra ofittoo! Isaayyas waa’ee keessan gaariitti raajee ture yeroo inni akkas jedhee ture: 8 ’Namoonni kuni afaan isaaniitiin ni na kabaju; garaan isaanii garuu baay’ee ana irraa fagaata. 9 Isaan sobanii anaaf ni sagadu; sababni isaas, isaan akka seeraatti kan barsiisan seera namootaa waan ta’eef dha’” isaaniin jedhe. 10 Sana boodas, Yasuus namoota achitti walitti qabamanii jiran ofitti waamee, “Dhaggeeffadhaatii hubadhaa 11 Waanta afaan seenu keessa kan nama xureessu hin jiru. Kana irra garuu, kan nama xureessu waanta afaan namaa keessaa ba’u dha” isaaniin jedhe. 12 Achiin booddees, barattoonni gara isaa dhufanii, “Warri Faarisootaa dubbii ati jette yeroo dhaga’ani akka aarani beektee jirtaa?” jedhanii isa gaafatani. 13 Yasuusis, “Biqiltuu Abbaan koo inni waaqa keessaa hin dhaabne kam iyyuu ni buqqifama. 14 Waa’ee isaanii dhiisaa. Isaan jaamota warra jaamaa harkisani dha. Jaamaan tokko jaamaa isa biraa harkisa yoo ta’e, lamaan isaanii iyyuu boolla keessa ni bu’u” jedhee isaaniif deebise. 15 Pheexroos garuu, “Fakkeenya kana mee unuuf ibsi” deebisee isa gaafate. 16 Yasuusis immoo deebisee “Atis hanga ammaatti hin hubannee? 17 Waanti afaan keessa seenu kam iyyuu garaacha keessatti erga darbee booda mana fincaanii keessatti akka gadi ba’u hin hubannee? 18 Waantotni afaan keessaa ba’an garuu, yaada garaa namaa keessaa ba’u. Isaan waantota nama xureessani dha. 19 Yaadonni hammeenyaa kan akka, nama ajjeesuu, ejjuu, halalummaa wal qunnamtii saalaa, hanna, sobaan dhugaa ba’uu fi nama salphisuun hundumtuu kan maddan yaada garaa keessaa irraa ti. 20 Waantotni nama xureessani isaan kana dha. Harka hin dhiqamneen nyaachuun garuu, nama hin xureessu” jedhee itti hime. 21 Achiin boodas, Yasuus bakka sana gadi dhiisee gara naannoowwan magaalota Xiiroosii fi Sidoonitti deeme. 22 Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naannoo sanaatii dhufte. Isheenis sagalee ishee ol fudhatee, “Yaa Ilma Daawwit, Gooftaa koo! Intalli koo afuura seexanaatiin qabamtee jirtu kana anaaf maari” jettee Yasuusiin kadhate. 23 Yasuus garuu waan tokko iyyuu isheetti hin dubbanne. Barattoonni isaa “Waan Nuti iyyaa jirtuuf, achi ishee gaggeessi” jedhatanii isa kadhatani. 24 Yasuus garuu, immoo deebisee, “Ani kanan ergame hoolotaa warra mana Israa’el keessaa badaniif malee kan biraaf hin ergamne” jedhee isaaniif deebise. 25 Isheen garuu miilla isaa jalatti dhuftee kuftee,, “Gooftaa ko, na gargaari” jetteeni. 26 Yasuusis, “Buddeena ijoollotaa fuudhanii ilmaan sarootaaf darbachuun sirrii miti” jedhee isheef deebise. 27 lsheenis, “Eyyee, dhugaa dhuma, Gooftaa ko. Garuu immoo, ilmaan sarootaas, maaddii gooftota isaanii irraa lafatti gadi harca’u hinuma nyaatu” jette. 28 Sana boodas, Yasuus, “Dubartii nana, ati amantiin kee guddaa dha, akkuma ati barbaadde siif haa ta’u” jedhee isheef deebise. Sa’aatii dhuma sanattis intalli ishees ni fayyite. 29 Sanaan boodas, Yasuusis bakka sanaatii gara qarqara Galaana Galiilaa deeme. Achiin boodas, tabbatti ol ba’ee achi taa’e. 30 Namoonni baay’eenis gara isaa dhufani. Isaanis namoota warra naafaa, warra jaama, warra kottaa’an (meelatan), warra arrabni hidhame (warra hin dubbane) fi warra biroo dhukkubsatan hedduu isaanii gara isaatti fidanii dhufani. Fidaniis miilla Yasuus jala kaa’ani; innis isaan ni fayyise. 31 Namoonni achitti walitti qabamanii jiranis warri arrabni hidhamee ture yeroo dubbatan, warri kottaa’anii turan yeroo deebi’anii fayyan, warri naafatanii turan, yeroo adeeman, warri jaamanii turan, yeroo argan waan arganiif, ni raajeffatani. Kana irraa kan ka’eenis, Waaqayyoo Israa’eliif galata galchani (ulfina kennani). 32 Yasuus barattoota isaa ofitti waamee, “Namoonni asitti walitti qabamanii jiran kuni waan tokko illee otoo hin nyaatiin anaa wajjin erga turani guyyaa sadii ta’ee waan jiruuf, isaaniif gaddeen jira. Beelaan karaa irratti kufuu waan danda’aniif, isaan otoo hin nyaatiin asii isaan gaggeessuu hin barbaadu” jedhee isaanitti hime. 33 Barattoonni sunis, “Bakka lafa onaa kana namoota hedduu kana buddeena quuphsu eessaa arganna ree?” jedhaniin. 34 Yasuusis, “Buddeena meeqa of harkaa qabdu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Buddeena toorbaa fi qurxummiiwwan muraasa qabna” jedhaniin. 35 Achiin boodas, namoonni suni lafuma irra akka tattaa’an isaanitti hime. 36 Buddeen toorbaa fi qurxummiiwwan sana fuudhee, Waaqayyoof galata erga galchee booda, buddeena sana kukkutee barattootatti kekkenne. Bartoonnis namoota sanaaf kennani. 37 Namoonni sun hundumtuu quufanii nyaatani. Sana boodas, isa irraa hafe gundoo gurguddaa toorba kan guute walitti sassaabani. 38 Dubartootaa fi ijoollee otoo hin dabalatiin, warri nyaatan namoota kuma afur turani. 39 Ergasiin booda, Yasuus namoota sana erga gaggeessee booda, bidiruu yaabbatee gara naannoo Magadaan itti deeme.