1 Warri Faarisootaa fi warri Saaduqootaa dhufanii, Yasuusiin qoruudhaaf, akka inni waaqa keessatti mallattoo (milikita) isaanitti argisiisu isa gaafatani. 2 Yasuus garuu, “Galgala yeroo ta’u, ‘Samiin waan diimatuuf, haalli qilleensaa gaarii dha’ jettu. 3 Ganama yeroo ta’u immoo, ‘Samiin diimatee duumessaan waan uffifamuuf, haalli qilleensaa gaarii miti’ jettu. Isin bifa samii ilaaluudhaan attamitti akka hiikamu ni beektu, mallattoowwan yeroo kana garuu hiikuu hin dandeessani. 4 Dhalootni hamaa (cubbamaa) fi sagaagaltootaa mallattoo ni barbaada; garuu mallattoo Yoonaas irraa kan hafe, mallattoon kennamuufi hin jiru” jedhee isaaniif deebise. Sana booddees, Yasuus isaaniin gadi dhiisee achiitii deeme. 5 Barattoonni galaana gamatti yeroo ce’an, buddeena fudhachuu hirraanfatanii ture. 6 Yasuusis, “Raacitii Faarisootaa fi Saaduqootaa irraa of eeggadhaa!” isaaniin jedhe. 7 Barattoonnis, waan inni akkas nuun jedheef “Innis waan nutti buddeena tokko illee hin fudhaneef dha” jedhanii walitti dudubbatani. 8 Yasuusis waan isaan jechaa jiran waan hubateef, “Yaa warra amantii xinnoo, sababni isaa waan nuti buddeena tokko iyyuu fudhanne hin dhufneefidha jettanii maliif walitti dudubbattu? 9 Isiniif hin galuu? Buddeena shanannamoota kuma shaniif kennamee, kan irraa hafe immoo gundoo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii? 10 Yookiin immoo, buddeena toorba namoota kuma afuriif kennamee, kan irraa hafe immoo gundoo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii? 11 Ani waa’ee buddeenaa akkan isinitti dubbachaa hin jirre attamitti isiniif hin galu? Ani kanan jechuu barbaade, raacitii Faarisootaa fi Saaduqootaa irraa of eeggadhaa dha” isaaniin jedhe. 12 Achiin boodas, kan inni isaan akeekkachiisaa jiru waa’ee raacitii isa kan buddeenaa otoo hin ta’iin, waa’ee barsiisa Faarisootaa fi Saaduqootaa irraa akka of eeggan akka ta’e isaanii gale. 13 Yasuus naannoowwan Qiisaariyaa Filiphoos itti dhihoo jiranitti yeroo dhufettis, “Namoonni ilma Namaatiin inni eenyu dha jedhu?" jedhee barattoota isaa gaafate. 14 Isaanis, “Namoonni tokko tokko, Yohaannis isa cuuphaa dha jedhu; namoonni tokko tokko immoo, Eeliyaas dha jedhu; Eermiyaasi dha kan jedhanis jiru; warri inni raajota keessaa isa tokko dha jedhani jiru” jedhani. 15 Yasuusis, “Isin garuu eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate. 16 Simi’oon Pheexroos, “Ati Kiristoos, Ilma Waaqayyoo isa jiraataa dha” jedhee deebise. 17 Yasuusis, “Simi’oon, ilma Yoonaas, eebifami! Kana kana sitti mul’ise foon yookiin dhiiga otoo hin ta’iin, Abbaa koo isa Waaqa keessa jiru dha. 18 Anis nan sitti hima; atis Pheexroosi dha [Pheexroos jechuun dhagaa jechuu akka ta’e ibsuuf dha]; anis dhagaa kana irratti waldaa koo nan ijaara. Karri boolla du’aas waldaa kana tasuma hin danda’u (argatu) 19 Anuu bantuu (saaqxuu) balbala mootummaa waaqaa siifan kenna. Waanti kam iyyuu inni ati lafa irratti hiite, waaqa keessattis ni hidhamaa; waanti kam iyyuu inni ati lafa irratti hiiktes, waaqa keessattis ni hiikamaa” isaan jedhe. 20 Achiin boodas, Yasuus, akka inni Kiristoos ta’e, nama tokkottuu aka hin himne barattoota isaa akeekkachiise. 21 Yeroo sana irraa kaasees, Yasuus gara Yeruusaaleem deemuu akka qabu, harka manguddoota, dura bu’oota lubootaa fi barreessitoota seeraatiin akka hedduu dararamu, akka ajjefamuu fi guyyoota sadii boodas du’aa akka ka’u barattoota isaatti himuu jalqabe. 22 Achumaanis, Pheexroos bukkee isaatti isa ofitti qabee, “Gooftaa ko, kana irraa Waaqayyo si haa oolchu! Mee kuni tasuma si irratti hin raawwatiin!” jechaa yaada inni dubbate mufachuutti ka’e. 23 Yasuus garuu gara Pheexroositti garagaluudhaan, “Duuba kootti darbi, Seexana nana! Ati waa’ee waantota namootaa malee, waa’ee waantota Waaqayyoo waan hin yaadneef, gufuu anatti taata” ittiin jedhe. 24 Sana boodas, Yasuus barattoota isaatiin akkas jedhe: “Namni tokko ana duukaa bu’uu barbaada yoo ta’e, waa’ee ofii isaa dhiisee, fannoo isaa ol fudhatee, ana duukaa bu’uu qaba. 25 Namni kam iyyuu inni jireenya isaa oolfachuu barbaadu, jireenya isaa ni dhaba; namni kam iyyuu inni anaaf jedhee jireenya isaa dhabu immoo, jireenya ni argata. 26 Namni tokko guutuu biyya lafaa argatee, garuu immoo lubbuu isaa ni dhaba yoo ta’e, inni bu’aan isaa maali dha? Namni lubbuu isaa maaliin jijjiiruu danda’a? 27 Ilmi Namaas ulfina Abbaa isaatiin ergamoota isaa wajjin ni dhufa. Yeroo sanattis, inni tokko tokkoo namaaf akkaataa dhuma hojiiwwan isaatti gatii isaa ni kennaafi. 28 Ani dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabatanii jirtan keessaa, hanga yeroo Ilmi Namaa mootummaa isaa keessaa dhufu arganitti, namoonni duuni isaan bira hin geenye ni jiru” jedhe.