17

1 Guyyoota ja’a booddee, Yasuus Pheexroos, Yaaqoob fi Yohaannis, obboleessa Yaaqoob qophaatti fudhatee gara tulluu dheeraa tokkotti ol isaan fide. 2 Innis fuul dura isaaniiti ni jijjiirame. Fuulli isaas akka biiftuu ife; uffanni isaas akka ifaatti addaatee calaqise. 3 Kunoo, Muusee fi Eeliyaas isa wajjin dudubbachaa otoo jiranitti isaanitti mul’atani. 4 Pheexroosis, “Gooftaa, asitti argamuun keenya gaarii dha. Ati yoo barbaadde immoo, anuu mana sadii Asia nan ijaara: tokko siif, tokko Muusee dhaaf, tokkoo immoo Eeliyaasiif” jedhee Yasuusitti deebisee dubbate. 5 Otoodhuma inni dubbachaa jiruu, kunoo, gaaddisni hurri addii dhufee isaan haguuge (uffise); akkasumas, kunoo, sagaleen, “Inni kuni Ilma koo isa jaalatamaa, isa ani itti gammadu dha. Waan inni jedhu dhaggeeffadha” jedhu hurrii sana keessaa dhaga’amaa ture. 6 Barattoonni sunis yeroo sagalee sana dhaga’anis, baay’ee sodaatani; addaanis lafatti gadi gombifamani. 7 Achiin boodas, Yasuusis gara isaanitti dhufee harka isaan qabee, “Ol ka’aa; hin sodaatinaa” isaaniin jedhe. 8 Isaanis erga ol ka’a boodas, ol ilaalani; Yasuus irraa kan hafe nama biraa garuu hin argine. 9 Tulluu sana irraa yeroo gadi bu’aa turanittis, Yasuus, “Hanga Ilmi Namaa du’aa ka’utti, mul’ata kana nama tokkotti hin himinaa” jedhee isaan akeekkachiise. 10 Barattoonni isaas, “Ergasii, barreesstittoonni maaliif ‘Eeliyaas dura dhufuu qaba’ jedhu?” jedhanii isa gaafatani. 11 Yasuusis, “Dhugumadha Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuudhaaf ni dhufa. 12 Ani garuu nan isinitti hima; Eeliyaas duruu dhufee jira; isaan garuu isa hin barre (hubanne). Sana irra garuu, isaan waanta barbaadan hunda isa irratti hojjetaa turani. Haaluma wal fakkaatuun, Ilma Namaas harka isaanitiin baay’ee ni dararama” jedhee isaanii deebise. 13 Sana boodas, barattoonnis akka inni waa’ee Yohaannis isa Cuuphaa isaanitti dubbachaa jiru hubatani. 14 Yeroo isaan gara namoota walitti qabamanii jiranitti dhufaa turanitti, namichi tokko gara isaatti dhufee, jilbeeffachuudhaan akkas jedhe: 15 “Gooftaa ko, ilma koo maraanmartoo (dhukkuba isa nama kuffisu) tiin garmalee rakkachaa waan jiruuf, anaaf fayyisi (maari). Yeroo hedduuf ibidda keessattis, bishaan keessattis ni kufa. 16 Barattoota kee bira fideen ture; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye”. 17 Yasuusis, “Yaa dhaloota hin amannee fi jallataa nana, hanga yoomiitti isinii wajjin jiraachuun ana irra jira? Hanga yoomiittis isin ba’aa anatti taatu? Gara kootti as fidaa” jedhee deebise. 18 Yasuusis afuura seexanaa ifachuudhaan gurbaa sana keessaa baase; sa’aatii sanaa kaasees gurbichi ni fayye. 19 Ergasii boodas, barattoonni kophaatti gara Yasuusitti dhufuudhaan,, “Nuti maaliif afuuricha sana baasuu hin dandeenye?” jedhanii isa gaafatani. 20 Yasuusis, “Sababa amantiin keessan xinnoo ta’eef. Ani dhuguman isiniin jedha, amantii hamma ija sanaaficaa geessu illee otoo qabdu ta’ee, tulluu kanaan, ‘Asiitii gara achiitti siiqi’ jechuu dandeessu; innis ni siiqa; waanti isiniif hin danda’amnes tokko iyyuu hin jiraatu. 21 [Inni akkasii kunis Kadhannaa fi tsoomiidhaan malee gonkumaa hin baafamu]” isaaniin jedhe. This is missing in the original version. 22 Yeroo Galiilaa turanittis Yasuus Barattoota isaatiin, “Ilmi Namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; 23 Isaanis isa ni ajjeesu; inni garuu guyyaa sadaffaatti du’aa ni kaafama” jedhee isaanitti hime. Barattoonni isaas hedduu gaddani. 24 Yeroo isaan gara Qifirnaahomitti dhufani turettis, warri gibira mana qulqullummaa fuudhan Pheexroos bira dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira mana qulqullummaa hin kaffaluu?” jedhanii isa gaafatani. 25 Pheexroosis, “Eeyyee, ni kaffala” jedhee deebise. Akkuma Pheexroos gara manaatti dhufeenis, Yasuus dura dabarsee, “Maal sitti fakkaata Simi'oon? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiin immoo gibira eenyu irraa fudhatu? Ilmaan isaanii irraati moo warra kaan irraa fudhatu?” jedhee isa gaafate. 26 Pheexroosis, “Warra kaan irraatti” jedhee deebise. Yasuusis, “Akkas taanaan egaa ilmaan isaanii gibira irraa bilisa dha. 27 Kanaafuu, nuti warra gibira sassaaban dogogorsiisu waan hin qabneef, gara galaana deemiitii, hokkoo ittiin qurxummii qaban erga galaana keessatti darbattee booda, qurxummii isa dura ba’u fuudhiitii ol baasi. Yeroo afaan isaa bantus, birrii tokko ni argatta. Birrii kanas fuudhiitii anaa fi ofii keetiif jedhii warra gibira sassaabanitti kenni” isaatiin jedhe .