27

1 Akkuma lafti bari’eenis, dura buuttonni lubootaa fi manguddoonni uummataa hundumtuu akkaataa Yasuus ajjeesuu danda’an irratti mari’atani. 2 Isaanis, isa hidhanii gara bulchaa biyyaattii, Philaaxoos, geessanii dabarsanii isa kennani. 3 Achiin boodas, Yihudaan, inni dabarsee isa kenne, Yasuusitti faradamuu isaa erga baree booda, waan godhetti gaabbuudhaan, meetii soddoma sana dura buutota luboota fi manguddootatti deebisee kenne, 4 Innis, “Ani dhiiga balleessaa hin qabnee (qulqulluu ta’e) kaaduudhaan cubbuu hojjedheera” isaaniin jedhe. Isaan garuu, “Unuutiin maaltu nu dhibe ree? Atumti ofii keef maladhu malee” isaatiin jedhani. 5 Achiin boodas, Yihudaanis meetii sana mana sagadaa keessatti darbatee achiitii deeme; achi sokkees of fannise. 6 Dura buuttonni lubootaas meetii sana fuudhanii, “Meetiin kuni gatii dhiigaaf kaffalame waan ta’eef, qabeenya keenyatti dabaluun seera miti” jedhani. 7 Dhimma kana irratti erga mari’atanii boodas, maallaqichaatiin iddoo awwaalcha warra keessummoota ta’aniif kan oolu, lafa nama suphee dha’u tokkoo bitani. 8 Sababa kanaafis, lafti suni hanga har’aatti iyyuu “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama. 9 Achumaanis, inni Ermiyaas raajichaatiin dubbatamee ture sunis ni raawwatame. Innis, “Isaanis meetii soddoma, gatii isa ilmaan Israa’el isa irratti muran sanaa, ni fuudhanii. 10 Isaanis, akkuma Gooftichi anaan ajajee turetti, gatii lafa namicha isa suphee dha’u sanaaf kennani” kan jedhu ture. 11 Yasuus fuul dura bulchaa biyyaa dhaabate; bulchaan biyyaa sunis, “Ati Mootii Yihudootaa ti?” jedhee isa gaafate. Yasuusis, “Sumatu akkas jedha” jedhee isaaf deebise. 12 Yeroo dura buuttonni lubootaa fi manguddoonni isa yakkan (himatan) garuu, inni deebii’ii tokko iyyuu hin laanne ture. 13 Achiin boodas, Philaaxoos, “Dhimma meeqaan akka isaan si himachaa jiran hin dhageessuu?” ittiin jedhe. 14 Inni garuu jecha tokko illee waan hin deebisneef, bulchaan biyyaa sunis baay’isee ajaa’ibame. 15 Bulchaan biyyaa yeroo ayyaana hidhamaa tokko filannoo uummataatiin akka hiiku kan baratame dha. 16 Yeroo sanatti hidhamaan baay’ee rakkisaa (gidiramaa) kan ta’e, inni Baraabaas jedhamu, tokko hidhamee ture. 17 Yeroo namoonii dhufanii achitti walitti qabamanii turettis, Philaaxoos, “Eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu? Baraabaas moo Yasuus, isa Kiristoos jedhamu, dha?” jedhee isaan gaafate . 18 Isaan Yasuusiin dabarsanii isaatti kan kennan hinaaffaadhaan akka ture inni ni beeka. 19 Otoodhuma inni barcuma firdii irra taa’ee jiruuttis, haati manaa isaa ergaa, “Namicha qulqulluu sana homaa hin godhiin. Abjuu kootiin waa’ee isaa kanan argee ture irraa kan ka’e, har’a baay’ee dhiphachaan jira" jedhu itti ergite. 20 Dura buuttonni lubootaa fi manguddoonni garuu, akka isaan Baraabaas nuu hiikiitii Yasuus immoo balleessi jedhanii isa gaafatan namoota sana dura dabarsanii amansiisanii jiru, 21 Bulchaan biyyaa sunis, “Isaan lamaan kana keessaa eenyuun akkan isiniif hiiku barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Baraabaas” jedhani. 22 Philaaxoosis, “Yasuus, isa Kiristoos jedhamu immoo, maal godhu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Isa fannisi” jedhani. 23 Achiin boodas, innis, “Maaliif? Yakka attamii hojjetee jira?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu isa duraa irra caalchisanii, “Isa fannisi” jedhanii iyyani. 24 Philaaxoosis caalaatti jeequmsa kaasuu irraa kan hafe, homaa buusuu akka hin dandeenye waan hubateef, bishaan fudhatee fuul dura namoota sanaatti “Ani dhiiga nama kanaa irraa bilisa dha ( Ani dhiiga nama kanaa keessaa harka hin qabu). Isin garuu beekkadhaa” jedhee harka isaa dhiqatee, 25 Namoonni hundumtuu, “Dhiigni isaa nu fi ijoollee keenya irraatti haa ta’u” jedhani. 26 Sanaan boodas, Philaaxoos Baraabaas isaaniif hiike; Yasuusiin garuu, garafee akka fanniifamuuf dabarsee isa kenne. 27 Achiin boodas, loltoonni bulchaa biyyaa Yasuusiin gara mana mootummaa gidduu galeessaatti fudhatani; loltoota biyyaattii hundumas achiitii walitti qabani. 28 Isaanis wayyaa isaa irraa baasanii, uffata diimaa itti uffisani. 29 Gonfoo qoraattiis hojjetanii, mataa isaa irra kaa’ani; ulees harka mirgaa isaa keessas kaa’ani. Fuuldura isaattis jilbeeffatanii, “Nagaa keetii ree, yaa Mootii Yihudootaa” jedhanii itti qoosani. 30 Isattis tufanii; ulee sanas fuudhanii mataa isaa irra deddeebi’anii rurrukutani. 31 Erga itti qoosaa turanii boodas, uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii itti uffisanii fannisuudhaaf isa fuudhanii deemani. 32 Akkuma gadi ba’aniinis, nama biyya Qareenaa, kan Simi’oon jedhamu tokko, argatanii akka inni fannoo Yasuus baatee isaan wajjin deemu isa dirqisiisani. 33 Isaan bakka Golgootaa, (isa hiikni isaa “Bakka Lafee Mataa” ta’e) jedhamutti dhufani. 34 Bakka sanattis, waynii, hadhooftuu wajjin walitti makame, akka inni dhuguuf isatti kennani. Innis erga qammasee booda, dhuguuf garuu ni jibbe. 35 Erga isa fannisanii boodas, uffata isaas safaranii hirmaatan. 36 Taa’aniis isa eegani. 37 Barreeffama inni ittiin yakkame kan ibsu, “Inni kuni Yasuus, Mootii Yihudootaa, dha” kan jedhu mataa isaa irra kaa’ani. 38 Samtonni lamas, inni tokko karaa mirga isaatti, inni kaan immoo karaa bitaa isaatti, isaa wajjin fannifamanii turani. 39 Warri achiin darbanis mataa isaanii ittii raasanii isa arrabsaa turani. 40 Isaanis, “Ati inni mana sagadaa diigdee, guyyaa sadii keessatti ijaaruuf turte, mee of fayyisika! Ilma Waaqayyoo yoo taate, fannoo irraa mee gadi of buusika!” jedhanii arrabsu turani. 41 Haaluma wal fakkaatuun, dura buutonni lubootaa, warra barreesitoota seeraa fi manguddootaa wajjin ta’anii isaatti qoosaa turani. 42 Isaanis, “Inni warra kaan fayyisaa ture, ofii isaa garuu fayyisuu hin dandeenye! Inni Mootii Israa’eli dha. Fannoo irraa yoo inni gadi bu’e, nuti immoo isatti ni amanna. 43 Inni Waaqayyotti ni amana; Waaqayyo isatti gammada yoo ta’e, mee amma du’a irraa isa haa oolchu (baasu) ka. Siluma iyyuu ‘Ani Ilma Waaqayyooti’ ofiin jechaa ture miti” jedhanii ittii qoosaa turani. 44 Akkasumas, saamtonni isaa wajjin fannifamanis haaluma walfakkaatuun isa arrabsaa turani. 45 Sa’aatii ja’aa jalqabee hanga sa’aatii sagaliitti dukkanni biyyaa lafaa hundumaa irratti dhufe. 46 Gara sa’atii sagaliittis, Yasuus sagalee guddaadhaan, “Eelii, Eelii lamaa sabaktaanii?” jedhee waammate; kana jechuunis, “Waaqayyoo ko, Waaqayyoo ko maaliif gadi na gatte?” jedhamee hiikama. 47 Warra achi dhaabbachaa turan keessaa muraasni isaanii kana dhaga’anii, “Namni kun Eeliyaasiin waammataa jira” jedhani. 48 Battaluma sanattis, warra achi jiran keessa inni tokko fiigee ispoonjii fuudhee wayinii hadhaahaa keessatti erga cuuphee booda uleetti kaa’ee akka inni dhuguuf itti kenne. 49 Warri kaan garuu, “Dhiisiin! Eeliyaas dhufee akka isa fayyisu (oolchu) mee ni ilaalla” jedhani. 50 Achiin boodas, Yasuusis sagalee guddaadhaan iyyee afuura isaa kenne. 51 Kunoo, golgaan (maggaarrajaan) mana sagadaa, gubbaattii hamma gajjallaatti, bakka lamatti tarsa’e; lafti ni socho’e; kattaawwanis dhodho’anii adda addaan ba’ani. 52 Boollonni awwaalchaas ni banamanii; reeffonni namoota qulqulluu isaan ciisaa turanis ni kaafamani. 53 Isaanis, eerga du’aa ka’uu Yasuus booddee, boolla awwaalchaa keessaa ba’anii, magaala qulqulluu keessa seenanii namoota hedduuttis mul’atani. 54 Dhibbaalaaan lolaa fi warri isaa wajjin Yasuusiin egaa turan, kirkira lafaa fi waantota yeroo sana ta’ani hundumaa waan arganiif, baay’ee sodaatanii, “Kuni dhuguma iyyuu Ilma Waaqayyoo ture” jedhani. 55 Dubartoonni baay’een warri Galiilaa irraa jalqabee isa duukaa bu’anii isaaf hojjetaa turanis, halaala irra dhaabatanii ilaalaa turani. 56 Isaan gidduudhaas, Maariyaam ishee Maagdaliin, Maariyaam ishee haadha Yaaqoobii fi Yooseef fi haati ilmaan Zabdewoos achi turani. 57 Yeroo galgalli ga’us, sooressi Armaatiyaa, kan Yooseef jedhamu tokko ni dhufe; inni isa barataa Yasuusis ture dha. 58 Innis Philaaxoositti siiqee, reeffa Yasuus gaafate. Achiin boodas, Philaaxoosis akka isaaf kennamu ajaje. 59 Yooseefis reeffa isaa fuudhee, wayyaa haarrii quncee talbaatiin (wayyaa laayineeniitiin) kafane. 60 Reeffa sanas boolla awwaalchaa haaraa isa ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti qopheessee ture keessatti awwaale. Sana boodas, dhagaa guddaas balbala awwaalichaatti erga hirkisee booda achi deeme. 61 Maariyaam isheen Maagdaliinii fi Maariyaam isheen biraas fuullee awwaalichaa taa’aa turani. 62 Guyyaan itti aanus, Guyyaan Qophaa’ummaa erga darbee isa boruusaa, dura buutonni lubootaa fi Faarisoonni Philaaxoos wajjin walitti qabamani. 63 Isaanis, “Gooftaa! Inni nama gowwoomsaan suni yeroo lubbuudhaan ture sana, ‘Erga guyyaa sadii booda, ani deebi’ee nan kaafama’ akka jechaa ture yaadanneerra. 64 Kanaafuu, awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu nuu ajaji; kuni ta’uu baannaan garuu, barattoonni isaa dhufanii isa hatanii, namootaanis, ‘Innii du’aa ka’eera’ ni jedhu. Gowwoomsaan isaa inni dhumaa kuni immoo isa duraa irra hamaa ni ta’a” jedhanii Philaaxoositti himani. 65 Philaaxoosis, “Nama eegu fudhadhaa. Dhaqaatiis akka beektanitti eegsisa” isaaniin jedhe. 66 Isaanis bakka awwaalchaa sana deemanii dhagaa sana erga saamsanii booda nama eegus achi kaa’uudhaan awwaalicha eegsisani.