1 Yasuus dubbiiwwan kana hundumaa erga xumuree boodas, barattoota isaatiin, 2 “Guyyaa lama booddee ayyaanni Faasikaa akka dhufu ni beektu; Ilmi Nammaas fannifamuudhaaf dabarfamee ni kennama” jedhe. 3 Achiin boodas, dura buutonni lubootaa fi manguddoonni uummataa masaraa luba ol aanoo, isa Qayyaafaa jedhamee waamamu ture, keessatti walitti qabamani. 4 Yasuusiin malaatiin attamitti akka qabsiisanii fi achiin boodas, ajjeesan irratti mari’atani. 5 Yeroo mari’atanittis, “Namoonni jeequmsa akka hin kaafneef, yeroo ayyaana sanaa ta’uu hin qabu” jechaa turani. 6 Yasuus biyya Bitaaniyaa, mana Simi'oon isa lamxaa’a keessa, ture. 7 Yeroo sanattis, yeroo Yasuus maaddiitti dhiyaatee turetti, dubartiin tokko, shittoo gatii guddaa baasu qodaa shurrubbee keessatti qabattee, gara isaa dhuftee shittoo sana mataa isaa dibde. 8 Barattoonni isaa garuu yeroo kana argan waan aaraniif, “Sababa maalif jetteetu akkas balleessita? 9 Kuni horii baay’eetiin gurguramee warra hiyyeessotaaf kennamuu ni danda’a ture” jedhani. 10 Yasuus garuu sababa isheen kana gootuuf waan beekuuf, “Maaliif dubartii kana rakkiftuu? Isheen waan gaarii anaaf gootee jirti. 11 Warra hiyyeessota yeroo hundumaa of biratti ni argattu; anaan garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattani. 12 Isheen shittoo kana dhaqna kootti yeroo dibdu, isheen awwaalcha koof ana qopheessuudhaaf kana goote. 13 Ani dhuguman isiniin jedha; guutummaa biyya lafaa, iddoo oduun gammachuu kuni lallabamu, irratti, waanti isheen goote kunis, seenaa ishee ta’ee, ni dubbatama” isaaniin jedhe. 14 Achiin boodas, barattoota warra kudha lamaan keessaa tokko, inni Yihudaa isa Iskaariyoot jedhamu, gara dura buutota luboota deeme. 15 Innis, “Yoo ani isa dabarsee isiniif kenne, isin immoo anaaf maal gootu?” ittiin jedhee isaan gaafate. Isaanis meetii soddoma isaaf murani. 16 Yihudaanis yeroo sanaa irraa jalqabee, mala ittiin dabarsee isa kennu barbaadaa barbaada ture. 17 Guyyaa jalqabaa gaafa ayyaana Maxinoos, barattoonni isaa gara Yasuus dhufanii, “Hirbaata ayyaana Faasikaa eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatani. 18 Innis, “Gara magaalaa deemaatii gara nama tokkoo dhaqaatii, namichaatiinis, ‘Barsiisaan “Yeroon koo ga’ee jira. Ayyaanna Faasikaa, barattoota koo wajjin, mana keettin ayyaaneffadha jedha’ jedhaatii itti himaa” isaaniin jedhe. 19 Haaluma Yasuus isaan ajajeenis, barattoonni isaas Hirbaata Faasikaa ni qopheessani. 20 Yeroo galgalli ga’es, Yasuus, barattoota isaa kudha lamaan wajjin, hirbaata nyaachuuf maaddiitti dhiyaatani. 21 Otoo dhuma nyaachaa jiraniis, Yasuus, “Dhuguman isiniin jedha; isin keessaa tokko hin nagana” jedhe. 22 Isaanis hedduu gaddani; tokko tokkoon isaaniis, “Dhugaa dubbachuuf, ana miti mitii, Goofta?” jedhanii isaa gaafachuu jalqabani. 23 Innis, “Isa harka isaa gara maaddiitti ana wajjin hiixatee xuqatu sanatu na gana. 24 Ilmi Nammas, akkuma waa’ee isaa barreessamee jiru sanaatti, ni deema. Namicha isa Ilmi Namaa ittiin ganamu sanaaf garuu, wayyoo! Namichi suni otoo dhalachuu baatee isaafi wayya ture” jedhee isaaniif deebise. 25 Yihudaan, inni isa ganuuf jedhu sunis, “Ana dhaa, Barsiisa?” jedhee Yasuus gaafate. Innis, “Sumatu ofiin jedhe” ittiin jedhe. 26 Otoo dhuma nyaachaa jiraniis, Yasuus buddeena fuudhee erga eebbisee booda buddeenichas ni mummure. Barattoota isaatiinis, “Fudhadhaatii nyaadhaa. Kuni foon qaama kooti” jedhee buddeena mummure sana isaaniif kennee, 27 Kubbaayyaas fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kennee, “Hundumti keessanuu dhugaa. 28 Kuni dhiiga koo, isa namoota baay’eef cubbuuwwan isaanii isaaniif dhiisuudhaaf isa kakuutiin waadaa galamee ture sana cimsuuf, kan dhangala’u dha. 29 Ani garuu, hanga gaafa guyyaa ani mootummaa Abbaa koo keessatti wayinii isa haaraa isin wajjin dhugutti, wayinii kana deebi’ee akkan hin dhugne isinittan hima” jedhe. 30 Faarfannaa erga faarfatanii boodas gara Tulluu Ejersaatti ol ba’ani. 31 Sana boodas, Yasuus, “Hardha galgala hundumti keessan iyyuu, sababa koo irraa kan ka’e, ana jalaa ni mucucaattu; kunis kan ta’u, ‘Ani tiksee sana nan rukuta; Achiin boodas hoolonni sunis ni bittinna’u’ jedhamee haaluma barreessamee jiru sanaatiini dha. 32 Du’aa eergan kaafamee booda garuu, anatu isin durseen Galiilaa dhaqa” isaaniin jedhe. 33 Pheexroos garuu, “Hundumti isaanii iyyuu si jalaa yoo mucucaatan (si irraa yoo baqatan) illee, ani garuu gonkuma hin mucucaadhu” ittiin jedhe. 34 Yasuusis, “Dhuguman siin jedha, halkanuma kana, handaaqoon otoo hin iyyiin dura, ati si’a sadii na ganta” isaatiin jedhe. 35 Pheexroosis, “Sii wajjin du’uun dirqama natti yoo ta’e illee, ani siitiin hin ganu” jedheeni. Barattoonni warri kaanis akkasuma jedhani. 36 Achiin boodas, Yasuus isaan wajjin gara bakka Geetesemmaanee jedhamu tokkoo deemee, barattoota isaatiinis, “Ani achi deemeen kadhadhaa; isin asuma ta’aa” jedhe. 37 Yasuusis Pheexroosii fi ilmaan Zabdiwoos lamaan of faana fudhatee deemuudhaan gadduu fi jeeqamuu (dhiphachuu) jalqabe. 38 Sana boodas, isaaniitiin, “Lubbuun koo hamma du’aatti illee gadi fageenyaan gaddaan guutamee jira. Isin asuma turaatii anaa eegaa” jedhe. 39 Innis xinnoo achi siiqee adda isaatiin gombifamee kadhate. Innis “Yaa Abbaa koo, yoo ni danda’ama ta’e, kubbaayyaan dhiphinaa kun ana irra haa darbu. Garuu immoo akka fedhii koo otoo hin taane, akkuma fedhii keetti haa ta’u” jedhee kadhate. 40 Ergasiis, gara barattoota sanaa dhufee otoo isaan rafaa jiranii waan argeef, Pheexroosiin “Maali, isin saa’aatii dhuma tokkoof illee anaa eeguu hin dandeenye jechaa dha? 41 Gara qormaataatti akka hin galleef jabaadhaatii kadhaahaa. Afuurri fedhii qabaatu illee, foon garuu dadhabaa dha” jedhe. 42 Yeroo lammaffaafis achi deemee ni kadhate. “Yaa Abbaa koo, yoon dhuge malee kuni ana irraa darbuu hin danda’u yoo ta’e, fedhiin inni kan kee haa ta’u” jedhees kadhate. 43 Ammas deebi’ee yeroo dhufu, otoo isaan rafaa jiranii isaan arge; ijji isaanii itti ulfaatee ture. 44 Kanaafuu, isaaniin achumatti dhiisee, ammas achi siiqee yeroo sadaffaadhaaf isuma dura jechaa ture jedhee kadhate. 45 Achiin boodas, Yasuus gara barattoota sanaatti debi’ee dhufee, “Amma iyyuu raftanii boqachaa jirtuu? Yeroon suni kunoo ga’ee jira; Ilmi Namaas harka cubbamtootaatiin ni ganama. 46 Ka’aa, haa deemnu! Inni ana ganu sunis kunoo as dhiyaatee jira” isaaniin jedhe. 47 Otoo dhuma Yasuus dubbachaa jiruus, Yihudaan, inni warra kudha lamaan keessaa tokko ta’e, gara isaanii ni dhufe. Namoonni hedduunis, warri dura buutota luboota fi manguddoota uummataa biraa ergamani, isa wajjiniin dhufani. Isaanis cuubee (billaa) fi eeboo qabatanii dhufani. 48 Namichi inni Yasuusiin ganee dabarsee isa kennuuf jedhe sunis, “Inni ani dhungadhu suni namicha dha. Isa qabadhaa” jedhee milikkitaan isaanitti himee ture. 49 Battaluma sanattis, Yihudaan gara Yasuus dhufuudhaan, “Attam jirta, Barsiisa!” jedhee isa dhungate. 50 Yasuusis, “Michuu ko, waan gochuuf as dhufte godhi” ittiin jedhe. Achiin boodas, jaroonni dhufanii harka isaanii Yasuus irra godhanii isa qabani. 51 Kunoo, warra Yasuus wajjin turan keessaa inni hiixatee cuubee isaa erga luqqifatee booda, hojjetaa luba ol’aanoo rukutee, gurra isaa irraa kutee buuse. 52 Sana boodas, Yasuus, “Cuubee kee mann’ee isaatti deebisi; warri cuubee luqqifatan hundumtuu cuubeedhaan ni badu. 53 Ani Abbaa kootti iyyadhee (himadhee), inni immoo waraana ergamoota isaa kudha lama irra kan caalan iyyuu akka anaaf ergu, gochuu waan ani hin dandeenye sitti fakkaataa? 54 Kuni ta’uu akka qabu, isa Kitaabni Qulqulluu jedhu garuu attam godheetu raawwata ree?” isaatiin jedhe. 55 Yeroodhuma sanattis, Yasuus namoota achitti walitti qabamanii jiraniitiin “Akka hattuutti (saamtuutti) ana lakkooftaniitu (ilaaltaniitu) anaan qabuudhaaf cuubee fi eeboo qabattanii dhufanii? Ani guyyaa guyyaadhaan mana sagadaa keessa taa’een barsiisaa ture; isinis ana hin qabne ture. 56 Hundumti kunuu amma kan raawwate garuu, inni raajonni barreessanii ture akka guutamuuf jedheetu” jedhe. Achiin boodas, barattoonni hundumtuu achitti isa gatanii baqatani. 57 Warri Yasuus qaban sunis isa fuudhanii iddoo barreessitootni seeraa fi manguddoonni walitti qabamanii jiranitti, gara Qayyaafaa, isa luba ol’aanoo, isa geessani. 58 Pheexroos garuu hanga dallaa mana luba ol’aanoo sanaatti, irraa fagaatee Yasuus duukaa bu’ee deeme. Waanta ta’u ilaaluudhaafis, ol seenee warra eegdotaa wajjin taa’e. 59 Dura buuttonni lubootaa fi guutummaan walii gala yaa’ii Yasuusiin ajjeesuu kan isaan dandeessisu yakka sobaa irratti barbaaduu jalqabani. 60 Dhugaa baastonni baay’een dhufanii sobaan isa irratti dhugaa ba’an illee, balleessaa tokko illee irratti hin arganne. Booda irra garuu, namni lama fuul duratti dhufani. 61 Isaanis, “Namichi kuni, ani mana sagadaa diigee eergan balleessee booda, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan danda’a jedhee ture” jedhan. 62 Lubni ol’aanaanis ol ka’ee erga dhaabbatee booda, “Deebi’ii hin qabduu? Inni isaan si irratti dhugaa ba’aa jiran kuni maali dha?" jedhee Yasuus gaafate. 63 Yasuus garuu cal jedhe. Lubni ol’aanaanis, “Maqaa Waaqayyoo isa jiraataatiin nan si ajaja (gaafadha); ati akka Kiristoos, Ilma Waaqayyoo, taate nutti himi” isaatiinjedhe. 64 Yasuusis, “Atumtuu ofiin kee jettee jirta. Garuu, nan sitti himaati, amma irraa jalqabee, ati Ilma Namaa kan argitu yeroo inni karaa harka mirgaa isa Abbaa Angoo taa’uu fi yeroo iinni karaa hurrii waaqa keessaa dhufu dha” jedhee isaaf deebise. 65 Achiin boodas, lubni ol’aanaan suni aaree uffata isaa tarsaasee, “Kan inni dubbate arrabsoo dha! Kana irra egaa dhugaa baatota maalii nu barbaachisaa? Kunoo, amma iyyuu arraboo isaa dhageessani jirtu. 66 Maal isinitti fakkaata?” jedhe. Isaanis, “Inni ajjeefamuu (du’uu) qaba” jedhanii deebisani. 67 Sanaan booddees, fuula isaa irratti tufanii; ulee qabatanii jiraniitiins, isa reebani; warri kaanis isa kakkabalani. 68 “Mee raajii keetiin nutti himi, Kristoos. Inni si rukute eenyu dha?” jedhaniini. 69 Yommus Pheexroos ala dallaa keessa taa’aa turetti, intalli hojjettuu taate tokko gara isaa dhuftee, “Atis Yasuus isa Galiilaa sanaa wajjin turte” jette. 70 Inni garuu, “Waa’ee maalii akka dubbachaa jirtu ani hin beeku” jedhee hunduma isaanii fuul duratti kaade. 71 Yeroo inni gara karra balbalaatti gadi ba’aa turettis, intalli hojjettuun isheen biraa tokkos isa argitee, “Namichi kun Yasuus isa Naazireet sanaa wajjin ture” jettee warra achi dhaabatanii jiranitti himte. 72 Innis ammas, “Ani namicha kana hin beeku” jedhe kakachuudhaan kaade. 73 Yeroo muraasa booddees, warri achi dhaabbachaa turani dhufanii, “Dhuguma dha; ati isaan keessaa isa tokko dha; akkaataan ati itti dubbattu iyyuu, ni si hima” jedhani. 74 Innis, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuut akkuma inni jalqabetti handaanqoon iyyite. 75 Pheexroosis waan Yasuus itti dubbatee ture, “Handaanqoon otoo hin iyyin dura, ati yeroo sadii na ganta” sana yaadate. Achiin boodas, Pheexroos gadi ba’ee maassanee boo’e.