1 “Mootummaan waaqaa egaa mishirroota kurnan warra mushurraa isaan fuudhu simachuudhaaf jedhanii ibsaa isaanii fudhatanii deemanii ture wajjin wal fakkaata. 2 Mishirroota sana keessaa shanan isanii gowwoota turani; shanan isaanii immoo abshaalota (gamnoota) turani. 3 Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatanii yeroo deemanii turetti, naafxaa garuu fudhatanii hin deemne ture. 4 Warri abshaalonni garuu, ibsaa isaanii wajjin, naafxaa qodaa isaatti naqantanii fudhatanii ture. 5 Mushurrooni isaanii otoo hin dhufiin waan turaniif hunduma isaanii iyyuu hirribni waan qabeef ni rafani. 6 Halkan walakkaa keessa garuu, sagaleen, ‘Mushurraan kunoo ti! Gadi ba’iitii simadhu’ jedhee iyyu ni dhaga’ame. 7 Yeroo sanattis mishirroonni sun hundumtuu ka’uudhaan ibsaa isaanii qopheessatani. 8 Warri gowwoonnis warra abshaalotaatiin, ‘Ibsaan keenya nu jalaa baduuf waan ta’eef, naafxaa keessan irraa waa nuuf kennaa’ jedhani. 9 “Warri abshaalonni garuu, ‘Inni nuti qabnu, unuu fi isiniif ga’aa waan hin taaneef, warra gurguran bira deemaatii bitadhaa’ jedhanii isaaniif deebisani. 10 Yeroo isaan bitachuuf deemanii turettis mushurraan ni dhufee; warri duruma qophaa’anii turanis, isa wajjin gara mana cidhichaatti deemani; sanaan boodas, balballi mana cidhichaa ni cufame. 11 Erga manni cidhaa sun cufamee boodas, warri gowwoonni suni dhufanii, ‘Gooftaa, gooftaa, maaloo nuuf bani’ jedhani. 12 Inni garuu, ‘Ani dhuguman isiniin jedha; ani isin hin beeku’ jedhee isaaniif deebise. 13 Kanaafuu egaa, isin guyyaa fi sa’aatii isaa waan hin beekneef, of eegadhaa. 14 “Dhimmi kuni egaa akka nama biyya biraa deemuuf jiru tokkoo ti. Innis hojjetoota isaa waamee, qabeenya isaa isaanitti kennate. 15 Innis, isa tokkotti qarshii kuma shan, isa biraatti qarshii kuma lama, isa hafetti immoo qarshii kuma tokko kennee. Namtichis, tokko tokkoo isaaniitti akkuma dandeetti isaaniitti erga kenne boodas, gara biyya biraatti ni deeme. 16 Hojjetichi inni kuma shan fudhatee ture sunis, battalumatti deemee ittiin hojjetee kuma shan buufate. 17 Haaluma wal fakkaatuun, hojjetaan inni kuma lama fudhatee tures, hojjetee kuma lama buufate. 18 Hojjetaan inni kuma tokko fudhatee ture suni garuu, deemee boolla qotuudhaan maallaqa gooftaan isaa itti kennate sana ni awwaale. 19 Yeroo dheera booddees, gooftaan hojjetoota sanaa deebi’ee dhufe; horii isaa isa isaan irraa qabus shallagee fudhate. 20 Hojjetaan inni qarshii kuma shan fudhatee tures, qarshii biraa kuma shan dabalee fidee dhufe. Innis, ‘Yaa gooftaa, qarshii kuma shan anatti kennattee turte. Kunoo ani immoo qarshii kuma shan buufadheen jira’ ittiin jedhe. 21 “Gooftaan isaas, ‘Gaarii goote; ati hojjetaa gaarii fi amanamaa dha! Ati waan xinnoo irratti amanamtee jirta. Ani immoo waantota baay’ee irratti itti gaafatummaa nan siif kenna. Gara gammachuu gooftaan kee seeni’ isaatiin jedhe. 22 “Hojjetaan inni qarshii kuma lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati qarshii kuma lama anatti kennattee turte. Kunoo ani immoo qarshii kuma lama buufadheen jira’ jedhe. 23 “Gooftaan isaas, ‘Gaarii goote; ati hojjetaa gaarii fi amanamaa dha! Ati waan xinnoo irratti amanamtee jirta. Ani immoo waantota baay’ee irratti itti gaafatummaa nan siif kenna. Gara gammachuu gooftaan kee seeni’ isaatiin jedhe. 24 “Achiin boodas, hojjetaan inni qarshii kuma tokko fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, akka ati garaa jabeessa taate nan beeka. Ati bakka facaastee hin turreetii ni haammatta; bakka bittinsinee hin turreetiis, ni sassaabbatta. 25 Kanaaf jedheen anis waanan si sodaadhee tureef, qarshii kee fuudhee deemeen boolla keessa awwaaleen ture. Qarshiin kee kunoo ti’ jedhe. 26 “Gooftaan isaa garuu, ‘Ati yaa hojjetaa hamaa fi dhibaa’aa nana; ani bakkan facaasee hin turree akkan haammadhu; bakkan bittinsee hin turreetiis, akkan sassaabbadhu garuu ni beekta ture mitii? 27 Kanaafuu, maallaqa koo mana baankii keessa otoo anaaf keessee turteetta ta’ee, amma yeroon deebi’ee dhufu dhala isaa wajjin nan fudhadha ture. 28 Kanaafuu egaa, qarshii koo kuma tokko sana harkaa fuudhaatii, hojjetaa isa qarshii kuma kudhan qabu sanaaf kennaa. 29 Isa qabuuf, dabalamee ni kennama; hanga isa irraa hafuttis ni hora. Isa hin qabne irraa garuu, innumti inni qabu iyyuu isa irraa ni fudhatama. 30 Hojjetaa isa gatii hin qabne kana alatti baasaatii dukkana keessatti, iddoo boo’anii fi ilkaan walitti qaramutti, gadi darbadhaa. 31 “Ilmi Nammaa, ergamoota hundumaa wajjin ta’ee, ulfina isaatiin yeroo dhufus, barcuma ulfinaa isaa irra ni taa’a. 32 Namoonni biyya lafaa hundumtuu fuul dura isaatti walitti ni qabamu; akkuma tikseen tokko hoolota ro’oota keessaa footee addaan baaftutti, innis namoota sana gargar ni fo’a. 33 Innis hoolota karaa harka mirgaa isaa, ro’oo immoo karaa bitaa isaa ni kaa’a 34 Achiin boodas, Mootichi warra karaa mirga isaa jiraniin, ‘Isin Abbaa kootiin eebbifamtanii waan jirtaniif, mootummaa isa uumama biyya lafaa irraatii jalqabee isiniif qophaa’ee jiru koottaatii dhaalaa. 35 Isin yeroo ani beela’ee ture, beela na baaftaniittu; yeroon dheebodhee turettis, dheebuu na baaftanii jirtu; yeroo ani keessummaa ta’ee dhufes, na keessummeessitanittu. 36 Isin yeroo ani qullaa hafee turettis, natti uffiftanii jirtu; yeroon dhukkubsadhee tures, na waldhaantaniittu; yeroon mana hidhaa keessa tures, dhuftanii na gaafattanii jirtu’ jedhe. 37 “Achiin boodas, warri qajeelonni, ‘Gooftaa, yeroo ati beeloftu yoom arginee, si nyaachifnee beekna? Yoomis dheebuu kee arginee, si obaafnee beekna? 38 Keessumummaa kees yoom arginee, si keessumeessinee beekna? Yookiin immoo, yoom qullaa ta’uu kee arginee, sitti uffifnee beekna? 39 Dhukkubsachuu kees, mana hidhaa galuu kees yoom arginee, dhufnee si gaafannee beekna?’ jedhanii deebisu. 40 “Mootichis, ‘Ani dhuguman isiniin jedha; inni isin obboloota koo warra hundaa gadi ta’aniif goochaa turtan, akka anaaf gootaniitti ilaalama’ jedhee isaaniif ni deebisa. 41 Achiin boodas, Mootichi warra karaa harka bitaa isaa jiraniitiin, ‘Isin warra abaaramtoota nanaa, ana biraatii gara boolla ibiddaa isa kan bara baraa, iddoo Seexanaa fi ergamoota isaaf qophaa’ee jirutti, badaa. 42 Sababni isaas, yeroo ani beela’ee turetti, isin beela nan baafne; yeroon dheebodhee turettis, dheebuu nan baafne. 43 Isin, yeroo ani keessummaa ta’ee dhufee turettis, ana hin keessummeessine; yeroo ani qullaa hafee turettis, natti hin uffifne; yeroon dhukkubsadhee turettis, yeroon hidhamee turettis, isin homaa anaaf hin goone ture’ ni jedha. 44 Isaanis, ‘Gooftaa, ati beela’uu kee, dheebochuu kee, keessummaa ta’uu kee, qullaa ta’uu kee, dhukkubsachuu kee, akkasumas immoo, hidhamuu kee, yeroo kami kan nuti si arginee, si tajaajiluu dhiifne?’ jedhanii deebisanii isa ni gaafatu. 45 “Achiin boodas, Inni immoo, ‘Ani dhuguman isiniin jedha; warra hundumaa gadi ta’aniif homaa gochuu dhiisuun keessan, anaaf akka homaa hin gooneetti fudhatama’ jedhee isaaniif ni deebisa. 46 Isaan kuni gara adabbii bara baraatti ni deemu; warri qajeelonni garuu, gara jireenya bara baraatti ni deemu” jedhe.