24

1 Yasuus mana sagadaa keessaa ba’ee, karaa isaa irra bu’e adeemsa jalqabe. Barattoonni isaas ijaarsa mana sagadaa isatti argisiisuudhaaf gara isaa dhufani. 2 Inni garuu, “Isin waantota kana hundumaa hin argitanii? Ani dhuguman isiniin jedha; bakka kanatti, lafatti cacabsameetu diddiigama malee, dhagaan tokko iyyuu dhagaa biraa irratti taa’ee hin hafu” jedhee isaaniif deebise. 3 Akkuma inni Tulluu Ejersaa irra taa’eenis, barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Nutti himi mee, waantotni kun kan raawwatan yoomi dha? Mallattoon dhufaatii kee fi xumurri barichaa maali dha?” jedhanii kophaatti isa gaafatani 4 Yasuusis, “Eenyumtuu daandii keessan irraa akka isin hin kaachisne of eeggadhaa! 5 Warri maqaa kootiin dhufan baay’ee dha. Isaanis, ‘Ani Kiristoos dha’ jedhanii namoota baay’ees karaa irraa ni kaachisu. 6 Isin waranotaa fi waa’een waraanotaa yeroo asaasamu ni dhageessu. Kunis raawwachuu waan qabu sila ta’eef, isin garuu akka hin na’iinaa; guyyaan suni garuu amma iyyuu akka hin geenye hubadhaa. 7 Biyyi biyya irratti ni ka’a; mootummaanis mootummaa irratti ni ka’a. Beellii fi kirkirri lafaas, bakka adda addaatti ni uumamu. 8 Waantonni kunneen hundumtuu garuu jalqaba ciniinsuuwwan da’umsaa ti. 9 Achiin boodas, isaan rakkinatti dabarsanii erga isin laatanii booda, isin ni ajjeesu. Maqaa koofis jettanii biyya lafaa hundaa irrattis ni jibbamtu. 10 Yeroo sanatti namoonni baay’een ni gufatu, wal ganu; walis ni jibbu. 11 Raajonni sobduun baay’een ni ka’u (dhufu); namoota baay’ees ni dogogorsiisu. 12 Seeraan-alummaan waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa ni deema. 13 Namni hamma dhumaatti rakkoowwan kanneen danda’ee turu garuu ni fayyisama. 14 Oduun gammachisaan kunis mootummaa Waaqayyoo akka dhugaa ba’uuf guutummaa biyya lafaa irratti namoota biyya lafaa hundumatti ni lallabama. Kanaan boodas, inni dhumaa ni dhufa. 15 “Kanaafuu, akkuma raajicha Daani’eeliin dubbatamee ture sanaatti, waanti jibbisiisaan bakka qulqulluu ta’e keessa dhaabbatee yeroo jiru yoo argitani”, namni kana dubbisu haa hubatu. 16 “Yeroo sanatti, warri Yihudaa keessa jiran, gara tulluuwwaniitti haa baqatani; 17 Namni inni bantii manaa irra jirus, waan tokko iyyuu mana isaa keessa fudhachuudhaaf jedhee gadi hin bu’iin; 18 Namni inni goodaa jirus, uffata (wayyaa) isaa fudhachuudhaaf jedhee gara mana isaatti hin deebi’iin. 19 Yeroo sanatti warra ulfaa ta’anii fi warra hoosisaniif garuu wayyoo! 20 Yeroon itti baqattan yeroo gannaa fi guyyaa Sanbataa akka hin taaneef kadhadhaa! 21 Yeroodhuma sanattis, rakkoo guddaan, inni erga uumama biyya lafaa irraa jalqabee hanga ammaatti uumamee hin beekne, gara fuul duraatiis kan deebi’ee hin uumamne, ni uumama. 22 Guyyoonni suni otoo hin gabaabsifamani ta’ee ture, namni fooniin jiru tokko illee hin hafu (fayyu) ture. Warra filataman sanaaf jecha garuu, guyyoonni suni ni gabaabsamu. 23 Yeroo sanatti, eenyumtuu, ‘Ilaalaa, inni kuni Kiristoos dha’; yookiin immoo, ‘Inni suni Kiristoos dha’ yoo isiniin jedhe, hin amaninaa! 24 Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa ka’uudhaan karaa irraa isin jallisuu (isin dogogorsiisuuf), yoo isaaniif danda’ame immoo warra filataman iyyuu karaa irraa jallisuuf (dogogorsiisuuf), mallattoowwanii fi dinqiiwwan gurguddaa ni argisiisu. 25 Hubadhaa, ani duraan dursee isinitti himeera. 26 Kanaafuu, isaan ‘Inni kunoo lafa onaa keessa jira’ yoo isiniin jedhan, gara lafa onaa sana hin deemiinaa. Yookiin immoo, ‘Inni kunoo mana keessa jira’ yoo isiniin jedhanis, hin amaniinaa. 27 Gaafa guyyaa bakakkaan ba’a biiftuu irraa ka’ee hanga lixa biiftuutti balaqqisee ifu sana, dhufaatiin Ilma Namaas ni ta’a. 28 Eessumayyuu taanaan, bakka raqni (horiin du’e) jiru sanatti, joobirri walitti ni qabama. 29 “Battaluma guyyoonni rakkinnaa suni darbeen immoo, biiftuun ni dukkanoofti; jiinis ifa ishee hin laattu; urjoonnis waaqa irraa gadi ni harca’u; humnoonni waaqa keessaas ni raafamu. 30 Achiin boodas, mallattoon Ilma Namaa waaqa keessatti ni mul’ata; yeroo sanattis, sanyiin namaa biyya lafaa irra jiraatan hundumtuu ni gaddu. Isaanis Ilmi Namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan hurrii waaqa keessaa irra yeroo inni dhufuu ni argu. 31 Innis ergamoota isaa waaqa keessaa, sagalee xurumbaa guddaa wajjin, ni erga; isaanis warra filataman handaara samii karaa tokkoo irraa hanga fiixee isa biraatti, karaa kallattii arfaniin iyyuu walitti ni qabu. 32 “Muka harbuu irraa barumsa baradhaa. Yeroo dameen isaa gogee baalli isaa harca’uu jalqabu, bonni akka dhiyaate ni hubattu. 33 Akkuma kanaatti, waantota kanneen hunda yeroo argitan, akka inni dhufee balbala biraatti dhiyaatee jiru beekuun isinitti jira 34 Ani dhuguman isiniin jedha; waantotni kunneen hundumtuu hanga raawwatamutti, dhaloonni ammaa kuni hin darbu. 35 Waaqnii fi lafti ni darbu; dubbiiwwan koo garuu gonkumaa hin darbani (badani). 36 Guyyaa fi sa’aatii dhufaatii sanaa ilaalchisee garuu, Abbaa irraa kan hafe, ergamoonni waaqa keessaas, Ilmis, hin beekani. 37 Akkuma dhufaatiin guyyoota Nohi hin beekamne ture, guyyaan dhufaatii Ilma Namaas hin beekamu. 38 Bara sana, lolaan suni otoo hin dhufiin dura, hanga gaafa Nohi doonii keessa gale sanaatti, namoonni nyaachaas, dhugaas, fuudhaas, heerumaas turani. 39 Hanga lolaan suni dhufee hunduma isaanii haree fudhatee deeme sanaatti, isaan homaa tokko iyyuu hin beekani ture – barri dhufaatii Ilma Namaas akkasuma dha. 40 Gaafa guyyaa sanaas, namoonni lama maasii keessatti ni argamu – inni tokko ni fudhatama; inni tokko immoo ni dhiifama. 41 Dubartoonni lamas majiitiin midhaan ni daaku – isheen tokko ni fudhatamti; isheen tokko immoo ni dhiifamti. 42 Kanaafuu, guyyaa gaafa Gooftaan keessan dhufu hin beektan waan ta’eef, qophaa’aatii eeggadhaa! 43 Abbaan manaa tokko halkan keessaa yeroo kam itti hattuun akka dhufu otoo beeka ta’e turee, dammaqee waan eeggatuuf, mana isaa akka hin cabsisiifne ture, garuu ni beektu. 44 Kanaafuu, Ilmi Namaas sa’aatii isin hin eegnetti waan dhufuuf, isinis qophaa’aatii eeggadhaa. 45 “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni maatii isaaf nyaata isaanii yeroodhaan isaaniif kennuuf jedhee mana isaa dabarsee itti kennu isa kami dha ree? 46 Hojjetaan inni otoo inni hojii isaa hojjetaa jiruu gooftaan isaa dhufee isa argu suni eebbifamaa dha. 47 Dhuguman isiniin jedha; hojjetaa sanaatiin, gooftaan isaa, akka inni qabeenya isaa hundumaa irratti ajajjuus ni godha. 48 Hojjetaan inni hamaan suni garuu, garaa isaa keessatti, ‘Gooftaan koo ni tura’ jedhee ni yaada; 49 Kana irraa kan ka'eenis, hojjetoota akka isaa reebuu fi isaaniin dhoowwatee, warra machooftota wajjin nyaachuu fi dhuguu ni jalqaba. 50 Gooftaan isaa garuu guyyaa inni hin eeginettii fi sa’aatii inni hin beekinetti ni dhufa; 51 Gooftaan isaas hojjetaa sana bakka hedduutti isa ni kukkuta; achiin boodas, iddoo warri ofittoo jiraatan – iddoo ittii boo’anii fi iddoo ilkaan walitti qaran sana – isaaf ni kenna.