23

1 Sanaan boodas, Yasuus namoota achitti walitti qabamanii jiran fi barattoota isaatti dubbate, 2 Innis, “Barreessitootni seeraa fi warri Faarisootaa iddoo taa’umsa (teessoo) Muusee taa’anii jiru. 3 Kanaafuu, waantota isaan godhaa jedhanii isin ajajan godhaa; eegaas. Isaan ni jedhu male, waantota jedhan garuu waan hin gooneef, hojiiwwan isaanii duukaa hin bu’iinaa. 4 Eeyyee, isaan ba’aa ulfaataa namni baachuu hin dandeenye hidhanii gatiittii namootaa irra ni kaa’u. Isaan, ofii isaanii baachuuf garuu, quba isaanii illee itti hin butani. 5 Isaan, hojiiwwan isaanii hundumaa kan hojjetaan, akka namoonni isaan arganiif dha. Isaan rarraatoowwan (phylacteries) ni bal’isu; fiixee uffata isaaniis dheerassanii ni hoddu. 6 Isaan, bakka diggisiiwwaniitti, iddoo ulfinaa; manneen sagadaa keessattis, teessoowwan warra angafaa, taa’uu jaalatuu. 7 Lafa gabaa keessattis, namoonni haala adda ta’een nagaa akka isaan gaafatanii fi namoonni ‘Barsiisa’ jedhanii akka isaan waaman ni jaalatu. 8 Isin garuu barsiisa tokko qofaa waan qabdaniif, hundumti keessan iyyuu obboloota dha malee, ‘Barsiisa’ jedhamtanii waamamuun isinitti hin jiru. 9 Lafa irratti nama tokkoon iyyuu abbaa koo jettanii hin waamiinaa; Abbaan keessan inni tokkichi isa waaqa keessa jiru dha. 10 ‘Barsiisa’ jedhamtaniis waamamu hin qabdani; barsiisaan keessan inni tokkichi Kiristoosi dha. 11 Isin gidduudhaa inni caalaatti cimaa ta’ee garuu, inni hojjetaa keessani dha. 12 Nammi eenyumtuu inni ol of qabu, gadi ni qabama; inni gadi of qabu immoo, ol ni qabama. 13 Wayyoo garuu warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin mootummaa waaqaa namoota duraa cuftaniittu. Ofii keessanii itti hin galtan; warra itti galuu barbaadan immoo akka isaan itti hin galle ni hoowwitu. 14 Wayyoo garuu warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin warri dubartii ishee gaalamoota sana jalaa waan isheen qabdu nyaattanii fixxan, fakkeessuudhaaf jettanii immoo kadhannaa keessan dheeresitan, yakki caalaan isin irratti ni murama. 15 Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin galaana fi lafa irraa asiif achi deemtanii amantii namaa jijjiirtu; erga inni amanticha fudhatee boodas, hamminni isaa harka lamaan kan caalu ilma du’a bara baraa isa gootu. 16 “Wayyoo yaa jaamtota warra jaamtota akka keessanii harkiftan nanaa; isin warri ‘Namni eenyumtuu inni maqaa mana sagadaatiin kakatu, kakaan isa homaa miti. Namni eenyumtuu inni maqaa warqee mana sagadaatiin kakatu garuu, inni kakaan isaa amanamaa dha’ jettani. 17 Isin jaamtota gowwoota nana! Isa kamtu caala, warqee moo, mana sagadichaa isa warqee sana iyyuu qulqulluu godhutu, caala? 18 Isinis warri ‘Namni eenyumtuu inni maqaa iddoo aarsaa itti kennaniin kakatu, kakaan isa gatii hin qabu. Namni eenyumtuu inni maqaa aarsaa achi irraa kaa’ameen kakatu garuu, kakaan isa guutuu dha’ jettani, 19 Isin yaa namoota jaamtota nanaa! Isa kamtu caala, kennaa sana moo, iddoo aarsaa sana, isa kennaa sana iyyuu qulqulluu godhutu, caala? 20 Kanaafuu, namni inni iddoo aarsaa sanaatiin kakatu, inni kan kakatu iddoo aarsaa sanaatiin, akkasumas kennaa isa iddoo aarsaa sana irra kaa’ameetiinis dha. 21 Namni inni maqaa mana sagadaatiin kakatus kan kakatu maqaa mana sagadaa sanaa fi maqaa isa achi keessa jiraatuunis dha. 22 Namni inni maqaa waaqaatiin kakatu sunis kan kakatu maqaa barcuma (teessoo) Waaqayyootiinii fi maqaa isa barcumicha irra taa’uutiinis dha. 23 “Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Baala kefoo, inchilaala fi ija dimbilaalaa illee harka kudhan keessaa harka tokko Waaqayyoof ni kennitu; seera Waaqayyoo keessaa warra caalaatti barbaachisaa ta’an –firdii qajeelaa, gara laafinaa fi amanamummaa – garuu otoo hin godhiin ni dhiiftu. Garuu immoo, warra sanas gochuu otoo hin dhiisiin, isaan kanas gochuun isinitti jira ture. 24 Isin yaa jaamtota warra jaamtota harkiftan nanaa! Isin warra bookee liqimsuun isinitti cimee, gaala garuu liqimsitani dha! 25 “Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Keessi kubbayyaa fi gabatee saammii fi gabgaabbumaadhaan guutamee otoo jiru, isin garuu duuba duuba isaanii qulqulleessitu. 26 Faarisootaa warra jaamtota nana! Duubni isaaniis akka qulqullaa’uuf, dura dabarsaatii keessa kubbayyaa fi gabatee sanaa qulqulleessaa! 27 “Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin akka bakka awwaalcha isa duubaan nooraa dibamee addaatee bareedu, keessi isaa garuu lafeewwan warra du’anii fi waantota qulqulluu hin taane biraatiinis guutamee jiruu ti. 28 Haaluma wal fakkaatuun, isinis duubaan namootatti qajeellota ni fakkaattu; keessi keessan garuu ofittummaa fi seeraan alummaatiin guutamee jira. 29 “Wayyoo warra of jajjoota nanaa – yaa warra barreessitoota seeraa fi yaa warra Faarisootaa! Isin bakka awwaalcha raajotaa ni ijaartu; bakka awwaalcha warra qajeelotaas ni miidhagsitu. 30 Isin, ‘Bara abboota keenyaa sana jiraanneerra otoo ture, nuti isaan wajjin dhiiga raajotaa hin dhangalaasnu ture’ ni jettu. 31 Kanaafuu egaa, isin ilmaan warra raajota ajjeesanii ta’uu keessan of irratti dhugaa bahaa jirtu jechaa dha. 32 Isinis egaa safartuu abbootii keessanii guuttaniittu jechaa dha. 33 Yaa bofoota nanaa, yaa ijoollee mar’attoota nana! Egaa isin firdii hallayyaa boolla du’a bara baraa jalaatii attamitti baatu ree? 34 "Kanaafuu, kunoo ani raajota, namoota ogeeyyii fi barreesitoota gara keessaniitti na erga. Isinis, gar tokkoo isaanii ajjeestanii ni fanniftu; gar tokkoo isaanii immoo manneen sagadaa keessan keessatti ni reebdu; magaala tokko irraa gara magaala biraattis isaan ni ariitu. 35 Kanaanis, dhiigni warra qajeelotaa inni lafatti dhangala’ee ture hundumtuu isin irratti ni dhufa; kunis kan ta’u, dhiiga Abeel isa qajeelaa sana irraa kaasee hanga dhiiga Zakkaariyaas, ilma Baraakiyaa, isa isin bakka mana sagadaa fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, isa jiru dha. 36 Ani dhuguman isiniin jedha, hundumti kuni iyyuu kan dhufu. dhaloota ammaa kana irratti dha. 37 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ishee raajota ajjeeftuu; ishee warra gara isheetti ergamanis dhagaadhaan rukuttuu! Akkuma handaaqqoo wicii ishee kaattuu ishee jalatti sassaabduu, ijoollee kee walitti qabuuf, yeroo hammamii anatti fudhatee? Ati garuu indaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabatutti, si'a meeqan ijoollee hin barbaanne. 38 Kunoo ilaali; manni kee onee duwwaatti sii hafee jira. 39 Ani nan isinitti hima; ammaa irraa kaasee hanga isin ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu suni eebbifamaa dha’ jettanitti ana hin argitan” jedhe.