22

1 Yasuus ammas fakkeenyaan isaanitti dubbate; 2 “Mootummaan waaqaa akk mootii isa diggisii cidha ilma isaa qopheesse tokkooti. 3 Mootichi warra cidhicha irratti hirmaatan hojjettoota isaa ergee waamsisee ture; warri affeeramani garuu hin dhufne. 4 Mootichi ammas, ‘Warra affeeramaniitiin, “Kunoo, affeerraa hirbaataa qopheesseen jira. Sangoonni koo fi horiin furdisaman qalamanii, waanti hundumtuu qophaa’ee jira. Diggisii cidhaatti kootta’” jedhaatii waamaa jedhee hojjettoota isaa kan biraa isaanitti ergee. 5 Warri waamaman garuu affeerraa isaaf gurra dhoowwatanii, gar tokko gara qotiisa isaanii, gar tokko immoo gara daldala isaanii deemani. 6 Warri kaan immoo hojjetoota mootichaa qabanii, salphisanii, dhuma irrattis ajjeesani. 7 Mootichis waan aareef, loltoota isaa isaanitti erge; isaanis warra hojjetaa isaa ajjeesan sana ni balleessani; magaala isaaniis ni gubani. 8 Sana boodas, mootichi hojjetoota isaatiin, ‘Cidhichi qophaa’eera; warri waamamanii turan garuu warra gatii hin qabne dha. 9 Kanaafuu, gara daandii guddaa wal qaxxaamuru sana dhaqaatii, namoota argachuu dandeessan hunda gara diggisii cidhichaatti affeerraa’ jedhe. 10 Hojjettoonni sunis gara daandii guddaa wal qaxxaamuru sana deemanii, namoota argatan hundumaa, warra hamaas warra gaariis, walitti qabanii fidani. Manni cidhichaas keessumootaatiin guutame. 11 Mootichis keessummoota achitti argaman ilaaluuf yeroo ol lixettis, nama uffata cidhaa hin uffatne tokko arge. 12 Mootichis namichaatiin, ‘Firana, uffata cidhaa malee attamitti as dhufte?’ jedhe. Namichis waan dubbatu dhabe. 13 Achiin boodas, mootichi hojjettoota isaatiin, ‘Namicha kana harka fi miilla isaa hidhaatii, iddoo boo’ichii fi ilkaan walitti qaruun jiru dukkana alaa keessatti gadi darbadhaa’ jedhe. 14 Namoonni waamaman baay’ee dha; warri filataman garuu muraasa dha” jedhee fakkeenya isaa isaanitti hime. 15 Sanaan boodas, warri Faarisootaa isuma inni dubbateen attamitti Yasuusiin kiyyoo keessa isa gashuu akka danda’an irratti deemanii mari’atani. 16 Achiin boodas, hordoftoota isaanii, warra garee Herood wajjin, gara Yasuusitti ergani. Warri ergamanis Yasuusiin, “Barsiisa, nuti akka ati nama dhugaa taatee fi daandii Waaqayyoos dhugaadhaan akka ati barsiiftu ni beekna. Ati yaada namootaaf iddoo hin laattu; namas wal hin caalsitu. 17 Kanaafuu, maal akka sitti fakkaatu mee nutti himi? Qeesaarii gibira kaffaluun sirrii dha immoo seeran ala dha?” jedhaniini. 18 Yasuus garuu sharrii isaanii waan bareef, “Warra ofittoo nana, ammaa maaliif ana qortu? 19 Maallaqa gibira sanaa mee anatti argisiisaa” jedhe. Isaanis qarshii tokko isatti fidani. 20 Yasuusis; “Kunneen bifa eenyuu fi maqaa eenyuu ti?” isaaniin jedhe. 21 Isaanis, “Kan Qeesaari dha” jedhaniini. Sana booddees, Yasuusis,, “Waantota Qeesaar kan ta’an, Qeesaariif, waantota Waaqayyoo kan ta’an immoo, Waaqayyoof kennaa” isaaniin jedhe. 22 Yeroo kana dhagaa’anittis, ni dinqisiifatani. Achumatti isa dhiisaniis, achiitii deemani. 23 Guyyaa dhuma sanas, Saaduqoonni, warri du’aa ka’uun hin jiru jedhan tokko, gara Yasuus dhufani. 24 Isaanis, “Yaa barsiisa, Muuseen ‘Namni tokko dhala otoo hin godhatin yoo du’e, obboleessi isaa haadha manaa isaa fuudhee obboleessa isaatiif ijoollee ni guddisa’ jedhee ture. 25 Obbolaawwan toorba turani. Inni angafni niitii erga fuudhee booda ni du’e. Ijoollee otoo hin godhatiin, niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee du’e. 26 Achiin boodas, inni lammaffaanis, inni sadaffaanis, hamma isa toorbaffaattis ishee fuudhanii, dhala otoo hin godhatiin hundumtuu irraa du’ani. 27 Hundumti isaanii erga du’anii boodas, dubartittiinis ni duute. 28 Toorban isaanii iyyuu ishee fuudhanii waan tureef, amma yoo du’aa ka’ani, isheen niitii isa kamii taati egaa?” jedhanii isa gaafatani. 29 Yasuusis, “Isin waan Kitaabni Qulqulluu jedhu, yookiin immoo, humna Waaqayyoo waan hin beekneef, dogogortanii jirtu. 30 Du’aa ka’ina booda, isaan hin fuudhani, hin heerumanis. Bakka kanaa garuu, isaan waaqa keessatti akka ergamoota ti. 31 Waa’ee du’aa ka’uu warra du’anii ilaalchisee garuu, isin isa Waaqayyo isinitti dubbatee ture hin dubbifnee? Innis, 32 ‘Ani Waaqayyoo isa kan Abrahaam, Waaqayyoo isa kan Yisihaaq, Waaqayyoo isa kan Yaaqoobi dha’ kan jedhu ture. Inni Waaqayyoo warra jiraataniiti malee, Waaqayyoo warra du’anii miti” jedhee isaaniif deebise. 33 Namoonni achitti walitti qabamanii jiranis yeroo kana dhaga’ani, barsiisa isaatti ni ajaa’ibamani. 34 Yasuus warra Saaduqootaa akka afaan isaanii isaan qabaxhiise erga dhaga’anii booda, warri Faarisootaa walitti qabamani. 35 Isaan keessaas, namichi inni ogeessa seeraa tokko Yasuusiin qoruudhaaf gaaffii isa gaafatee, 36 “Barsiisa, seera keessaa abboommiin inni warra hundumaa irra cimaan isa kami dha?” jedhee gaafate 37 Yasuusis, “‘Gooftaa kee Waaqayyootiin garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaaladhu’. 38 Inni kuni abboommii isa cimaa fi isa duraa ti. 39 Abboommiin inni lammaffaas akkuma isa duraa ti – ‘Ollaa kee akka mataa keetiitti jaaladhu’. 40 Seerichii fi barsiisni raajotaa hundumtuu abboommiiwwan lamaan kana irratti hundaa’u” jedhee isaaniif deebise 41 Warri Faarisootaa akkuma walitti qabamanii jiranitti, Yasuus gaaffii tokko isaan gaafate. 42 Innis, “Waa’ee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti” kan jedhu ture. Isaanis, “Ilma Daawwiit dha” jedhani. 43 Yasuusis, “Erga akkas ta’ee, attamitti Daawwiit Afuuraatiin Gooftaatiin akkas jedhe ree?: 44 ‘Gooftichi Gooftaa kootiin, Karaa harka mirgaa koo taa’i, Hanga ani diinota kee barcuma miilla kee irra kaawwattu godhutti’ jedhee dubbateera. 45 Egaa Daawwiit Kiristoosiin ‘Gooftaa’ jedhee waama yoo ta’e, attamitti ilma Daawwiit ta’a” jedhe. 46 Namni tokko illee deebi’ii isaaf kennuu hin dandeenye; guyyaa sana irraa kaasees, namni garaa jabaatee gaaffii biraa tokko illee isa gaafachuudhaaf yaale hin turre.