21

1 Yasuusii fi barattoonni isa Yerusaalemitti dhiyaataniin, Tulluu Ejersaa bira Beetefaagee akkuma ga’aniin, Yasuus barattoota lama ergee, 2 Innis “Gara ganda asitti aanee jiru sana dhaqaa; akkuma achi geessaniinis harree achitti hidhamtee dhaabbattuu fi ilmoo ishee ni argattu. Hiikaatii as naa fidaa. 3 Eenyumtuu waa’ee isaa yoo isin gaafate immoo, ‘Gooftichatu isaan barbaade’ jedhaatii itti himaa; namtichis battalumatti harroota sana isin duukaa ni erga” jedhee isaan erge. 4 Kuni hunduu amma kan raawwate, inni karaa raajichaatiin dubbatamee ture akka guutuufi dha; innis: 5 “Intala Tsiyoonitti himaa; ‘Mootiin keessan kunoo gara keessan dhufaa jira; Gadis of qabee harree fi ilmoo ishee yaabbatee dhufaa jira’” kan jedhu dha ture 6 Achiin boodas, barattoonni sunis deemanii akkuma Yasuus isaan ajajetti raawwatani. 7 Isaanis harree sanaa fi ilmoo ishee fidanii gilaasa (uffata) isaanii irra buusani; Yasuusis gilaasa sana irra taa’e. 8 Namoonni achitti walitti qabamanii jiran keessaa harki caalaan isaaniis uffata isaanii karaa inni deemu irra afani; warri kaan immoo dameewwan mukaa ciruudhaan karaa irra firfirsani. 9 Achiin boodas, namoonni hedduun warri dura fi booda Yasuus deemaa jirani sagalee isaanii ol fudhatanii, “Hosaa’inaa, Ilma Daawwiitiif! Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha! Hosaa’inaa gara ol gubbaatti!” jedhani. 10 Yasuus Yerusaalem keessa yeroo lixee turettis, guutuun magaalittii ni raafame; “Inni kuni eenyu dha?” jedhaniis gaafatani. 11 Namoonni isaa wajjin achi turanis, “Inni kuni Yasuus isa raajicha isa Naazireet biyya Galiiiaa irraa dhufe dha” jedhanii isaaniif deebisani. 12 Sanaan boodas, Yasuus mana sagadaa keessa seene. Innis namoota warra mana sagadaa keessatti bitanii fi gurgurani hundumaa isaanii gadi baase; gabatoota (xarapheezota) warra horii callaa gegeddaranii fi taa'umsa warra gugee gurguraniis gadi gagaragalche. 13 Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhamee waamama’ jedhamee barreessameera; isin garuu gola saamtotaa isa godhattani” isaaniin jedhe. 14 Sana boodas, warri jaama fi warri naafni mana sagadaa keessatti isa bira dhufani; innis isaan fayyise. 15 Dura buutonni lubootaa fi barreesitoonni seeraa waanta raajii inni gochaa turee yeroo arganii fi ijoolleen mana sagadaa keessatti sagalee isaanii ol fudhatanii, “Hosaa’inaa, Ilma Daawwiitiif!” yeroo jedhan dhaga’anii, isaan baayy’ee ni aarani. 16 Isaanis, “Waan isaan jechaa jiran ni dhageessaa?” jedhanii isa gaafatani. Yasuusis, “Eyyee! Isin garuu, ‘Afaan ijoollee xixinnoo fi daa’imman keessaa, ati galateeffannaa ni qopheesita’ isa jedhu tasuma hin dubbifnee?” jedhee isaaniif deebise. 17 Sanaan booddees, Yasuus isaaniin dhiisee magaalittii keessaa ba’ee Bitaaniyaa dhaqee achi bule. 18 Ganamas yeroo magaalittiitti deebi’aa turettis, Yasuus ni beela’e. 19 Muka harbuu tokkos karaa bukkeetti waan argeef, gara mukichaatti goree yeroo ilaalu baala malee homaa irraa hin arganne. Innis mukchaatiin, “Bara baraan iji midhaanii sirratti hin margiin” jedhe; muktii harbuu sunis battalumatti ni goge. 20 Barattoonni isaas mukichi gogu isaa yeroo arganitti, ni raajeffatani; achumaanis, “Attamitti mukti harbuu kun battalumatti gogee?” jedhani. 21 Yasuusis, “Ani dhuguman isiniin jedha, amantii qabdu yoo ta’ee fi hin shakkitan (mamatan) yoo ta’e, isin kan gochuu dandeessani waanta mukicha irratti ta’e duwwaa otoo hin ta’iin, tulluu kanaan iyyuu, ‘Ol ka’iitii galaana keessatti gadi darbatami’ jechuu ni dandeessu; inni jettanis ni raawwatama. 22 Amantaniidhaan kadhattanii waanta gaafaffan hundumaa ni argattu” jedhee isaaniif deebise. 23 Yasuus mana sagadaatti ol deebi’ee barsiisaa yeroo inni turettis, dura buutonni lubootaa fi manguddoonni uummataa gara isaa dhufanii, “Humna (Aangoo) maaliitiin kana hundumaa goota; humna (aangoo) kanas eenyutu siif kenne?” jedhanii isa gaafatani. 24 Yasuusis, “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Yoo isin anatti himtan, anis humna maaliitiin waantota kana akkan godhu isinitti nan hima. 25 Cuuphaan Yohaannis eessaa dhufee? Waaqa biraa moo, namoota biraatii?” jedhee deebisee isaan gaafate. Isaanis akkas jedhanii wal mari’atani: “Yoo nuti ‘Waaqa biraati’ jenne, inni immoo, ‘Erga akkas ta’ee, isin maaliif hin amantani ree?’ nuun jedha. 26 Yoo nuti ‘Namoota biraati’ jenne garuu, namoonni Yohaannisiin akka raajiitti waan fudhataniif, isaaniitiin ni sodaanna”. 27 Sanaan boodas, “Nuti hin beeknu” jedhanii Yasuusiif deebisani. Innis, “Anis humna maaliin waantota kana akkan godhu isinitti hin himu. 28 Isin garuu maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ilmaan lama qaba ture. Innis ilma isaa isa tokko bira deemee, ‘Ilma ko, har’a deemiitii maasii waynii keessa hojjedhu’ ittiin jedhe. 29 “Ilmi isaa sunis, ‘Hin dhaqu’ jedhee erga deebiseefii booda garuu, yaada isaa jijjiiree, ni dhaqe. 30 “Achiin boodas, namnichi ilma isaa isa lammaffaa bira dhaqee, isuma ilma isaa isa duraatiin jedhee ture, isa kanattis hime. Innis, ‘Tole nan dhaqa, yaa abbaa ko’ jedhee abbaa isaaf deebise; garuu immoo hin deemne. 31 Ilmaan isaa lamaan kana keessaa, isa kami dha inni fedhii abbaa isaa guute?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Isa duraa ti” jedhanii deebisani. Yasuusis, “Ani dhuguman isiniin jedha; warri qaraxa sassaabanii fi warri sagaagalani iyyuu dura keessan mootummaa Waaqayyoo keessa ni seenu. 32 Yohaannis gara keessan kan dhufee ture qajelummaa keessaniif ture; isin garuu isa hin amanne. Warri qaraxa sassaabanii fi warri sagaagalani garuu isa ni amanani. Isin garuu, erguma kana argitanii booda illee, gaabbitanii isa hin amanne. 33 “Fakkeenya biraa tokko mee dhaggeeffadhaa. Namni abbaa lafaa ta’e tokko ture Innis lafa isaa irratti wayinii dhaabe; dallaas itti naannessee ijaare; boolla waynii keessatti cuunfanis ni qote; gamoo irra taa’anii maasicha eeganis ni ijaare; sanaan boodas, namoota warra wayinii hoomishanitti kireesse. Innis achiin booda gara biyya biraa deeme. 34 Yeroon midhaan wayinii itti sassaaban akkuma dhiyaatettis, midhaan waynichaa akka isaaf sassaabaniif jedhee hojjetoota muraasa gara warra wayinii hoomishan sanaatti erge. 35 Warri wayinii hoomishan suni garuu hojjetoota sana qabanii, isa tokko ni reebani; isa biraa ni ajjeesani; isa hafe immoo dhagaadhaan rukutani. 36 Abbaan lafaa sunis ammas hojjetoota biraa, warra duraa irra kan baay’atan, isaanitti erge; warri wayinii hoomishan suni garuu akkuma warra duraa isaan godhani. 37 Sanaan booddees, abbaan lafaa suni, ‘Ilma koo illee ni kabaju’ jedhee, ilma isaa gara isaaniitti erge. 38 “Warri wayinii hoomishan sunis ilmicha isaa yeroo argan, ‘Kuni isa dhaalu dha. Koottaa, isa ajjeesnee dhaala isaas haa fudhannu’ waliin jedhani. 39 Akkuma jedhanis, isa qabanii, maasii waynichaa keessaa gadi isa baasanii, isa ajjeesani. 40 Amma egaa abbaan waynichaa yeroo dhufu, warra wayinii hoomishan sana maal isaan godha laata?” isaaniin jedhe. 41 Isaanis, “Inni immaa warra abaaramtoota (gadhoota) sana dimshaashumaan erga isaan balleessee booda, maasii waynii isaa sanas namoota biraa, warra yeroo wayinichi ga’ee funaanamu ga’ee isaa isaaf kennaniif, ni kireesa” jedhanii isaaf deebisani. 42 Yasuusis, “Isin Kitaaba Qulqulluu keessatti isa, ‘Dhagichi inni mana ijaarttonni gadi gatani, Dhagaa bu’uuraa godhame. Kunis gocha Gooftaa ti; Ijji keenyas dinqii kana ni arge’ jedhu gonkuma hin dubbifnee? 43 Kanaafuu, mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, biyya isa midhaan kan isaa hoomoshu (horu) sanaaf akka kennamu isinittan hima. 44 Eenyumtuuu inni dhagaa kana irratti kufu, ni caccaba. Eenyumtuu inni dhagaan kuni irratti kufu garuu, ni daakama” isaaniin jedhe. 45 Warri dura buutota lubootaa fi warri Faarisootaa fakkeenyota isaa yeroo dhaga’anis, akka inni waa’ee isaanii dubbaachaa jiru, beekanii ture. 46 Isa hidhuus barbaadanii ture, garuu namoonni achitti walitti qabamanii jiran Yasuusiin akka raajiitti waan ilaalaniif, ni sodaatani.