1 Yasuus itti fufuudhaan, “Mootummaan waaqaa akka abbaa lafaa isa maasii wayinii isaatiif hojjettoota qacaruudhaaf jedhee bariidhaan ba’ee deemee tokkoo ti. 2 Innis guyyaatti nama tokkoof miindaa qarshii tokko kaffaluuf hojjetoota sanaa wajjin erga walii galee booda, gara maasii waynii isaatti isaan erge. 3 Gara sa'aatii sadii boodas, abbaan lafaa suni gadi ba’ee hojjettoota hojii malee lafa gabaa keessa dhaabatanii jiran arge. 4 Isaaniinis, ‘Isinis gara maasii waynichaa dhaqaa; waan isiniif malu immoo anu nan isiniif kenna’ isaaniin jedhe. Isaanis gara hojiitti deemani. 5 Ammas gara saa’atii ja’aatti, gara sa'aatii sagaliittis gadi ba’ee akkasuma godhe. 6 Si’a tokkos dabaluudhaan, gara sa'aatii kudha tokkootti gadi ba’ee namoota biraa hojii malee dhaabbachaa jiran arge. Isaaniinis, ‘Maaliif guyyaa guutuu hojii malee addana dhaabattu?’ jedhee isaan gaafate. 7 lsaanis, ‘Sababa namni tokko iyyuu nu hin qacarreefi’ jedhaniini. Innis, ‘Isinis gara maasii waynichaa dhaqaa’ isaaniin jedhe. 8 Galgalli yeroo ga’us, abbaan lafaa suni hojii gaggeessaa isaatiin, ‘Hojjettoota sana waamiitii, warra booda dhufan irraa jalqabiitii, dhuma irratti immoo warra dhufaniif, mindaa isaanii kaffaliif’ jedhee itti hime. 9 Warri gara sa'aatii kudha tokkootti qacaraman dhufanii, miindaa guyyaa tokkoo qarshii tokko tokkoo fudhatani. 10 Warri duraa dhufan yeroo fudhachuu dhufan kan caalu akka fudhatan yaadanii yoo ture iyyuu, isaanis tokko tokkoo isaaniif qarshii dhuma tokkotu kenname. 11 Mindaa isaanii erga fudhatanii boodas, simootaa isaanii abbaa lafaa sana irratti dhiyeessani. 12 Isaanis, ‘Hojjettoonni warri booddee kuni sa'aatii tokko duwwaa hojjetani; ati garuu unu warra guyyaa guutuu aduu nama gubu keessa dhaabbannee hojjechaa oolle wajjin wal qixxee dhuma nuu kaffalte’ ittiin jedhani. 13 Namichi garuu isaan keessaa isa tokkoon, 'Yaa namicho! Ani waan tokko illee sitti hin balleessine; ati miindaa guyyaa tokkootti anaa wajjin walii hin gallee ree? 14 Amma kan kee fudhadhuu dhaqi! Ani namicha isa booddee kanaafis hammuma kan keetii kennuufii nan fedha. 15 Ani immoo horii ofii kootiitiin waanan fedhe gochuun anaaf hin ta'uu ree? Yookiis arjummaa koo weennaattaa?' jedheen. 16 Akkasuma warri booddee warra duraa, warri duraas warra booddee in ta'u" jedhe. 17 Yasuus gara Yerusaalemitti ol ba’aa yeroo turettis, karaa irraati barattoota isaa kudha lamaan kophaatti fudhatee, 18 “Kunoo, nuti gara Yerusaalemitti ol ba’aa jirra; Ilmi Namaas dura buutota luboota fi barreessitoota seeraatiin dabarfamee ni kennama. Isaanis yakka du'aa itti ni murteessu; 19 Warra hin ammannettis, akka isaan itti dhaadatanii, isaas reebanii fi dhuma irrattis isa fannisaniif dabarsanii isa ni kennu. Gaafa guyyaa sadaffaa garuu inni du’aa ni kaafama” jedhee isaanitti hime. 20 Sana boodas, haati ilmaan Zabdiwoos, ilmaan ishee wajjin, gara Yasuusitti dhuftee. Waan tokko isa kadhachuudhaafis, miilla isaatti kufte. 21 Yasuusis, “Maal akkan siif godhu barbaadda?" jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Ilmaan koo lamaan kuni mootummaa kee keessatti, inni tokko gara mirga kee, inni tokko immoo gara bitaa kee, akka taa’an itti naaf himi (naaf abboomi)” isaan jette. 22 Yasuus garuu, “Waan gaafachaa jirtan kana hin beektani. Isa ani waancaa keessaa dhuguuf jiru kana isinis dhuguu ni dandeessuu?” jedhee deebise isaan gaafate. Isaanis, “Ni dandeenya” jedhaniin. 23 Innis, “Isa waancaa koo keessaa illee dhuguma ni dhugdu. Karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taa’uuf garuu, kennuun kan koo miti; taa’umsi suni garuu kan warra Abbaan koo kanaan dura isaaniif qopheessee ture dha” isaaniin jedhe. 24 Barattoonni warri kaan kurnan yeroo kana dhaga’anis, obbolaa lamaan sanatti ni aarani. 25 Yasuus garuu ofitti isaan waamee, “Bulchitoonni warra Waaqayyoon hin amanne isaaniin akka hacuucanii fi namoonni isaanii warri gurguddon humnaan akka isaan bitan, isinuu ni beektu. 26 Isin gidduutti garuu akkas ta’uu hin qabu. Kana irraa garuu; isin keessaa eenyumtuu inni guddaa ta’uu barbaadu, hojjetaa keessan ta’uu qaba. 27 Isin keessaa eenyumtuu inni tokkoffaa ta’uu barbaadu, hojjetaa keessan ta’uu qaba. 28 Akkasuma, Ilmi Namaas kan dhufe ergachuuf otoo hin ta'iin ergamuudhaafi bakka namoota hedduus bu’ee lubbuu isaa kennuudhaafi dha” jedhe. 29 Yeroo isaan Iyyaarikoo keessaa ba’anii deemanis, namoonni hedduun isaan duukaa bu’ani. 30 Namoonni jaamaa ta’an lama daandii bukkee taa’anii ture. Isaanis Yasuus achiin darbaa akka jiru yeroo dhaga’anii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawwiit, nu maari (fayyisi)” jedhanii iyyani. 31 Namoonni achitti walitti qabamanii jiran suni garuu akka isaan callisaniif isaanitti orihani. Isaan garuu isa duraa caalaa iyyaa, “Gooftaa, yaa Ilma Daawwiit, nu maari (fayyisi)” jedhani, 32 Sana boodas, Yasuus dhaabatee isaan waamuudhaan, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. 33 Isaanis, “Gooftaa, ija keenya akka unuuf bantuufi dha” jedhanii deebisani. 34 Yasuusis hedduu waan isaaniif gaddeef, ija isaanii qaqabe. Battaluma sanattis ijji isaanii ni arge; isaanis isa duukaa bu'ani.