1 Yasuus erga dubbiiwwan kanneen raawwateen boodas Galiilaadhaa ka’ee gara biyyaa Laga Yordaanos gama jirtutti, naannoo Yihudaa deeme. 2 Namoonni hedduunis isa duukaa bu’ani; innis achitti isaan fayyise. 3 Warri Faarisootas gara isaa dhufanii isa qoruudhaaf, “Namni tokko sababuma kamiinuu haadha manaa isaa hiikuun seerumadha mitii?” jedhanii isa gaafatani. 4 Yasuusis, “Inni jalqabuma isaan uume dhiiraa fi dubartii godhee akka uume hin dubbifnee? 5 Inni isaan uumes, ‘Sababa kanaaf dhiirri abbaa fi haadha isaa dhiisee haadha manaa isaa wajjin jiraata; isaan lachanuus foon tokko ni ta’u’. 6 Kana boodas, isaan lama miti, foon tokko dha malee. Kanaafuu, waanta Waaqayyo walitti fide, eenyumtuu gargar baasuu hin qabu” jedhee iisaaniif deebise. 7 Isaanis , “Yoo akkas ta’e egaa, Muuseen maaliif waraqaa wal hiikumsaa kenniifiitii achi ishee gaggeessi jedhee nu ajajee ture ree?” jedhanii deebisanii isa gaafatani. 8 Innis deebisee, “Muuseen haadha manaa keessan akka hiiktan kan isiniif eeyyamee ture, sababa garaa jabeenya keessanii irraa kan ka'een malee, jalqabatti akkas hin turre. 9 Ani isinittan hima, sababa sagaagalummaa irraa kan hafe, namni haadha manaa isaa hiikee kan, biraa fuudhu inni kam iyyuu balleessaa ejjummaa (sagaagalummaa) hojjetee jira” isaaniin jedhe. 10 Barattoonni isaa immoo, “Dhimmi namni tokko haadha manaa isaa wajjin qabu akkas yoo ta’e, fuudhuun gaarii mitii” ittiin jedhani. 11 Yasuus garuu, “Jechaa kana warra isaaniif kenname malee, namni hundumtuu fudhachuu hin danda’u. 12 Yeroo garaa haadha isaanii keessaa ba’anii jalqabee dhalootumaan warri xu'aashii (kolaasamaa) ta’anii uumaman ni jiru; warri harka namaatiin xu'aashii ta’anis ni jiru; mootummaa waaqaatiif jedhanii warri xu'aashii of godhanis ni jiru. Namni barsiisa kana fudhachuu danda’u, haa fudhatu” isaaniin jedhe. 13 Sana boodas, akka Yasuus harka isaa isaan irra kaa’ee isaaniif kadhatuuf jecha, mucooliin xixinnoon tokko gara isaatti fidamanii ture; barattoonni isaa garuu ifatanii isaan dhoowwani. 14 Yasuus garuu, “Mucoolii xixinnoo sanaaf eeyyamaa; mootummaan waaqaa kan warra akka isaanii kanaa waan ta’eef, akka isaan gara koo dhufan hin dhoowwiinaa” jedhe. 15 Harka isaa isaan irra erga kaa’ee boodas, bakka sana gadi dhiisee deeme. 16 Kunoo, namichi tokko gara Yasuus dhufee, “Barsiisa, jireenya bara baraa argachuuf waantota gaarii attamii hojjechuun natti jiraa? jedhee isa gaafate. 17 Yasuusis, “Isa kamtu gaarii dha jettee maaliif ana gaafatta? Gaariin tokko qofaa dha; jireenyatti seenuu yoo barbaadde garuu, abboommiiwwan sana eegi” jedhee itti hime. 18 Namichis, “Abboommiiwwan isaan kam?” jedhee isa gaafate. Yasuusis, “Hin ajjeesin; hin ejjiin; hin hatiin; sobaan nama irratti dhugaa hin ba’iin; 19 Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni; ollaa kees akkuma mataa ofii keetiitti jaaladhu” jedhe. 20 Namichi dargaggeessi sunis, “Isaan kana hundumaaf abboomameen jira. Kan na hafe (barbaachisu) kan biraa jiraa?” ittiin jedhe. 21 Yasuusis, “Waan hundumaan guutuu ta’uu barbaada yoo ta’e immoo, deemiitii qabeenya kee gurguriitii hiyyeessotaaf kenni; waaqa irrattis qabeenya ni argatta. Achiin boodas, koottuutii ana duukaa bu’i!” isaan jedhe. 22 Dargaggeessichi garuu qabeenya guddaa waan qabuuf, dubbii isa Yasuus jedhee erga dhaga’ee booda, gadda guutuudhaan achii deeme. 23 Yasuusis barattoota isaatiin, “Ani dhuguman isinitti hima, mootummaa waaqaa keessa lixuun nama sooressa ta’e tokkoof rakkisaa (cimaa) dha. 24 Ammas nan isinitti hima, sooressi tokko mootummaa Waaqayyoo keessa seenuu irra, yoo gaalli qaawwa lilmoo keessa baatetu irra salphata” jedhe. 25 Barattoonni isaas kana yeroo dhaga’ani, hedduu ajaa’ibamanii, “Egaa eenyutu fayyisamuu danda’a ree?” jedhanii isa gaafatani. 26 Yasuusis isaaniin ilaalee, “Kuni namootaaf hin danda’amu; Waaqayyoof garuu waantotni hundumtuu ni danda’amu” isaaniin jedhe. 27 Sana boodas, Pheexroos, “Akkuma argitu, nuti waanta hundumaa dhiifnee, si duukaa buunee jirra. Egaa nuti maal arganna laata ree?” jedhee isa gaafate. 28 Yasuusis, “Ani dhuguman isinitti hima, bara haaraa sanatti, yeroo Ilmi Namaa ulfina isaatiin barcuma (teessoo) isaa irra taa’u, isin warri ana duukaa buutanis, barcumoota kudha lamaan irra teessanii, gosoota Israa’el kudha lamaan sanaaf firdii ni kennitu. 29 Tokko tokkoon namaa inni maqaa kootiif jedhee mana, obboloota, obboleettota, abbaa, haadha, ijoollee, yookiin immoo lafa isaa dhiisee ana duukaa bu’e, dachaa dhibbaan ni fudhata; jireenya bara baraas ni dhaala. 30 Warra dura jiran keessaa baayy’een isaanii boodatti ni hafu; warra booda irraa jiran keessaa garuu baayy’een isaanii dura ni ta’u” isaaniin jedhe.