1 Yeroo sanattis Barattoonni Yasuus bira dhufanii, “Mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu eenyu dha?” isa gaafatani. 2 Yasuusis mucaa tokko gara isaatti waamee, isaan gidduu dhaabachiisee, 3 “Ani dhuguman isinitti hima, isin deebitanii akka mucoolii xixinnoo yoo taatan malee, gonkuma mootummaa waaqaa keessaa hin galtani. 4 Kanaafuu, namni eenyumtuu inni akka mucaa kanaatti gadi of qabu, inni mootummaa waaqaa keessatti hundumaa irra kan caalu dha. 5 Eenyumtuu inni maqaa kootiin mucaa akka kanaa ofitti qabee simatu, inni anaan ni argata (fudhata) 6 Eenyumtuu inni mucoolii xixinnoo warra anatti amanan kana keessaa tokko illee gufachiisuu garuu, dhagaa isa midhaan daakuu guddaa tokko morma isaatti rarraafatee hallayyaa galaanaa keessatti otoo liqimsamee isaaf wayya. 7 “Wayyoo yaa biyya lafaa, sababa gufannaa keetiif! Gufannaan dhufuun isaa barbaachisaa dha; nama gufannaan karaa isaa dhufu sanaaf garuu, wayyoo! 8 Kan si gufachiisu harka kee yookiin immoo miilla kee yoo ta’e, isa of irraa kutiitiii achi of irraa darbadhuu gati. Harka lama yookiin immoo miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu kee mannaa, harka citaa yookiin immoo milla citaa taatee gara jireenyatti galuuu siif wayya. 9 Ijji kee si gufachiisa yoo ta'e, of keessaa baasiitii achi of irraa gati. Ija lama qabaattee boolla ibiddaatti gadi darbatamuu kee mannaa, ija tokkoon gara jireenyatti galuu siif wayya. 10 Isaan xixinnoo kana tokkoo isaanii iyyuu akka hin tuffanne of eegadhaa! Ani nan isinitti hima, waaqa keessatti ergamoonni isaanii yeroo hunda fuula Abbaa koo isa waaqa keessa ni ilaalu. 11 [Ilmi Namaas kan dhufe isa bade fayyisuudhaafi.] 12 Maal isinitti fakkaata? Namni hoolota dhibba qabu tokko, tokkoo yoo keessaa bade, sagaltamii salgan gaara irratti dhiisee, isa bade sana barbaacha hin deemuu? 13 Ani dhuguman isinitti hima, isa bade yoo argates, warra sagaltamii salgan hin badne caalaa itti ni gammada. 14 Haaluma wal fakkaatuun, isaan xixinnoo kana keessaa tokko illee baduun fedhii Abbaa keessan isa waaqa keessa miti. 15 “Obboleessi kee yoo si yakke, bakka isin lamaan kophaa jirtanitti dhaqiitii, balleessaa isaa itti himi. Innis yoo si dhaga’e, obboleessa kee deebiftee ni argatta. 16 Inni yoo si dhaga’uu dide garuu, afaan nama lamaatiin yookiin sadiitiin dhugaan waan ba’uuf, nama tokko yookiin lama fudhuutii dhaqi. 17 Yoo inni isaaniinis dhaga’uu dide immoo, dhimma isaa waldaatti himi. Yoo inni waldaas dhaga’uu dide immoo, akka nama amantii hin qabnee fi akka nama gibira sassaabuutti isa lakkaa’i (ilaali). 18 Ani dhuguman isiniin jedha, Waantotni isin lafa irratti hiitan hundumtuu, waaqa irrattis ni h 19 Ammas dhuguman isiniin jedha; isin keessaa lamaan keesan waan isaan isin gaafatan irraatti biyya lafaa kana irratti yoo walii galtanii, Abbaa koo isa waaqa keessa jiruutiinis isaaniif ni ta’a. idhamu; waantotni isin lafa irratti hiiktan hundumtuu immoo, waaqa irrattis ni hiikamu. 20 Bakka namoonni lama yookiin sadii ta’anii maqaa kootiin walitti qabamani jiranittis, achitti anis isaan gidduutti nan argama” jedhe. 21 Sana boodas, gara Yasuusitti dhufee, “Gooftaa, obboleessi koo yoo na yakke, si’a meeqan Pheexroos isaafii dhiisaa? Hamma si’a toorbaatii?” jedhee isa gaafate. 22 Yasuusis, “Ani hamma si’a torbaatamii toorbaatti malee, hamma si’a toorbaati siin hin jedhu” jedhee isaaf deebise. 23 Kanaafuu, mootummaan waaqaa, mootii isa hojjetoota isaa wajjin hisaaba (kaffaltii) wal biraa qaban hedu tokko wajjin wal fakkaata. 24 Akkuma inni heduu jalqabeenis, nama inni qarshii kuma kudhan irraa qabu tokko itti fidani. 25 Namichi waan kaffalu waan dhabeef garuu, gooftaan isaa akka inni, haati manaa isaa, ijoolleen isaa fi waantotni inni qabu hundumtuu gurguramanii idaan suni isaafii kaffalamu ajaje. 26 Hojjetaan sunis, miilla gooftaa isaa jalatti kufuudhaan, ‘Maaloo gooftaa ko, xinnuma naaf obsi, anuu waan ana irraa qabdu hunda siifan kaffala’ jedhee kadhate. 27 Kana irraa kan ka'eenis, gooftaan isaa hojjetaa sanaaf garaa waan laafeef, gatii isa irraa qabus isaaf dhiisee, isa gadi dhiise. 28 "Hojjetaan sunis akkuma gadi ba’een, hojjetaa dhuma akka isaa kan inni qarshii dhibba tokko irraa qabutti arge. Innis, ‘Idaa (Liqii) isa ani si irraa qabu anaaf kenni’ jedhee morma isaa hudhee qabee 29 “Hojjetichi akka isaa sunis miilla isaa jalatti kufee, ‘Xinnuma anaaf obsi; liqii kee anuu siifan kaffala’ jedhee kadhate. 30 Hojjetaan inni gatii irraa qabu suni garuu ni dide. Sana irra darbees, hamma inni gatii isaa kaffaluufitti, mana hidhaatti isa galchisiise. 31 Hojjetoonni akka isaa warri kaan waan uumamee ture yeroo arganittis, gar malee gaddani. Waanta ta’e hundas gooftaa isaanii bira dhufani iisatti himani. 32 “Sana boodas, gooftaan hojjetaa sanaa ofitti isa waamee , ‘Ati yaa hojjetaa gadhee nana! Ani, waan ati ana kadhatteef jedheen, gatii si irra qabu sana hundumaa siif nan dhiise. 33 Akkuma ani siif dhiise, atis immoo hojjetaa akka keetiitiif dhiisuun sitti hin jiruu?’ ittiin jedhe. 34 Achiin boodas, gooftaan isaa waan aareef,, hamma inni gatii isa irra jiru hundumaa kennuufiitti, namoota warra nama reebaniitti (dararaniitti) dabarsee isa kenne. 35 Kanaafuu egaa, isinis obboleessa keessaniif garaa guutuudhaan dhiifama hin gootan yoo ta’e, Abbaan koo inni waaqa keessaas dhiifama isiniif hin godhu” jedhe.