1 Guyyaan Sanbataa erga darbee booda, gaafa barii jalqaba torbanii, Maariyaam isheen Maagdaliinii fi Maariyaam isheen biraas awwaalicha ilaaluuf achi dhaqani. 2 Kunoo, ergamaan Goofticha tokko waaqa keessaa gadi bu’ee dhufee dhagaa isa balbala awwaalichaa irraa jiru sana achi garagalche yeroo inni irra taa’etti, kirkirri lafaa guddaan ni uumame. 3 Bifti isaa akka bakakkaati; uffanni isaa akka cabbiitti addaata. 4 Waardiyyoonni (Eegdonni) bakka awwaalichaas garmalee waan sodaataniif, akka namoota du’anii ta’ani. 5 Ergamichis dubartoota sana waamee, “Hin sodaatinaa; akka isin Yasuus isa fannifamee ture barbaadaa jirtan anuu beeka. 6 Inni as hin jiru; akkuma jedhee ture sanattis, inni kaafameera. Koottaatii iddoo inni itti awwaalamee ture iyyuu ilaalaa. 7 Ammas dafaa deemaatii barattoota isaatti, ‘Inni du’aa ka’eera. Kunoo, inni isin dura Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu’ jedhaatii himaa. Kunoo, ani isinitti himeera” jedhe. 8 Dubartoonni sunis sodaa fi gammachuu guddaadhaan awwaalicha keessaa dafanii ba’anii, barattoota isaatti himuudhaaf fiigani. 9 Kunoo, Yasuusis isaanitti dhufee, “Nagaa jirtuu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis, gara isaa dhaqanii miilla isaa qabatanii isaa sagadani. 10 Achiin boodas, Yasuus, “Hin sodaatinaa. Deemaatii gara Galiilaatti akka dhufan obboloota kootti himaa. Isaanis achitti na argu” isaaniin jedhe. 11 Dubartoonni suni otoodhuma gara jedhametti deemaa jiranii, kunoo, warra awwaalicha egaa turan keessaa muraasni isaanii duruu gara magaalittii dhaqanii, waantota ta’anii turan hundumaa dura buutota lubootaaatti himanii ture. 12 Luboonni sunis manguddoota wajjin wal arganii erga mari’atanii booda, maallaqa hedduu warra loltoota sanaaf kennani. 13 Achumaanis, “Waa'ee isaa immoo, ‘Barattoonni isaa, yeroo nuti rafnee jirutti, dhufanii reeffa isaa hatani’ jedhaatii warra kaanitti himaa. 14 Dubbiin kuni bulchaa biyyaa bira yoo ga’es, akka rakkinni tokko iyyuu isin irra hin geenye goonee, nutuu isa ni amansiifna” jedhanii isaanitti himani. 15 Loltoonni sunis, maallaqicha fudhatanii, akkuma isaanitti himame turettiis godhani. Dubbiin kunis warra Yihudoota gidduutti bal’inaan tamsaasamee odeeffame; hanga har’aatti illee, ittuma fufee jira. 16 Barattoonni kudha tokko suni garuu, haaluma Yasuus isaanitti ergeen gara Galiilaa iddoo tulluu sanaa deemani. 17 Yeroo isa arganis, isaa sagadani; muraasni isaanii garuu ni shakkani. 18 Yasuusis gara isaaniitti dhufee isaanitti dubbate; innis, “Aangoon hundumtuu waaqa fi lafa irratti anaaf kennameera. 19 Kanaafuu, deemaatii uummattoota biyya lafaa hunda barattoota koo godhaa. Maqaa Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluutiinis isaan cuuphaa. 20 Waantota ani isin ajajee (abboomee) ture hundumaafis akka abboomaman isaan barsiisaa. Hubadhaa! Ani yeroo hundumaa isin wajjin nan jira, hanga dhumaatii bara kanaatti illee” isaaniin jedhe.