5

1 Isin gidduutti sagaagaltummaan akka raawwatamu dhageenyeerra, safu-dhabeenyi akkanaa warra hin amanin biratti illee eyyamamaa miti: Nmni haadha warraa abbaa isaa waliin ciisa. 2 Guddaa of bokoksitaniittu! Ijaa kanaa gadda taa’uun isin irra hin turre moo, namni inni waan akkasii kana hojjete isin gidduudhaa akka baafamutti? 3 Ani qaamaan isin gidduu yoon hin jiraatin illee, hafuuraan isin waliinan jira. Ani nama waan akkasii raawwate irratti murtii kenneera, akkuma waanan achi tureetti. 4 Isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin yommuu wal geessanii fi ani immoo hafuuraan isin waliin yomuun jirutti, humni Gooftaa keenyaa Yesuusis yommuu achi jirutti, 5 namicha kana badiisa foon isaatiitiif Swwxanatti dabarsaa isa kennaa, guyyaa Gooftaatti hafuurri isaa akka fayyuuf. 6 Of-tuuluun keessan gaarii miti. Hin beektani moo raacitii muraasni bukoo guutummaa bukoo akka bukeessu? 7 Bukoo isa haaraa, isa hin bukaa’in akkuma amma jirtan kanatti, ta’uu akka dandeessaniif raacitii isa moofaa irraa of-qulleessaa. Kiristoos, hoolaan Faasikaa keenya, aarsaa nuuf ta’eeraatii. 8 Kanaafuu kottaa ayyaanicha ni ayyaaneessinaa, raacitii isa moofaadhaan, isa amala gadheetii fi hamminaatiin otuu hin ta’in. Ijaa kanaa, kottaa maxinoo gadi of-qabuutii fi kan dhugaatiin ni ayyaaneffannaa. 9 Ani xalayaa kana kanan isiniif barreesseef namoota warra sagaagaltoota sana waliin walitti isin hidhuuf miti. 10 Karaa kamiin iyyuu ani namoota warra biyya lafaa kanaa warra sagaagaltoota ta’an, yookaan warra albaadheyyii ta’an, yookaan warra nama saaman, yookaan warra waqayyoolii tolfamaoo waaqessan jechuu koo miti, isaan irraa fagaachuu jechuun biyya lafaa kana irraa adeemuu waan ta’eef. 11 Ani kanan amma isiniif barressuuf garuu akka isin nama isa obboleessa jedhee otuu waamamuu garuu sagaagalummaatti, yookaan albaadhummaatti, yookaan waaqa tolfamaa waaqessuutti, yookaan nama arrabsuutti, yookaan machiitti, yookaan nama saamutti jiraatu waliin akka isin hidhata hintaaneefi. Nama akkanaa kana walin nyaata illee hin nyaatinaa. 12 Ani warra waldaa Kiristiyaanaatii ala jiran haala akkamiitiinan murtii isaanitti kennuu danda’aatii? Ijaa kanaa, isin warra waldaa Kiristiyaanaa keessa jiran irratti murtii kennuuf jirtu mitii? 13 Isaan warra bakkee jiran Waaqayyotu isaanitti murtii kenna. "Nama isa cubbamaa of keessaa baasaa."