3

1 Egaa, yaa obboloota ko, ani akka namoota hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye, garuu ijaa kanaa akkuma namoota foonii, akka namoota Kiristoositti daa’ima ta’aniittan isinitti dubbadha. 2 Isin nyaata jabaataa nyaachuudhaaf qophaa’oo waan hin turreef, ani aannanan isin soore, isin amma iyyuu nyaata jabaatadhaaf qophaa’oo miti. 3 Isin amma iyyuu akka fooniitti jirtuutii. Isin keessa namoonni warri hinaafanii fi warri sassatan waan jiraniif, isin amma iyyuu ulaagaa biyya lafaatiin jirataa jirtu mitii? 4 Sababii inni tokko akkas jedhuuf, "Ani Paawuloos duukaan jira," inni kaan immoo, "Ani Apholoos duukaan jira," isin namootuma qofaa mitiiree? 5 Apholoos eenyu inni ree? Phaawulosis eenyu? Isaan akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti, hojjetoota isin karaa isaaniitiin amantanii dha. 6 Ani nan dhaabe, Apholoos immoo bishaan obaase, Waaqayyo garuu guddina ni kenne. 7 Kanaafuu egaa, inni dhaabes ta’e inni bishaan obaase homaa iyyuu miti, garuu kan guddina kennu Waaqayyoo dha. 8 Amma inni dhaabus ta’e inni bishaan obaasu isaan tokkuma, tokkoon tokkoon isaanii akkuma dadhabbii isaaniitti mindaa isaanii ni argatu. 9 Nuyi warra waliin Waaqayyoof hojjennuudhaatii. Isinis bakka dhaabaa Waaqayyoo ti, gamoo Waaqayyoo ti. 10 Akkuma ayyaana Waaqayyoo isa anaaf kennameetti, ani akka ijaartuu ogeessa ta’eetti bu’uura nan kaa’e, inni kaan immoo isa irratti ni ijaare. Garuu namni kam iyyuu akkaataa ittiin ijaaru irratti of-eeggachuu isa barbaachisa. 11 Bu’uura isa takkaa kaa’ame sana, innis Yesuus Kiristoosii dha, malee eenyu illee bu’uura kan biraa kaa’uu hin danda’u. 12 Amma egaa namni kam iyyuu bu’uura kaa’ame sana irratti namni kam iyyuu warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, mukaan, margaan yookaan cidiidhaan yoo ijaare , 13 hojiin isaa ni mul’ifama, guyyaan mul’isuudhaaf waan jiruuf. Inni ibidda keessaan mul’ata waan ta’eef. Ibiddi qulqullina wanneen namoonni hundinuu hojjetanii ni qora. 14 Hojiin nama tokkoo yoo jiraate, namichi badhaasa isaa ni argata; 15 garaa hojiin nama tokkoo yoo gubateef, inni kasaaraa ni argata, inni garuu ofii isaatiif ni fayya, akkuma nama ibidda keessaa ba’uu. 16 Isin hin beektanii ree akka mana qulqullummaa Waaqayyoo taatanii fi Hafuurri Waaqayyoo isin keessa aka jiraatu? 17 Namni tokko mana qulqullummaa Waaqayyoo yoo diige, Waaqayyos nama sana ni balleessa. Manni qulqullummaa Waaqayyoo qulqulluudhaatii, isinis immoo akkasuma. 18 Eenyu illee of hin gowwomsin. Namni kam illee bara kana keessa akka waan ogeessa ta’eetti kan of hedu isin keessa jiraate, inni akka ogeessa ta’uu danda’uuf “gowwaa” haa ta’u. 19 Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummadhaatii. Akkana kan jedhu barreeffameeraatii, 20 Egaa ammas, 21 sababa kanaaf, eenyu illee namootaan of hin tuulin. Wanit hundinuu kan keessani, 22 Phaawulosiin haa ta’u, yookaan Apholoos, yookaan Keefaa, yookaan biyya lafaa, yookaan jireenya, yookaan du’a, yookaan wanneen amma jiran, yookaan wanneen dhufuuf jiran. Wanneen hundumtuu kan keessan, 23 isinis immoo kan Kiristoosi, Kiristoos immoo kan Waaqayyoo ti. "Inni warra ogeessota ogummaa isaaniitiin isaan qabata." "Gooftichi yaadni warra ogeessotaa gowwummaa akka ta’e ni beeka."