1 Obboloota ko, yommuun gara keessan dhufetti ani waa’ee Waaqayyootiif dhugaawwan dhokatanii turan isinitti labsuudhaaf dubbii bareedaa yookan ogummaatiin hin turre F 2 Yommuun isin gidduu turetti Kiristoosiin isa fannifamemalee waan kan biraa beekuudhaaf waan biraa beekuudhaaf akkan hin barbaanne murteeffadheen tureetii. 3 Akkasumas ani kanan isin giddu ture dadhabina, sodaadhaa fi ollannaadhaan ture. 4 Kanaafuu ergaan kootii fi labsiin koo jechoota nama hawwatan kan ogummaatiin hin turre, garuu agarsiisa hunba Hafuuraatiin malee, 5 kunis kan ta’e akka amantiin keessan ogummaa namotaa irratti otuu hin ta’in, humna Waaqayyoo irratti hundaa’uuf ture. 6 Amma nuyi warra bilchaatan gidduutti ogummaadhaan ni dubbanna, garuu ogummaa biyya lafaa kanaan, yookaan geggeessitoota bara kanaa, warreen darbuuf jirantiin miti . 7 Ijaa kanaa, nuyi ogummaa Waaqayyoo, ogummaa dhugaa isa dhokataadhaan Waaqayyo baroota dura ulfina keenyaaf dursee qopheesse ni dubbanna. 8 Geggeessitoota bara kanaa keessaa kan isa kana hubate hin jiru, utuu isa hubatanii jiraatanii, isaan Goofticha ulfinaa sana hin fannisan turan. 9 Garuu akkuma barreeffame, "Iji isa kana dhaga’ee fi gurri isa kana dhaga’e hin jiru, Yaadni garaa nama kamiis isa Waaqayyo warreen isa jaallataniif qopheessee ture kana hin shallagne, "— 10 Wanneen kana Waaqayyo karaa Hafuura isaatii nutti mul’iseetii. Hafuurichi waan hundumaa bakkeetti ni baasaatii, wanneen Waaqayyo warreen gadi fagoo jiran iyyuu. F 11 Sababiin isaa hafuuricha namicha keessa jiru sana malee yaada nama keessa jiru eenyutu beeka? Haaluma wal fakkaatuunis, Hafuuricha Waaqayyoo malee wanneen Waaqayyoo warreen gadi fagoo sana kan beeku tokko illee hin hin jiru. 12 Nuyi garuu hafuura biyya lafaa kanaa hin fudhanne, garuu wanneen Waaqayyoon tola nuuf kennaman akka beeknuuf, Hafuura isa Waaqayyo biraa ta’e fudhanne malee. 13 Nuyi waa’ee wanneen kanneenii jechoota ogummaa namaa irraa baranneen hin dubbannu, garuu Hafuurichatu dhimmoota Hafuuraa namoota Hafuuraatiif ibsa. 14 Namni nama hafuuraa hin taane wanneen kannneen kan Hafuura Waaqayyoo ta’an fudhachuu hin danda’au, isaan isaaf gowwummaadhaatii. Isaan kunneen kan hubataman hafuuraan waan ta’eef, inni isaan hubachuu hin danda’u. 15 Namni hafuurichaan ta’e wanneen hundumaa ni madaala, garuu inni namoota warra kaaniin hin madaalamu. 16 "Sababni isaa yaada Waaqayyoo eenyutu beeka, kan isa abboomuu danda’us eenyu?"