1

1 Phaawuloos, fedha Waaqayyootiin ergamaa akka ta’uuf Kiristoos Yesuusiin kan waamamee fi Sostenees obboleessa keenya, 2 waldaa Kiristiyaanaa ishee Qorontoos keessa jirtuuf, warra Kiristoos Yesuusitti qulqulloota taataniif saba qullaa’oo akka taataniif kan waamamtan, warra maqaa Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos, isa kan keenyaa fi kan isaanii ta’e, waammatan hundaa wajjinis tokko kan taatan. 3 Waaqayyo Abbaa biraa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa ta’u. 4 Ani yeroo mara waa’ee keessaniif Waaqayyoo kootiif galatan dhi’heessa, waa’ee ayyaana Waaqayyoo isa Yesuus Kiristoos isiniif kenneetiif. 5 Inni waan maraan iyyuu badhaadhota isin godheera, haasa hundumaatii fi beekumsaan, 6 akkuma dhuga-ba’umsi Kiristoos isin gidduutti dhugaa ta’ee argametti. 7 Kanaafuu isin mul’achuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa yeroo jirtan kanatti kennaa hafuuraa tokko irraa iyuuu isinitti hin hir’atu. 8 Inni hanga dhumaatti isin jabeessa, guyyaa Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoositti mudaa malee taatanii akka isin argamtaniif. 9 Waaqayyo amanamaa dha, inni Ilmaa isaa, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos waliin tokkummaatti isin waame. 10 Ani amma karaa maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isinan jajjabeessa, obboloota ko, hundumti keessan akka waliif galtaniif, gargar ba’uun tokko illee akka isin gidduutti hin argamneef. Akka isin yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon wal qabattan isinan jajjabeessa. 11 Waa’ee kessan wanti natti himame waan jiruuf, obboloota ko, saboota Kiilo’eetiin akka isin gidduu namoonni adda ba’an akka jiran. 12 Kana jechuun koo: Tokkoon tokkoon keessan akkana jettu, "Ani Phaawuloos waliinan jira," yookaan "Ani Apholoos waliinan jira," yookaan "Ani Keefaa waliinan jira," yookaan "Ani Kiristoos waliinan jira." 13 Kiristoos qoqqoodameera moo? Phaawuloos immoo isiniif fannifameeraa? Isin maqaa Phaawulosiin cuuphamtaniittuu? 14 Ani Kirispaasii fi Gaayos malee tokkoo keessan illee waanan hin cuuphiniif Waaqayyoon nan galateeffadha. 15 Eenyuun keessan illee maqaa kootiin cuuphameera akka hin jenneef isa kanaafi. 16 (Ani maatii Isxifaanosis cuupheera. Sanaan alatti, nama biraa tokko illee cuuphuu koo ani hin beeku.) 17 Sababiin isaa Kiristoos akkan cuupuuf otuu hin ta’in akkan wangeela lallabuuf ana erge—aangoon fannoon Kiristoos akka gatii malee hin taanefis, haasaa ogummaatiin miti. 18 Sababiin isaa fannoon Kiristoos warreen badiisa irra jiraniif gowwummaa dha. Warreen fayyan gidduutti garuu, inni humna Waaqayyoo ti. 19 Akkana jedhamee barreeffamee waan jiruuf, "Ani ogummaa warra ogeessotaa nan dhabamsiisa. Hubannaa warra beektotaas of irraa nan fageessa." 20 Namichi inni ogeessi eessa jira? Namichi inni beekaan eessa jira? Namichi inni falmaan beekamaan biyya lafaa kanaa eessa jira? Waaqayyo ogummaa biyya lafaa kanaa wallaalumatti hin jijjiirree? 21 Biyyi lafaa kun ogummaa isaatiin Waaqayyoon waan hin bekiniif, Waaqayyo warra karaa gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu isaatti gammadeera. 22 Warri Yihuudotaa mallattoo ajaa’ibsiisaa wari Giriikotaa immoo ogummaa barbaaduutii. 23 Nuyi garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna, inni immoo warra Yihuudotaatiif gufuudhaa fi warra Ormootaaf immoo gowwummaa dha. 24 Warra Waaqayyo isaan waameef garuu, Yihuudotas ta’an Giriikota, nuyi Kiristoosiin aangoo fi ogummaa Waaqayyoo inni ta’uu isaa lallabna. 25 Gowwummaan Waaqayyoo ogummaa namootaa irra ni caalaatii, dadhabinni Waaqayyoos jabina namoota irra ni caala. 26 Gara waamicha keessanii ilaalaa, obboloota ko. Akka fooniitti hedduun keessan ogeessota miti. Hedduun keessan aango-qabeeyyiis miti. Hedduun keessan dhaloota warra ol aanoo irraa miti. 27 Waaqayyo garuu warra ogeessota salphisuudhaaf jedhee wanneen gowwummaa filate. Waaqayyo wantoota jajjaboo salphisuudhaaf jecha wantoota dadhaboo filate. Waaqayyo wantoota dadhaboo biyya lafaa kanaa fo’achuudhaan wantoota jajjaboo salphise. 28 Waaqayyo wantoota gadi aanoo fi tuffatamaa biyya lafaa kana irraa filate. Inni sirumaa iyyuu wantoota akka gatii hin qabnetti ilaalaman filate, wantoota gati-qabeeyyii gara waan hin jirreetti deebisuudhaaf jedhee. 29 Kan inni kana godhes foon-qabeessi kam iyyuu fuula isaa duratti of-tuuluudhaaf sababa akka hin qabaanneefi. 30 Sababa Waan Waaqayyo godheetiif, isin amma Kiristoos Yesuusiti jirtu, inni immoo nuyiif ogummaa Waaqayyo nuuf ta’eera. Inni qajeelummaa, qulqullinaa fi fayyina keenya nuuf ta’eera. 31 Haaluma kanaan, akkuma barreeffamee jiru, "Namni of tuulu yoo jiraate, Gooftaadhaan of haa tuulu."