15

1 Amma akka inni isin beektan nan barbaada, yaa obboloota ko, wangeelli inni ani isinitti lallabe, inni isin fudhattanii fi irra dhaabbatan, 2 inni isin ittiin fayyitanis, dubbii isa ani isinitti lallabetti jabaattanii yoo qabamtan, yoos isin akkasumaan hin amanne. 3 Ani kanan isinitti dabarse akka barbaachisummaa duraatti anis waanan fudhadhe, akkuma caaffanni qulqullaa’aan jedhutti Kiristoos cubbuu keenyaaf du’e, 4 akka inni awwaalamee fi akka inni guyyaa sadaffaatti du’aa kaafame, akkuma caaffanni qulqullaa’aan jedhutti. 5 Kiristoos Keefaatti mul’ate, achii immoo warra kudha lamaanitti; 6 achiis si’a tokkichatti obboloota dhibba shanii ol ta’anitti mul’ate. Irra guddaan isaanii amma illee jiru, kaan isaanii garuu boqotaniiru. 7 Achii immoo Yaaqobitti mul’ate, achiis ergamoota maratti. 8 Hundumaa boodas, ana isa akka otuu yeroon isaa hin ga’in dhalateetti mul’ate. 9 Ani ergamoota keessa isa gadi aanaadhaatii. Ani ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin ta’u, sababiin isaas ani waldaa Kiristiyaanaa Waaqayyoo ari’ataan tureetii. 10 Garuu ayyaana Waaqayyootiin ani waanan amma irra jiru ta’eera, ayyaanni isaa inni ana keessa jirus akkasumaan hin taane. Ijaa kanaa, ani hunduma isaanii caalaan dadhabee hojjedhe. Ammas garuu kan kana godhe ana miti, ayyaana Waaqayyoo isa ana waliin jiruu dha malee. 11 Kanaafuu anas ta’e isaan, yoo nuyi lallabne isinis amantan. 12 Amma Kiristoos du’aa akka ka’e yoo labsame, isin keessaa tokko tokko akkamitti warri du’an hin ka’an jedhu ree? 13 Garuu yoo warri du’an du’aa hin ka’an ta’eef, egaa Kiristoos iyyuu du’aa hin kaane kaa; 14 akkasumas Kiristoos du’aa hin kaane yoo ta’e immoo, lallabni keenya akkasumaani kaa, amantiin keessanis akkasumaani. 15 Akkasumas, nuyi waa’ee Waaqayyootiif dhuga-baatota sobduu taaneerra, sababiin isaa nuyi akka Waaqayyo Kiristoosiin du’aa kaase mirkaneessineerra. Garuu inni du’aa isa hin kaafne, yoo dhugaatti warri du’an du’aa hin ka’an ta’eef. 16 Sababiin isaa yoo warri du’an du’aa hin ka’an ta’e, Kiristoos iyuu du’aa hin kaane jechuu dha; 17 Kiristoos du’aa hin kaane yoo ta’e immoo, amantiin keessan akkasumaani, cubbuun keessanis amma iyyuu isin waliin jira jechuu dha. 18 Yoos egaa warri Kiristoositti otuu jiranii boqotanis badaniiru jechuu dha. 19 Yoo nuyi jireenya isa as jiru kana qofaadhaaf Kiristoosiin abdanna ta’e, nama hundumaa caalaa nuyiif boo’amuu mala. 20 Garuu amma Kiristoos warra boqonnaa keessa jiraniif ija isa jalqabaa ta’e du’aa kaafameera. 21 Akkuma duuti nama tokkoon dufe, du’aa ka’uunis nama tokkoon dhufeetii. 22 Akkuma namni marti Addaamiin du’u, Kiristoosiin immoo ni jiraataatii. 23 Garuu martinuu toora mataa isaatiitti: Kiristoos, inni ija isa jalqabaa ta’e, warri kan Kiristoos ta’anis dhufaatii isaatti ni jiraachifamu. 24 Achiis dhumni ni ta’a, yommuu inni mootummicha Waaqayyo Abbaatti dabarsee kennu, yommuu inni abboommii maraa fi aangoodhaa fi humna mara balleessutti. 25 Inni hanga diinota isaa miilla isaa jala galfatutti mo’uun isaaf ni ta’aatii. 26 Diinni inni dhuma irratti mo’atamuun ta’uuf du’a dha. 27 Sababii inni "waan mara miilla isaa jala galfateera ta’eef." Garuu yommuu inni akkana jedhu, “waan mara galchateera,” isa waan mara of jala galcheef sana hin ilaallatu. 28 Wanneen marti yommuu isa jalatti abboomaman, Ilmi immoo isa waan mara isa jalatti akka abboomaman godhe sana jalatti ni abboomama, Waaqayyo sunis hundumaan hundumaa ni ta’a. 29 Yookaan immoo, warreen warra du’aniif cuuphaman maal ta’uuf jiru ree? Warreen du’an hin ka’an erga ta’ee, isaan maaliif warra du’aniif cuuphamaniif ree? 30 Yoos nuyis maaliif sa’atii hundumaatti iyyuu balaa jala of galchina ree? 31 Ani guyyuma guyyaattan du’a! Kun akkuma isinitti of jajuu kootii dhugaa dha, isan Goofta keenya Yesuus Kiristoositti qabaadhu. 32 Akka ilaalcha namaatti maalan buufachuudhaaf jira, yoon Efesoonitti bineensotaan lole, warri du’an du’aa yoo hin kaane? "Kotaa ni nyaannaa ni dhugnaa, bor ni duunaatii." 33 Hin gowwominaa: "Hiriyaa gadheen hamilee namaa balleessaa." 34 Of qajeelchaa! Qajeelinatti jiraadhaa! Cubbamuu itti hin fufinaa. Isin keessaa tokko tokko beekumsa Waaqayyoo hin qabdaniitii. Isa kana isin yeellasisuudhaafan dubbadha. 35 Garuu namni tokko akkana jedha, “Akkamitti warri du’an ka’uu danda’u?" 36 Isin gowwoota nana! Wanti isin facaaftan tokko yoo hin du’in gara jireenyaatti dhufuu hin danda’u. 37 Wanti isin facaaftan qaama isa jiraachuudhaaf jiru miti, garuu sanyii midhaanii qofaa dha. Inni garbuu yookaan waan kan biroo ta’uu ni danda’a. 38 Garuu Waaqayyo akka fedha isaatiitti qaama itti godha, sanyii tokko tokkoofis qaama ofii isaatii. 39 Foonni martinuu tokko miti. Ijaa kanaa, ilmaan namaatiif qaama tokkotu jira, beeyiladaafis qaama kan biroo, simbirrootaaf kan biroo fi qurxummiidhaaf kan biroooo. 40 Qaamonni kan waaqaatii fi qaamonni kan lafa irraas ni jiru. Garuu ulfinni qaamota waaqa irraa fi kanneen lafa irraa adda adda. 41 Biiftuudhaaf ulfina tokkotu jira, ji’aafis ulfina kan biroo, urjiiwwaniifis ulfina kan biroo. Urjiin tokko ulfinni inni qabu kan biroo irraa addaatii. 42 Du’aa ka’uun warra du’aniis akkasuma. Wanti facaafame waan baduu dha, wanti kaafamu garuu waan hin badnee dha. 43 Inni salphinaan facaafama; ulfinaan garuu ni kaafama. Dadhabinaan ni facaafama; humnaan garuu ni kaafama. 44 Inni qaama uumamaatiin ni facaafama; qaama hafuuraatiinis ni kaafama. Qaamni uumamaa yoo jiraate, qaamni hafuuraas ni jiraata. 45 Kanaafuu akkanatti barreeffameera, “Namichi inni jalqabaa Addaam lubbuu jiraataa ta’e.” Addaam inni dhumaa garuu hafuura jireenya kennu ta’e. 46 Garuu inni hafuuraa dursee hin dhufne garuu isa uumamaatu dhufe, ergasii inni hafuuraa ni dhufe. 47 Namichi inni duraa kan lafaa ti, biyyoo irraa tolfame. Namichi inni lammataa kan waaqa irraa ti. 48 Akkuma inni biyyoo irraa tolfame ta’e sana, warreen kaaan biyyoo irraa tolfamanis akkasuma ni ta’u, akkuma namicha isa waaqa irraa, warreen kan waaqa irraa ta’anis akkasuma ni ta’u. 49 Akkuma bifa namicha isa biyyoo irraa tolfamee qabaanne sana, bifa namicha isa waaqa irraa sanas ni qabaanna. 50 Amma kana isiniinan jedha, yaa obboloota ko, foonii fi dhiigni akka inni mootummaa Waaqayyoo hin dhaalle. Inni badus isa hin badne dhaaluu hin danda’u. 51 Ilaalaa! Ani iccitiin isinitti himaa: Nuyi martinuu hin rafnu, garuu nuyi martinuu ni jijjiiramna. 52 Nuyi battalatti ni jijjiiramna, hanga luphsuu ijaattii, yommuu fiinoon inni dhumaa afuufamutti. Fiinoon sagalee kenna, warri du’anis kan badne ta’anii ni ka’u, ni jijjiiramus. 53 Qaamni inni badu kun isa hin badne uffachuun waan irra jiruuf, qaamni ini du’u kun isa hin dune ni uffata. 54 Garuu qaamni inni badu kun isa hin badne yommuu uffatu, qaamni inni du’u kunis isa hin dune yommuu uffatu, inni akkana jedhamee barreeffame ni dhugooma, "Du’I mo’ichaan ni liqimfame." 55 "Yaa du’aa, mo’ichi kee essa jira? Yaa du’aa, bodeen kee eessa jira?" 56 Bodeen du’aa cubbuu dha, aangoon du’aas seericha. 57 Garuu Waaqayyo isa karaa Yesuus Kiristoos mo’icha nuu kennuuf galanni haa ta’u! 58 Kanaafuu, jaallatamoo obboloota ko, akka hin sochoonetti jabaadhaatii dhaabbadhaa. Yeroo mara hojii Gooftichaatti qabamaa, sababiin isaa wanti isin isaaf hojjettan gatii malee hin hafuutii.