16

1 Amma waa’ee buusii qulqulluu saba Waaqayyootiif walitti qabamuu: akkuman waldoota Galaatiyaa jiran gorse ture sana isinis akkanuma gootu. 2 Guyyaa jalqaba torbaniitti, tokkoon tokkoon keessan waan qabdan irraa adda baaftanii kaa’uudhaan akkuma qabeenya argataa adeemtanittis kuufachaa adeemtu. Yeroo ani dhufutti buusii walitti qabuun akka hin jiraannetti isin isa kana godhaa. 3 Yommuun isin bira ga’utti, namoota isin fo’attanitti, waraqaa beeksisaa qabsiisee ani kennaa sana qabatanii gara Yeruusaalem akka adeeman nan godha. 4 Ani deemuun koo barbaachisaa yoo ta’es, isaan ana waliin ni deemu. 5 Garuu ani yeroon gara Maqedooniyaa deemutti isinitti nan gora. Ani gara Maqedooniyaa nan deemaatii. 6 Tarii isin bira nan turan ta’a, gannuma iyyuu isin biratti dabarsuu nan danda’a, bakkan adeemu maratti akka isin ana gargaartaniif. 7 Sababiin isaa ani otuun karaa darbuu qofa isinitti goruu hin fedhu. Isin waliin yeroo fudhadhee turuun barbaada, yoo Gooftaan jedheef. 8 Garuu hanga ayyaana Pheenxeqoosxeetti Efesooniin nan tura, 9 balballi bal’aan naaf banameeraatii, mormiiwwan hedduunis jiru. 10 Amma yommuu Ximootewos dhufutti, akka inni soda malee isin waliin jiraatu godhaa, inni hojii Gooftichaatti dadhabaa jiraatii, akkuma koo. 11 Eenyu illee akka isa hin tuffanne. Karaa isaa irratti nageenyatti isa gargaaraa, akka inni gara koo dhufutti. Ani akka inni obboloota waliin gara koo dhufuuf isa eegaan jiraatii. 12 Amma waa’ee obboleessa keenya Apholoos, akka inni obboloota waliin dhufee isin ilaaluuf ani isa gorseera. Garuu inni ama dhufuudhaaf fedha hin godhanne. Haa t’au malee, yeroo haalli mijatuufitti ni dhufa. 13 Of eeggadhaa, amantii keessanitti jabaadhaa, akka namaa ta’aa, jabaadhaa. 14 Wanti isin gootan martinuu jaalalaan haa ta’u. 15 Isin maatii Isxifaanos ni beektu, akka isaan bu’aa isa duraa kan Akaayaa ta’an, akka isaan tajaajila saba qulqullaa’aa Waaqayyootiif of kennanis. Ani amma isinan gorsa, yaa obboloota ko, 16 akka isin namoota akkasiitii fi warreen hojicha irratti gargaarsa godhanii fi nu waliinis dadhabaniif akka of kennitan. 17 Ani dhufaatii Isxifaanos, Fortunaatosii fi ka Akaayaatti nan gammada. Isaan iddoo warra hin dhufin haftanii bu’aniiruutii. 18 Waan isaan hafuura kan kootii fi kan keessanis haaressaniif. Kanaafuu egaa, namoota akka isaanii kana galateeffadhaa. 19 Waldoonni Kiristiyaanaa Asiyaa keessa jiran nagaa isiniif erganiiru. Aqiilaadhaa fi Phirisqiillaanis maqaa Gooftaatiin nagaa isiniif dhi’eessu, waldaa Kiristiyaanaa ishee isaan bira jirtu waliin ta’anii. 20 Obboloonni marti nagaa isin gaafatu. Isinis qulqullinaan wal dhungadhaatii nagaa wal gaafadhaa. 21 Ani, Phaawuloos, kana harka kootinan barreessa. 22 Namni tokko Goofticha yoo hin jaallatin, inni abaaramaa haa ta’u. Gooftaa keenyaa, Kottu! 23 Ayyaanni Gooftaa Yesuus isin waliin haa ta’u. 24 Jaalalli koos hunduma keessan waliin haa ta’u, Kiristoos Yesuusitti.