14

1 Jaalala hordofaatii kennaawwan hafuuraas hawwaa, keessumatti akka raajii dubbattaniif. 2 Namni afaan haaraadhaan dubbatu namatti otuu hin ta’in Waaqayyotti dubbataatii. Waan inni Hafuurichaan iccitiiwwan dubbatuufis namni isa hubatu hin jiruutii. 3 Garuu namni raajii dubbatu namootatti ni dubbata akka isaan ijaaramaniif, akka isaan hubataniif, isaan jajjabeessuudhaafis. 4 Namni inni afaan haaraadhaan dubbatu ofii isaa ni ijaara, namni inni raajii dubbatu garuu waldaa Kiristiyaanaa ni ijaara. 5 Ani amma akka isin marti iyyuu afaan haaraadhaan dubbatan nan hawwa. Garuu Sanaa olitti immoo, akka isin raajii dubbatanan hawwa. Namni inni raajii dubbatu nama isa afaan haaraadhaan dubbatu irra ni caala (yoo namni tokko afaan haaraa dubbatame sana hike waldaan Kiristiyaanaa akka ittiin jabaattuuf). 6 Amma garuu, obboloota ko, yoon afaan haaraadhaan dubbataa gara keessan dhufe, ani akkamittan isin fayyada? Hin danda’u, yoon mul’ataan, yookaan beekumsaan, yookaan raajiidhaan, yookaan barsiisaan isinitti dubbadhe malee. 7 Haaluma wal fakkaatuun, meeshaaleen lubbuu hin qabne yommuu sagalee kennan —akka ulullee yookaan kiraara—isin sagalee adda addaa hin kennitan yoo ta’e, namni akkamittiin qooqa ululleen yookaan kiraarri sun dhageessitu beeka ree? 8 Yoo fiinoon sagalee hin beekamneen afuufame, namni tokko akkamitti akka inni yeroo lolaa ta’e beekee of qopheessa ree? 9 Isiniifis afaan haaraadhaan dubbachuun akkasuma. Dubba ifa hin ta’in yoo isin dubbattan, wanti jedhame sun akkamitti hubatama ree? Isin qilleensuma keessatti dubbattu jechuu dha. 10 Afaanonni hedduun akka biyya lafaa kana irra jiran mamiin hin jiru, tokkoon isaanii illee hiikaa malee kan dubbataman hin jiran. 11 Garuu ani afaan dubbatame tokko yoon hiika isaa hin beeku ta’e, ani namicha dubbatu sanatti keessummaan ta’a, namicha dubbatu sanaafis ani keessummaa dha. 12 Isin birattis akkasuma. Akkuma isin mul’achuu Hafuura Qulqulluutiif hawwa qabdanitti, jabina waldaa Kiristiyaanaas hawwaa isinis akka keessatti jabaattaniif. 13 Kanaafuu, namichi inni afaan haaraadhaan dubbatu hiikuus akka danda’uuf haa kadhatu. 14 Yoon afaan haaraadhaan kadhadhe, hafuurri koo ni kadhata, garuu sammuun koo ija-malee dha. 15 Maal gachuufan jira? Ani hafuura kootiinan kadhadha, garuu sammuu kootiinis nan kadhadha. Hafuura kootiin nan faarfadha, sammuu kootiinis akkasuma nan faarfadha. 16 Kanaa achi, Waaqayyoon yoo hafuuraan eebbiftan, namni alaan ilaalu akkamitti “Ameen” jechuu danda’a yommuu isin galata dhi’eessitan waan isin jettan yoo hin beekne? 17 Isin dhugaatti galata dhi’eessitaniittu, garuu namni biroon ittiin hin ijaaramneetii. 18 Ani hunduma keessan caalaa afaan haaraadhaan dubbachuu waanan danda’uuf Waaqayyoon nan galateeffadha. 19 Garuu waldaa Kiristiyaanaa keessatti hubannaa kootiin jechoota shan qofa dubbachuu naaf wayya akkan namoota warra kaan gorsuuf, afaan haaraadhaan jechoota kuma kudhan dubbachuu koo irra. 20 Obbolootaa, yaada keessaniin daa’imoota hin ta’inaa. Ijaa kanaa, waa’ee hamminaatiif, akka daa’ima wallaalaa ta’aa. Garuu yaada keesanitti bilchaato ta’aa. 21 Seericha keessatti kan akkana jedhu barreeffameera, "Namoota afaan haaraa qabanii fi arrabawwan keessummootaatiin ani namoota kanneenitti ittan dubbadha Isaan yeroo sanatti illee ana hin dhaga’ani," 22 Yoos egaa, afaanonni haaraan mallattoo dha, amantootaaf otuu hin ta’in, warra hin amanneef. But prophecy is for a sign, not for unbelievers, but for believers. 23 Kanaafuu, yoo waldaan marti walitti qabamee martinuu afaan haaraadhaan dubbate, warri hin amaninii fi namoonni alaa yoo dhufan, isaan jarri kun qalbiin isaanii darbeera isiniin hin jedhanii ree? 24 Garuu yoo otuu isin raajii dubbachaa jirtanii namni hin amaniin yookaan namni alaa dhufe, inni waan dhaga’e hundumaan ni jijjiirama. Waan jedhame sanaanis isatti ni faradama. 25 Iccitiiwwan yaada garaa isaatiis ni mul’ifamu. Haaluma kanaan, inni adda isaatiin lafatti kufee Waaqayyoof ni sagada. Inni akka Waaqayyo isin gidduu jiru ni beeksisa. 26 Egaa kanatti aansee maaltu dhufa, yaa obboloota ko? Isin yommuu walitti dhuftan, tokkoon tokkoon namaa farfannaa, barsiisa, mul’ata, afaan haaraa, yookaan hiika isaa qabaata. Waan gootan hundumaa akka inni waldaa Kiristiyaanaa ijaaruuf godhaa. 27 Namni tokko yoo afaan haaraadhaan dubbate, namni lama qofti, yoo baay’ate immoo sadii, haa jiraatu, warri dubbatu immoo dabareedhaan haa godhan, waan jedhame sana immoo namni hiiku jiraachuu qaba. 28 Garuu namni hiiku yoo hin jiraanne, tokkoon tokkoon isaanii waldaa keessatti haa cal’isan. Tokkoon tokkoon isaanii ofii isaaniittii fi Waaqayyo qofaatti haa dubbatan. 29 Raajonni lama yookaan sadii haa dubbatan, warri kaan immoo wan jedhamu sana hubannaadhaan haa dhaggeeffatan. 30 Garuu nama taa’ee jiru tokkotti mul’anni yoo itti argame, inni duraan dubbataa ture haa cal’isu. 31 Tokkoon tokkoon keessan dabaree dabareedhaan raajii dubbadhaa akka namni tokko irraa baratuttii fi martinuu immoo akka ittiin qullaa’anitti. 32 Hafuuronni raajotaa kanuma raajotaatii. 33 Waaqayyo Waaqa jeequmsaa mitii, Waaqa nagaa ti malee. Kuni seericha waldoota Kiristiyaanaa saboota qulqulluu Waaqayyoo ti. 34 Waldaa Kiristiyaanaa keessatti dubartoonni haa cal’isan. Dubbachuun isaaniif hin eyyamamaneetii. Ijaa kanaa, isaan abboomamoo haa ta’an, akkuma seerichi abboomutti. 35 Wanti isaan barachuu barbaadan yoo jiraate, isaan manatti abbaa warraa isaanii haa gaafatan. Waldaa keessatti dubartiin dubbachuun yeelloo daatii. 36 Dubbiin Waaqayyoo isin biraa dhufee> Kan inni itti dubbatame isin qofaa dhaa? 37 Namni tokko nama hafuuraa yookaan raajii yoo of se’e, inni wanti ani isiniif barreessu kun Goofticha biraa ta’uu isaa haa mirkaneessu. 38 Garuu namni kam iyyuu yoo isa kana hin mirkaneessin, innis fudhatama hin argatin. 39 Yoos egaa, obboloota ko, raajii dubbachuudhaaf jabeessatti hawwaa, nama isa kamiinis akka inni afaan haaraa hin dubbanne hin dhowwinaa. 40 Garuu wanti martinuu sirnaa fi tooraan haa godhamu.