13

1 Tarii yoon afaan namootaatii fi kan ergamootaatiin dubbadhe, garuu yoon jaalala hin qabaanne, ani dibbee sagaleen isaa guddaa yookaan bilbila kililchu ta’uu koo ti. 2 Tarii yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhee dhgaawwanii fi beekumsa dhokataa yoon hubachuu danda’e, amantii gaara bakka isaatii buqqisu maras yoon qabaadhe, garuu jaalala yoon hin qabaatin, ani homaa miti. 3 Tarii yoon qabeenya koo mara warra hiyyeeyyii nyaachisuudhaf oolche, qaamni koo illee akka gubatuuf yoon dabarsee keenne, garuu yoon jaalala hin qabaatin, ani homaa hin argadhu. 4 Jaalalli obsaadhaa fi gara-laafessa. Jaalalli hinaafaa miti, of hin tuulus. Inni of hin bokoksu 5 yookaan hamaa miti. Inni waan kan ofii isaatii hin barbaaddatu. Inni waan kan biroodhaan hin kakaafamu, balleessaas nama irratti hin lakkaa’u. 6 Hamminattis inni hin gammadu. Ijaa kanaa, inni dhugaatti ni gammada. 7 Jaalalli waan hundumaa danda’a, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaas ni danda’a. 8 Jaalalli dhumaa hin qabu. Raajiiwwan yoo jiraatan, isaan ni darbu. Afaan yoo jiraatan, gaaf-tokko ni dhaabbatu. Beekumsi yoo jiraate, inni ni darba. 9 Nuyi hanga tokko beekna, hanguma beeknu sanas raajii dubbannaatii. 10 Garuu yommuu inni dhugaa sun dhufutti, inni hir’uu ta’e sun ni darba. 11 Yommuun daa’ima turetti, ani akka daa’imaattan dubbadhe, akka daa’imaattan yaade, akka daa’imaattan sababa kenne. Yommuun nama ga’eessa ta’etti, wanneen daa’imummaa darbadheen gate. 12 Amma daawitii keessatti al-kallattiidhaan ilaalla, gaafa sanatti garuu fuulaa fuulatti. Ani amma hanga tokkon beeka, gaafa sana garuu guutummaattan beekuudhaaf jira akkuman guutummaatti beekame. 13 Amma garuu wanneen kana sadantu hafee jiraata: amantii, abdiidhaa fi jaalala. Garuu kanneen keessaa jaalalli isa ol aanaa dha.