1 Waa’ee kennaawwan hafuuraa immoo, obboloota ko, akka isin wallaalota taatan ani hin barbaadu. 2 Ni beetu yommuu warra hin amanne turtanitti waaqota tolfamoo warreen dubbachuu hin dandeenyeen gara dabarfamaa turtan, garuma isaan isin geessanitti. 3 Kanaafuu, akka isin beektan nan barbaada namni Hafuura Waaqayyootiin dubbatu akkana akka inni jedhu, “Yesuus abaaramaa dha.” Hafuura Waaqayyootiin yoo ta’e malee eenyu illee “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin danda’u. 4 Amma egaa kennaawwan adda addaatu jira, garuu Hafuura tokkicha. 5 Tajaajillawwan adda addaatu jira, garuu Gooftaa tokkicha; 6 akkasumas hojiiwwan adda addaatu jira, garuu Waaqayyo tokkicha isa waan hundumaa hojjetutu jira. 7 Amma tokkoo tokkoo namaatiif kan Hafuurichaa wanti alatti mul’atu faayidaa nama hundumaatiif kennameera. 8 Isa tokkoof Hafuurichaan ogummaa jechaatu, isa kaaniif immoo Hafuurichuma sanaan beekumsa jechaatu kennamaaf. 9 Amma iyyuu nama kan biroodhaaf immoo Hafuurichuma sanaan amantiitu kennamaaf, kan biroodhaafis Hafuurichuma sanaan kennaan dhukkubsataa fayyisuu ni kennamaaf. 10 Ammas nama biroodhaaf hojiiwwan ajaa’ibaa hojjechuutu kennamaaf, kan biroodhaafis raajii dubbachuutu kennamaaf. Kan biroodhaaf immoo hafuurota gargar baasee beekuutu kennamaaf, isa kaanisfis afaanota garaa garaatiin dubbachuutu kennamaaf. 11 Wanneen kunneen martinuu hojii Hafuuricha tokkichaa ti, tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti kennaawwan kennuufii, akkuma fedhetti. 12 Qaamni tokko ta’ee bu’aa dhaqnaa hedduu akkuma qabu sana, Kiristoosittis akkasuma. 13 Hafuura tokkoon qaama tokkotti cuuphamneerraatii, Yihuudis ta’e Giriikii, hojjetaa namaas ta’e nama biliisa, martinuu Hafuura tokko irraa akka dhuganiif hojjetamaniiru. 14 Qaamichi bu’aa dhaqnaa tokkicha otuu hin ta’in hedduudhaatii. 15 Miilli namaa yoo akkana jedhe, "Ani harka waanan hin ta’iniif, ani bu’aa dhaqnichaa miti," inni tasuma iyyuu bu’aa dhaqnaa ta’uun isaa hin xiqqaatu. 16 Akkasumas gurri yoo akkana jedhe, "Sababa ani ija hin ta’iniif, ani bu’aa dhaqnichaa miti," innis haala kamiin iyyuu bu’aa dhaqnichaa ta’uun isaa hin xiqqaatu. 17 Guutummadhumti qaamaa otuu ija ta’ee jiraatee, dhaga’uun eessaa argama ture? Guutummaan qaamaa otuu gurra ta’ee jiraatee, fuunfachuun eessaa argama ture? 18 Garuu Waaqayyo bu’aa qaamaa tokko tokkoon muudeera, tokkoo tokkoo isaanii, qaama namaa keessatti akka fedha isaatiitti. 19 Hundumti isaanii bu’aa dhaqna tokkicha otuu ta’aniiru ta’ee, qaamichi eessaa argama? 20 Egaa amma lakkoofsi isaanii hedduu dha, garuu martinuu qaama tokko. 21 Iji harkaan akkana jechuu hin danda’u, “Ani si hin barbaadu.” Yookaan mataan miillaan akkana hin jedhu, “Ani si hin barbaadu." 22 Garuu bu’aawwan dhaqnaa warreen dadhaboo fakkaatan caalaa barbaachisoo kan ta’anii dha, 23 akkasumas bu’aawwan dhaqnaa warreen nuyi akka isaan kabaja hin qabne nutti fakkaatu, isaaniif kabaja isa ol aanaa ni kenninaaf, bu’aawwan dhaqnaa keenya warreen hin mul’anne immoo kabaja ol aanaa qabu. 24 Amma bu’aawwan dhaqnaa keenya warreen mul’atan hanga warreen Sanaa hin barbaadaman. Ijaa kanaa, Waaqayyo qaamota kanneen yommuu walitti qabu, warreen kabaja hin qabneef kabaja isa caalu kenneefii ti. 25 Inni kan inni kana godheef bu’aawwan qaamaa gidduu gargar ba’umsi akka hin jiraanneef jedhee ti, garuu bu’aawwan qaamaa akka isaan waliif yaadaniifi, jaalala wal-fakkaatuun. 26 Egaa yommuu bu’aan dhaqnaa inni tokko dhibamu, qaamni martinuu waliin dhibamu; yookaan yommuu bu’aan qaamaa inni tokko kabajamu, qaamni martinuu waliin gammadu. 27 Amma isin qaama Kiristoosii fi tokko tokkoon immoo bu’aa qaamichaa ti. 28 Waaqayyos waldaa Kiristiyaanaa keessatti yommuu muudu duraan dursee ergamoota, lammaffaa irratti immoo raajota, sadaffaa irrattis barsiisota, achi irraa immoo warreen waan ajaa’ibaa hojjetan, achiis kennaa dhukkubsataa fayyisuu, warreen gargaarsa kennan, warreen hojii bulchiinsaa hojjetanii fi warreen afaan garaa garaatiin dubbatan. 29 Martinuun isaanii ergamootaa? Martinuun isaanii raajotaa? Martinuun isaanii barsiisotaa? Martinuun isaanii waan ajaa’ibaa hojjetuu? 30 Matinuu kennaa dhukkubsataa fayyisuu qabuu? Martinuu afaan garaa garaatiin ni dubbatuu? Martinuu afaanota dubbataman ni hiikuu? 31 Kennaa isa caalu hawwiidhaan barbaaddadhaa. Anis amma karaa isa hundumaa irra gaarii ta’e isinittan argisiisa.