1 Isin fakkaattota koo ta’a, akkuman fakkaattii Kiristoos ta’e. 2 Ani amma isinan galateeffadha, waan maratti iyyuu waan isin ana yaadattaniif. Barssifata ani isinitti dabarsee mara iyyuu qabattanii waan jirtaniifis isinan galateeffadha. 3 Amma akka isin hubattan nan barbaada Kiristoos mataa nama hundumaa akka ta’e, dhiirri immoo mataa dubartii akka ta’e, akkasuma Waaqayyo immoo mataa Kiristoosii dha. 4 Dhiirri yommuu kadhatu yookaan raajii dubbatu mataa isaatti aguuggatu tokko mataa isaa ni yeellasisa. 5 Dubartiin yommuu kadhattu yookaan raajii dubbattu mataa isheetti hin aguuggannes akkasuma mataa ishee ni yeellasifti. Inni kun mataa ishee haaddachuu isheetii wajjin wal fakkaataatii. 6 Dubartiin tokko yoo mataa isheetti hin aguuggattu ta’e, rifeensa mataa isheetii gaggabaabsachuu qabdi. Mataa ishee of irraa haaduun yookaan gaggabaabsachuun yeelloo dha yoo ta’eef immoo itti haa aguuggattu. 7 Namni mataa isaatti kan hin aguugganneef, inni bifaa fi ulfina Waaqayyoo waan ta’eefi. Dubartiin garuu ulfina dhiiraa ti. 8 Namni dubartii irraa hin hojjetamneetii. Gama kaaniin garuu, dubartiin dhiira irraa tolfamte. 9 Yookaanis dhiirri dubartiidhaaf hin uumamneetii. Gama biroodhaan garuu, dubartiin dhiiraaf uumamte. 10 Sababa kanaafi dubartiin mataa ishee irratti mallattoo aangoo kan isheen qabaachuu qabduuf, sababa ergamoota waaqa irraatiif. 11 Haa ta’u malee, Gooftaatti, dubartiin dhiira irraa adda baatee ofiin of hin dandeessu, dhiirris dubartii irraa adda ba’ee of hin danda’u. 12 Akkuma dubartiin dhiira irraa dhuftu, dhiirris dubartii irraa dhufaatii. Wanneen martinuu immoo Waaqayyo irraa dhufu. 13 Isin ofii keessaniif murtii kennaa: dubartiin otuu mataa isheetti hin aguuggatin kadhachuun qajeelaa dhaa? 14 Uumamni mataan isaa iyyuu isin hin barsiisuu ree dhiirri yoo rifeensa mataa dhedheeraa qabaate, yeelloo isatti ta’uu isaa? 15 Uumamni mataan isaa isin hin barsiisuu ree dubartin yoo rifeensa mataa isheetii dheereffatte, ulfina ishee akka inni ta’e? Rifeensi mataa isheetii akka uffataatti isheedhaaf kennameetii. 16 Garuu namni tokko waa’ee isa kanaa yoo falmuu barbaade, nuyi shaakala kan biroo hin qabnu, waldoonni Kiristiyaanaa Waaqayyoos akkasuma. 17 Garuu gorsawwan warra armaan gadi jiran keessatti ani isin galateeffachuudhaaf hin jiru. Isin yommuu walitti qabamtan, gaarummaadhaaf otuu hin ta’in garuu waan gaarii hin taa’iniifiitii. 18 Jalqabuma irratti, isin yeroo waldaa Kiristiyaanaa keessatti wal geessan, garaa garummaan akka isin gidduu jiru ani nan dhaga’a, hanga tokos itti nan amana. 19 Isin gidduu gargar ba’umsi ni jiraatii, warreen mirkaneeffameef isin gidduutti isa kanaaf ragaa akka ta’aniif. 20 Yeroo wal geessanitti, kan isin nyaattan Irbaata Gooftaa mitiitii. 21 Isin yommuu nyaattan, tokkoon tokkoon keessan otuu warri kaan nyaata ofii isaanii hin argatin kan ofii ofii keessanii ni nyaattuutii. Inni tokko yommuu beela’u, inni kaan immoo ni machaa’a. 22 Isin nyaachuudhaa fi dhuguudhaaf mana ofii keessanii hin qabdani moo? Isin waldaa Kiristiyaanaa Waaqayyo xureessuudhaa fi warra homaa hin qabne immoo yeellaasisuudhaafii re? Ani maal isiniin jedhu? Isin galateeffachuun qabaa? Ani isa kanaaf isin hin galateeffadhu! 23 Waanan Goofticha irraa fudhadhe ani isinitti dabarseeraatii, akka Gooftaan Yesuus, halkan itti ganame sanatti, buddeena fudhate. 24 Erga galata dhi’eessee booda, buddeenicha cabsee akkana jedhe, "Kun foon koo ti, isiniif kan kenname. Ittiin ana yaadachuudhaaf kana godhaa." 25 Haaluma wal fakkaatuun, irbaaticha booddee xoofoo fudhatee, akkana jedhe, “Xoofoon kun dhiiga kootiin kakuu haaraa dha. Yeroo isa kana itti dhugdan maratti iyyuu, isa kana ittiin ana yaadachuudhaaf godhaa." 26 Sababiin isaa yeroo buddeena kana nyaattanii fi xoofoo kana keessaa itti dhugdanitti, isin du’a Kiristoos labsitu hanga inni deebi’ee dhufutti. 27 Eenyu illee, egaa, namni buddeenicha nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa keessaa haala isaaf hin maliniin nyaatu yookaan dhugu, foonii fi dhiiga Gooftaatiif itti gaafatamaa ni ta’a. 28 Namni kam iyyuu dursee of haa qoru, haala kanaanis buddeenicha haa nyaatu, xooficha keessaas haa nyaatu. 29 Namni inni otuu gargar baafatee hin ilaalin foonicha nyaatu dhiigichas dhugu, murtii of isaa irratti ni fida. 30 Isa kanaafi isin keessaa kaan dadhaboota fi dhukkubsattoota kan isaan ta’an, kaan immoo hirriba rafaniiru. 31 Garuu yoo qorree of ilaalle, murtiin nu hin argatu. 32 Garuu Gooftaan yommuu murtii nu irratti kennu, ni adabamna, biyya lafaa waliin akka abaaramnutti. 33 Kanaafuu, obboloota ko, nyaachuudhaaf yommuu wal geessan, walii keessan wal eegaa. 34 Namni beela’e yoo jiraate, mana ofiitti haa nyaatu, yeroo walitti qabamtan murtiidhaaf akka itti hin taanetti. Wanneen kan biroo kanneen isin barreessitaniif, yommuun dhufutti gorsa isiniif nan kenna.