1 Yaa obboloota ko, ani akka isin wallaalota taatan hin barbaadu, abboonni keenya martinuu duumessa jala akka turanii fi akka martinuun isaanii galaanicha keessa darban. 2 Martinuu Museetti duumessichaa fi galaanicha keessatti cuuphamaniiru, 3 martinuus nyaata hafuuraa tokkicha nyaataniiru. 4 Martinuu dhugaatii hafuuraa tokkicha dhuganiiru. Dhagaa hafuuraa isa isaan hordofaa ture irraa dhuganiiru, dhagichi sunis Kiristoos ture. 5 Garuu Waaqayyo hedduu isaaniitti hin gammadne ture, reeffi isaaniis lafa onaa keessa ni faffaca’e. 6 Amma wanneen kunneen nuyiif fakkeenya, akka nuyi warreen cubbuu ta’an hin taaneef akka warreen sun hawwanitti. 7 Isin waqeessitoota waaqota tolfamoo hin ta’inaa, kaan kaan isaanii akkuma turanitti. Inni kun akkanatti barreeffameera, "Jarreen sun nyaachuudhaa fi dhuguudhaaf ni taa’an, taphachuudhaafis ni ka’an." 8 Akkuma hedduun isaanii raawwatan, nuyis sagaagalummaa hin raawwannu. Waa’ee isa kanaatiin namoonni kumni digdamii-sadii guyyaa tokko keessatti ni du’an. 9 Kiristoosiinis hin qorru, akkuma kaan kaan isaanii isa qoranii bofaan hiddamanii balleeffaman. 10 Akkasumas isin hin guunguminaa, hedduun isaanii guungumuudhaan ergamaa du’aatiin balleeffamaniiruutii. 11 Amma wanneen kun kan isaan irraa ga’an nuyiif fakkeenya akka ta’uufi. Isaan nuyiif gorsa akka ta’aniif barreeffaman—nuyiin warra barri inni dhumaa nu irra ga’eef. 12 Kanaafuu, namni kam illee akka dhaabbatee jiru kan itti fakkaatu akka hin kufneef of haa eeggatu. 13 Nama isa kam irra iyyuu kan hin ga’in qoramsi isin irra ga’e hin jiru. Ijaa kanaa, Waaqayyo amanamaa dha. Inni dandeettii keessanii ol akka isin qoramtaniif hin eyyamu. Qoramsa isinitti dhufu waliin inni karaa ba’aas isiniif ni qopheessa, akka isin keessa darbuu dandeessaniif. 14 Kanaafuu, yaa jaallatamo, waaqa tolfamoo waaqessuu irraa fagaadhaa. 15 Ani akka nama hubannaa qabaniittan isinitti dubbadha, wanneen ani dubbadhu akka isin qortanii ilaaltaniif. 16 Xoofoo eebbaa inni nuyi eebbifnu, dhiiga Kiristoos keessaa kan hirmaatame mitii? Buddeenni inni nuyi cabsannu, dhagna Kiristoos mitii? 17 Buddeena tokkichatu jira waan ta’eef, nuyi hedduu taanee otuu jirruu qaama tokkoo dha. Nuyi martinuu buddeena tokkicha irraa waliin nyaanna. 18 Israa’el isa akka fooniitti ta’e ilaalaa. Warri aarsaa dhi’aatu irraa nyaatan qooda-fudhattoota iddoo aarsaa ti mitii ree? 19 Yoos eg aa ani maalan jedha ree? Waaqni tolfamaan akka inni waan tokko ta’ee ti? 20 Garuu ani waa’ee wanneen isaan aarsaa dhi’eessaniin dubbadha, isaan wanneen kanneen Seexanaaf malee Waaqayyoof hin dhi’eessan! 21 Isin xoofoo Gooftichaatii fi kan Seexanaa keessaa dhuguu hin dandeessan. Isin gabataa Gooftichaatii fi kan Seexanaatti dhi’aachuu hin dandeessan. 22 Yookaan nuyi Goofticha hinaaffaadhaaf ni kakaafnaa? Nuyi isa caalaa jaboota moo? 23 "Wanti martinuu seera-qabeessa," garuu wanti martinuu bu’a-qabeessa miti. "Wanti martinuu seera-qabeessa," garuu wanti martinuu namoota hin ijaaru. 24 Namni kam illee gaarummaa ofii isaa qofa hin barbaadin. Ijaa kanaa, gaarummaa hiriyaa isaatii haa barbaadu. 25 Waan gabaa keessatti argattan hundumaa bittadhaa nyaadhaa, gaaffii yaadaa otuu hin gafatin. 26 Sababiin isaas "lafti kun kan Gooftichaatii, guutummaan ishee." 27 Namni hin amanne tokko nyaataaf yoo isin waame, dhaquu yoo feetan, waan isiniif kenname mara iyyuu nyaadhaa, gaaffii keessa yaada keessan otuu hin galchin. 28 Garuu namni tokko yoo akkana isiniin jedhe, "Wanti kun aarsaadhaaf dhi’aate,” yoos hin nyaatinaa, namicha akkana isiniin jedhe Sanaa fi yaada mataa keessaniitiifis jecha— F 29 yaada garaa namichaa isa kaanii jechuu koo ti, kan keessanis miti. Yaadni garaa kootii maaliif kan nama kan birootiin madaalamaatii? 30 Yoon nyaaticha irraa galataan hirmaadhe, maalifan waanan galata galcheefii ture sanaaf deebi’ee arrabsama? 31 Kanaafuu, yoo nyaattanis ta’e yoo dhugdan, yookaan waanmua gootan kam iyyu, ulfina Gooftichaatiif godhaa. 32 Yihuudota birattis ta’e Giriikota biratti muda-dhabeeyyii ta’aa argamaa, waldaa Kiristiyaanaa Waaqayyoo birattis. 33 Haaluma wal fakkaatuun, ani nama mara iyyuu waan maraan gammachiisuun yaala. I do not seek my benefit, but that of the many. Kanan kana godhus akka isaan fayyaniif jedheeni.