Boqonnaa 4

1 Fariisonni akka Iyyasuus Yohaaniis caala hordoftoota baayifachaa, cuphaas jiru dhaga'an. 2 Haa ta'u male hordoftoota isaa cuuphaa ture male Iyyasuus ofii isaatii hin cuuphne ture. 3 Innis Yiihuudaa gad lakkisuun gara Galiilaatti deebi'e. 4 Garuu isaafa Samaariyaa keessa darbuun barbaachiisaa ture. 5 Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa bakka Siikaar jedhamu, lafa Yaa'iqoob ilma isaa Yooseefiif kennetti dhiyoo ta'etti dhufe. 6 bishaanii kan Yaa'iqoob achi ture. Iyyasuus karaarraa kan ka'e waan dadhabeef boollicha qarqara taa'e yeroon isaas gara sa'atii ja'aa ture. 7 Samaariyaa tokkos bishaan waraabuu dhufte; Iyyasuusis 'Akkan dhuguuf bishaan xiiqoo naa kenni' jedheen. 8 Hordoftootni isaas nyaata bituuf gara magaalaa deeman ture. 9 Dubartiin Samaariyaa sunis Iyyasuusiin 'ati otoo nama Yiihuudaa taatee jirtu akkamitti dhagaati ana dubbartii Samaariyaa gaafattaa?' jetteen. Yihuudonni warra Samaariyaa waliin walqunnamtii hinqaban turan. 10 Iyyasuusis deebisee 'kenna Waaqayyoofii inni waaniin dhugu naa kenni siin jedhu kun otoo eenyu akka ta'e beektee situu isa gaafata ture. Innis bishaan jireenyaa siif kenna ture' jedheen. 11 Dubartiinis akkana jetteen, 'yaa gooftaa ati waan ittiin waraabduu hin qabdu, boollichiis gadi fagoodha, egaa bishaan jireenyaa kana essaa argatta? 12 Ati immoo Abbaa keenya Yaa'iqoob isa boolla kana nuuf kenne caaltaayyii? Inni mataa Isaa, Ijoolleefi horiin isaas boolluma kana keessaa dhuganii turan.' 13 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'namni bishaan kana dhugu hundu deebi'ee ni dheebota. 14 Garuu namni bishaan ani kennuuf dhugu kamiyyuu yoomumaa deebisee hin dheebotu, bishaan innin ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaan jireenya barabaraaf burqa ta'a. 15 Dubartiinis 'yaa gooftaa akkan hin dheeboonnee fi akkan waraabuuf asitti hin deebinee bishaan sana naaf kenni' jetteen. 16 Iyyasuusis 'deemiiti dhirsa kee waamitti deebi'ii kootu jedheen. 17 Ishiinis deebiftee akkana jetteen 'ani dhirsa hinqabu. Iyyasuusis deebisee 'dhirsa hinqabu jechuun kee sirrii dha.' 18 Sababnisaas 'kanaan dura dhirsoota shan qabda ture, ammas namni siin waliin jiru dhirsa keetii mitti. Waantii ati dubbatte dhugaadha. 19 Dubartiinis akkana isaan jette 'yaa Gooftaa akka ati raajaa taaten arga. 20 Abbotiin keenya tulluu kana irratti sagadu turan, isin immo garuu bakki namootni sagaaduu qaban Iyyaruusaaleemiidha' jettu. 21 Iyyasuusis akkana ishii dhaan jedhe. 'Yaa dubartii na amanii, yeroo isiin tulluu kana irrattiis ta'ee Iyyaruusaaleemitti Waaqa Abbaatiif hin sagadnetuu dhufa. 22 Isiin waan hin beekneef sagaddu, nuti garu sababbii fayyinni Yiihudoota keessa dhufuuf waan beeknuuf sagadna. 23 dhugaan sagadan yeroon isaan itti haafuuraa fi dhugaan Waaqa Abbaaf sagadan tokko ni dhufa, ammayyuu dhufeera Abbaan warreen akkana kanneen isaaf sagadan barbaada.' 24 Waaqayyoo Hafuura, warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan ta'u qabu. 25 'Akka Masiihiin dhufu, yammuu inni dhufus waan hunda akka nutti himu nan beeka' jetteen. 26 Iyyasuusis 'namni inni amma siin waliin haasayaa jiru kun isaa dha' jedheen. 27 27Yeroodhumasana hordoftootni isaa deebii'anii dhufan. Isaanis Iyyasuus dubartii tokko waliin otoo haasayuu arganii diniqfatan. Garuu eenyumtuu 'maal barbaadaa? Yookiin maaliif ishii waliin haasofta?' Isa gaafate hin jiru ture. 28 Dubartiin suniis ubboo (okkotee) bishaan ishii dhiftee gara magaalaatti deebi'uun namoota akkana jetteen 29 'kootaa, naman, waanin ani hojjadhe hunda natti hime tokko ilaala, inni Kiristoos ta'uu diidaalaata?' jetteen. 30 magaalicha keessaa ba'uun Iyyasuus bira dhufan. 31 Yammuma sana hordoftootni isaa "yaa Rabii (barsiisaa) mee waa nyaadhu" jechuun kadhatan. 32 Garu, Innis akkana isaaniin jedhe "ani nyaatan nyaadhu 'kan isin hin beeknen qaba.'" 33 Kanaafu hordoftootnis 'namatuu waan nyaata wayii isaaf fidemoo laata?" Waliin jedhan. 34 Iyyasuusis akkana jedheen "Nyaanni koo fedhii Isa na erge hojjachuu fi hojii isaa raawwachuu dha." 35 Isin 'ji'ota afurtu hafe, sana booda midhaan walitti qabna (sasaabna) jettu mitii? Ani isinittin hima akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu (sasaabamu) ga'e ija keessan ol kaasaatti oorruu ilaalaa. 36 Inni walitti qabu (sasaabu) mindaa ofi ni argata firiis jireenya barbaraatiif walitti qabata, kunis akka inni facaaseefi walitti qabe (sasaabe) waliin gamadaniifi. 37 Kanaafu mammaaksa 'tokko ni facaasaa kaan immoo ni haama' jedhu dhugaadha. 38 Ani isiin waan itti hin dadhabnee akka haamtaniifiin isin erge. Warri kaan itti dadhabu isiin immoo gara firii dadhabbii isaaniitti galtan. ' 39 dubartittin 'Inni waaniin ani hojjadhe hunda isa natti hime' jette waan dhugaa ba'uun gabaafteef namootni baay'een magaalaa Samaariyaa keessaa isaatti amanan. 40 Kanaafuu namoonni Samaariyaa yammuu gara isaa dhufan akka inni isaan waliin turuuf gaafatan, inni guyyoota lama achi ture. 41 dubbii isaatiifis namoonni biroo baay'een amanan. 42 Isaaniis dubartii dhaan 'kanaan booda waan ati nuun jetteef otoo hin ta'iin waan ofiin keenya dhageenyeef akka inni dhugaadhumaan fayyisaa addunyaa ta'u beekneerra' jedhaniin. 43 Guyyoota lamaan sana booda Iyyasuus bakka sana gad lakkisuun Galiilaa deeme. 44 Iyyasuus ofiin isaa akka raajni tokko biyya isaa keessatti ulfina hin qabu jedhee dubbatee turetti 45 yammuu inni Galiilaa dhufee tureetti warri Galiilaa isa simatan. Isaanis yeroo ayyaanaa gara Iyyarusaaleem deemanii waan turaniif, sababbii kanaan waan Iyyasuus ayyanicharratti hojjate hunda arganii jiru. 46 Iyyasuusis deebi'uun gara Qaanaa ishii Galiilaa keessaa bakka inni bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiire deeme. Qifirnaahoom keessas qondaallii kanaan dura ilmi isaa dhukkubsate tokkotu ture. 47 Namni kuniis yammuu Iyyasuus Yihuudaa gara Galiilaa akka dhufe dhagahu isa bira deemuun gara isaatti gad dhufe ilma isaa isa gara dhu'aatti dhiyaatee akka fayyisuuf gaafate. 48 Akkasumas Iyyasuus 'Isin yoo mallattoofi dinqii argitan malee hin amantan'jedheen. 49 Qondaaltichiis 'yaa gooftaa otoo mucaan koo hin du'iin dafi koottu 'jedheen. 50 Iyyasuusis 'deemi ilmi kee fayyeera' jedheen. Namichis waan Iyyasuus isaan jedhetti amanuun deeme. 51 Otoo inni deemaa jiru tajaajiltootni isaa gara isaatti dhufuuf akka ilmi isaa fayye itti himan. 52 Innis sa'aatii mucaatti foyyaa'uu jalqabe isaan gaafate. Isaanis deebisuun akkana jedhaniin 'kalleessa sa'atti torbatti nafa gubaan isa dhiise 'jedhaniin. 53 Abbaanis akka yeroo sun sa'aatti Iyyasuus 'Ilmi kee fayyeera' isaan jedhe ta'uu hubate. Kanaafuu inniifi maatiin isaa hunduu amanan. 54 Egaa suun Iyyasuus Yihuudaadha bahe gara Galiilaa erga dhufe booda mallattoo isa lammaffaa inni hojjate ta'u dha.