Boqonnaa 3

1 Farisoota keessaa ajajaa kan ta'e namni maqaa isaa Niqoodimoos jedhamutu ture. 2 Namichi kunis halkaniin gara Iyyaasuus dhufee akkana jedheen 'Yaa Rabbii, ati barsiisaa Waaqayyo biraa akka dhufte ni beekna, Yoo Waaqayyoo isa waliin ta'e malee, namni mallatto ati gootu kana gochuu danda'u gonkumaa hin jiru' jedheen. 3 Iyyasuusis deebisee 'dhugaa dhugaa siin jedha namni yoo lammaffa dhalatee malee mootummaa Waaqayyoo argu hin danda'u' jedheen. 4 Niqoodimoosis 'namni erga dulloomee boodee akkamitti dhalachuu danda'aa? Gara garaa haadhaa isaatti lammaffaa deebi'ee dhalachuu danda'aayyii? jedheen. 5 Iyyasuusis deebisee "dhugaa dhugaa siin jedha namni bishaaniifi Hafuurarraa yoo hin dhalannee male gara mootummaa Waaqayyo galuu hin danda'u.' jedheen. 6 Kan fooni irraa dhalate foonii dha, kan Hafuurarraa dhalate garuu hafuura. 7 Isan ani 'lammaffaa dhalachuu qabda' sin jedhen hin diniqfatiin. 8 Qilleensi gara barbaadetti qilleensa'aa, atis sagalee hursuu isaa dhageessa malee eessaa akka dhufuufi eessas akka dhaqu (deemu) hin beektu. Mamni Hafuurarraa dhalate hundinuus akkanuma. 9 Niqoodimoosis deebiseen 'kun akkamitti ta'uu danda'a' jechuun gaafate. 10 Iyyasuusis akkana jechuun deebiseef 'ati barsiisaa Israa'eel otoo taatee jirtuu waanta kana akka mitti hin beekne? 11 dhugaa sitti hima, nuti waan beeknu dubbanna, waa'ee waan arginees dugaa baana, isingaruu waan nuti dhugaa baane hin fudhattan. 12 Yammuun waa'ee biyya lafaa isinitti himu yoo hin amaniin, waa'ee waan sami yammuun isinitti himu akkamitti amanturee? 13 Ilma namaa Isa samii dhaa gad-dhufe malee eenyumtuu gara samitti ol hin baane. 14 Museen lafa onaa keessatti akka bofa fannise sana ilmi namaas fannifamuu qaba. 15 Kunis akka namni isaatti amanu hundi jireenya barabaraa qabaatuudhaaf. 16 Akka namni isatti amanu hundi jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin bannee, Waaqayyo amma (hanga) ilma isaa tokkichaa kennutti akkasumaan addunyaa jaalateera. 17 Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti kan ergeef, addunyaattu murteesuuf otoo hin ta'iin itti amananii akka fayyaniifiidha. 18 Kan isatti amanu hunduu itti hin murteeffamu; kan isatti hin amaniin garu waan innibmaqaa tokkicha ilma Waaqayyootti hin amanneef itti murtaa'eera. 19 Sababbiin murtiis kanadha, Ifti gara biyya lafaa dhufe, namoonnibgaruu ifarra dukkana jaalatu turee, sababniis hojiin isaanii hamaa waan ta'eefi. 20 Namni waan hamaa hojjatu hunduu ifa jibba, hojiin isaas akka hin muldhannee gara ifaatti hin dhufu. 21 ta'u male inni dhugaan deddeebi'u garu hojiin isaa Waaqayyoon akka hojjatame muldhisuuf gara ifaatti dhufa. 22 Kanaan booda Iyyasuusiifi hordoftootni isaa gara biyya Yihuudoota deeman, achittis isaan waliin yeroo muraasa ture, ni cuuphas ture. 23 Yohaannisis naannoo saaleem bakka Heenoon jedhamutti bishaan baay'een waan jirtuuf ni cuupha ture. Namoonnis gara isaa dhufuun ni cuuphamu ture. 24 Kunis kan ta'e otoo Yohaannis gara mana hidhaatti hin darbamiin ture. 25 Yammuu kanas hordoftoota Yohaanniis tokko tokkoofi Yihudii tokko jiddutti waa'ee sirna qulqullina irratti walmormiin uumame. 26 Isaanis gara Yohaannis dhaquun akkana jedhaniin 'yaa barsiisaa, namni siin waliin gama Yoordaanos ture kan ati waay'ee isaa dhugaa baateef sun kunoo ni cuuphaa, namoonni hundis gara isaa dhaqaat jiru 'jedhaniin. 27 Yohaannisis akkana jechuun deebise 'Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin danda'u. 28 Isin ofiin keessan akkan ani Kiristoosii mitti garuu isa dura kaniin ergame jedhee akkan dubbadhe dhugaa naaf baatu. 29 Mushiirroon kan mushirraati, Amma eegaa sagalee isaa dhaga'uuf miizeen mushirra bira dhaabatu garu yammuu sagalee isaa dhaga'uu baay'iseeti gamada. Egaa gammachuun kun kan kooti, innis amma raawwwatameera (fiixaan ba'eera). 30 Inni ol ol jechuu, ani garuu xiqqachuun qaba. 31 Inni olii dhufu waan hundumaatii oli inni lafaa immoo kanuma lafaati, waanuma lafaa dubbatas. Inni samii dha dhufu garuu waan hundaa oli. 32 waa'ee waan argeefi dhaga'ee dhugaa baha, garu waan inni dhugaa bahu namni fudhatu eenyumtuu hin jiru. 33 Namni inni dhugaa ba'uumsa isaa kana fudhate Waaqayyo akka dhugaa ta'e mirkaneeffata 34 Waaqayyo erge inni dubbii waaqayyoo dubbata. Waaqayyoos Hafuura safaree hin kennu. 35 Abbaan Ilma ni jaalata, waan hundumaas harka isaatti kennera. 36 Namni inni ilmatti amanun jireenya barabaraa qaba, namni Ilmatti hin amanne garu dallansuu Waaqayyootti isarra t'a malee jireenya Ilmaa hin argu '