Boqonna 2

1 Guyyaa sadiin booda kutaa Galiilaa magaalaa Qaanaa keessatti cidhatu ture, haati Iyyassusis achi turte. 2 Iyyassuusiifi hordoftooni isaa gara cidha sanaatti waamamanni turan. 3 Yammuu daadhii wayinii dhumus haati Iyyaasuus 'jarri daadhii wayinii hinqaban' jetteen. 4 'ati dubartii maal godhi naan jetta? yeroon koo ammallee hin geenye 'jedheen. 5 Haati isaas tajaajiltootaan 'waan inni isiniin jedhu hunda godhaa'jetteen. 6 Akka sirna qulqullina Ayihudotaati gaanii waandhagaa ja'a achi dhaabatanii turan, tokko tokkoon isaaniis liitira 75 hanga 115 qabatu turan. 7 Iyyyasuusis tajaajiltootaan 'gaaniiwwan bishaaniin guuta' jedheen, isaanis amma irraan bahutti gaaniiwwan guutan 8 Innis 'amma irraa waraabaatii abbaa cidha qophesuu kannaa' jedhee tajaajiltoota ajaje. Isaanis akkasuma godhan. 9 cidha qopheesses bishaan gara daadhii wayinitti jijjiirame sana dhandhamatee ilaale, garu daadhiin wayinii eessaa akka dhufe hinbeekne ture (haa ta'u malee tajaajiltootni bishaan waraabani beeku ture.) Akkasumas mushirricha offitti waamee 10 akkana jedheen; 'namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiyeesse, erga kessummoonni quufanii booda isa laafaa immoo dhiyeessa: ati garu daadhii isa gaarii hanga ammaatti tursiifte. 11 Iyyasuus mallattoo isa jalqabaa magaalaa Qaanaa kutaa Galiilaatti hojjatee ulfina isaas muldhisa, hordoftootni isaas isatti amanan. 12 Kanaan booda Iyyasuus, haati isaa, obboloowwan isaafi hordoftootni isaa gara Qifirnaahoomitti gad bu'anii guyyoota muraasa qofa achi turan. 13 waan Faasiigaan Yihuudootaa dhiyaateef, Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti ol ba'e. 14 Mana Qulqullummaa keessatti warra sangoota, hoolotaafi booyyeewwan gurguraniif warra taa'anii diinaara (qarshii) waljijjiran arge. 15 Innis qaccee hojjachuunbhunda isaanii dabaltee mana qulqullumaa keessa ari'ee baase Diinara (qarshii) isaaniin jalaa bittineese, minjaala isaanis jalaa gargalche. 16 Warra booyyee gurguraniinis akkan jedhe, 'wantota kana hunda asii fageessaa, Mana Abbaa Kootiis mana daldalaa gochu dhiisaa.' 17 kana hordoftooni isaa ''Inaafaan mana keetii na guba " jedhamee kan barreeffame yaadatan. 18 Abbaan taayitaa Yihuudotaa deebisanii kana hunda waan gootuuf, mallattoon nutti agarsiiftu maaliidha jedhaniin. 19 Iyyasuusis ''Isin mana qulqullummaa kana diiga ani immoo deebiseen guyyaa sadi'iittin ijaara "jedheen. 20 Abbaa taayitootaa Yihuudotaas deebisanii 'mana qulqullummaa kan ijaaruuf waagoota afurtamaafi ji'a ja'a fudhate, ati immoo gara guyyaa sadii keessattiin "ol kaaftaa? "' jedhaniin. 21 ta'u malee, inni mana qulqullummaa kan jedhe garu waa'ee nafa isa dubbate ture. 22 Erga inni du'aa ka'ee booda hordoftootni isaa waan inni dubbatee ture yaadatanii kitaabaafi dubbii Iyyasuus dubbatetti amanan. 23 Amma yeroo inni ayyaana Faasiigaaf jedhee Iyyaruusaaleem keessa turetti namoonni baay'een mallattoo inni taasise arganii maqaa isaatti amanan. 24 Garu Iyyasuus sababbii hunda isaanii beekuuf isaan hin amanu ture. 25 Kanaafuu eenyumtu waa'ee biraa akaa isaaf dhuga ba'an hin barbaadu ture, nama keessa maal akka jiru waan beekuuf.