Boqonnaa 5

1 Kanaan booda ayyaana Yihuudotaatu ture. Iyyasuusis gara Iyyaruusaaleemitti ol-ba'e. 2 Iyyaruusaaleem keessa karra hoolaa bira bishaan afaan Armaayikootaatiin 'Beetazaataa' jedhamu tokko kan dafoowwan shan qabantuu ture. 3 Namoonni lakkofsaan baay'ee turan kanneen dhukkubsatan jaamoonni, hokkoloonni, laamshonni achi ciisu turan. 4 Maleekaan Gooftaas yeroo tokko tokko gad-bu'uun bishaan sana ni raasa ture. . 5 Raafama bishaanichaatiin booda namni jalqaba bishaan keessa seenee kamiyyuu dhibee qabu hunda irraa ni fayya. Namni waggaa soddomii seddeet dhukkubsate tokkoos achi ture 6 Iyyasuusis yammu namtichi achi ciisee argee akka yeroo dheeraafis achi ture yammuu hubatu akkana jedheen 'fayyuu barbaadaayyii?' 7 Dukkubsataan suniis 'yaa Gooftaa ani nama na gargaaree yammuu bishaan raafamu achi keessa naseensisu hin qabu yammuun yaaluus nama biraatu na dursee seena' jedheen. 8 Iyyasuusis 'ol-ka'i, siree kees qabadhu deddeebii.' 9 9Ennasuma fayyee siree isaa fudhatee deeme.' Guyyaan suniis sanbata ture. 10 Yihuudootni namicha fayyee sanaan 'hardhi sanbata, kanaafu siree kee baattattee deemuun siif hin eyyamamu' jedhaniin. 11 Inni garuu namichi na fayyise sun siree keen fudhadhuutii deemi naan jedhe' jedheen. 12 Isaanis 'namninsiree kee fudhadhuutii deemi siin jedhe sun inni eenyu?' Jedhanii gaafatan. 13 Haa ta'uuti namichi fayye suun eenyu akka ta'e hin beekne ture, sababni isaa namootni bakka sanatti walitti qaban baay'ee waan turanif Iyyasuus dhokatee waan achii deemeefii. 14 Ergasii Iyyasuus namicha mana qulqulummaa keessatti argee, kunoo ati amma fayyiteetta, rakkinni kana caalu akka sira hin geenyeef ammaan achi cubbuu hin hojjatiin' jedheen. 15 Namichis deemee gara warra Yihuudootaa dhaqun kan isa fayyise Iyyasuus ta'u gabaaseef. 16 Sababa waantota kanneen guyyaa sanbataatiin hojjateef yihuudotni Iyyasuus hari'atan turan. 17 Iyyasuus akkan isaaniin jedhe "Abbaan koo hanga ammaatti hojjachhaat jira, aniis immoo kunoo hojjachaan jira.' 18 Egaa waa'ee sanbata cabseef qofa otoo hin ta'iin, sababbii inni ofii isaa Waaqaan walqixxeeseefi fi Waaqni Abbaa kooti jedheef yihuudoonni itti caalchiisuun isa ajjeesuuf barbaadan. 19 Iyyasuusis 'dhugaa dhugaa isiiniin jedha 'ilmi ofii isaatiin waan tokkoollee gochuu hin danda'u, waanta Abbaan hojjatu yoo arge malee, waanta Abbaan godhu hunda akkasuma Ilmis ni hojata. 20 Abbaan Ilma ni jaalata; waan godhu hunaas itti agarsiisa, akka isin diniqfattaniifis hojii kana caalu itti agarsiisa. 21 Akkuma Abbaan warra du'an kaasee jireenya ni kennaaf. 22 nama tokkottiyyuu hin murteesu, garuu murtii hunda Ilmaaf keenera. 23 namni hundi akkama Abbaa ulfeessanitti Ilmaafis ulfina kennaniifi; Namni ilmaaf ulfina hin kenine Abbaa isa ilma erges hin ulfeessan. 24 Dhugaa, dhugaa namni inni dubbii koo dhagawu fi isa na erettis kan amanu jireenyaatti darbe malee. 25 Dhugaa, dhugaa ani isinittan himaa, yeroo warrii du'an sagalee Ilma Waaqayyo itti dhagayan ni dhufa, innis ammumaa dha; issan warri dhagayanis ni jiraatu. 26 Abbaan jireenya of keessatti ofumaa qabu, akkasuma ilmis akka ofii isaatiin jireenya qabaatuu isaafis kenneeraaf. 27 Sababa inni Ilma Namaa ta'eefis akka inni murtii kennuu Abbaan aangoo isaaf kenneera. 28 Waan kanaaf hin diniqfatiina, yeroo warrii awwaala keessa jiran hundi sagalee isa dhagayan ni dhufa. 29 Warrii waan gaarii hojjatan du'aa ka'iinsa jireenyaatiif warrii waan bodaa hojjatanis immoo du'aa ka'iinsa murtiitiif awwaala keessaa ni ba'u. 30 Ani ofii kootiin waan tokkollee gochuu hin danda'u garuu ani akkumman dhagawuttiin murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii ofii kootii waaniin hin barbaadneef murtiin koo qajeelaadha. 31 Ani yoo dhan waa'ee ofikootii dhugaa ba'e. Dhugaa ba'iinsi koo dhugaa miti. 32 Kan waa'ee koo dhugaa ba'u kan biroo ni jira, anis akka inni dhugaa ba'iinsa waa'ee koo kennu dhugaa ta'e nan beeka. 33 gara Yohaannisitti ergitanii jirtu: innis dhugaa dhaaf dhugaa ba'ee jira. 34 Kun garuu dhuga ba'iinsa namaa nan fudhadha jechaa miti. Waantota kanneen kanan jedhu akka isin fayyitaniifi. 35 Yohaannis ibsaa isa boba'aa ifu ture, isin immoo yeroo xiqqoof ifa isaatti gamaduu barbaaddan. 36 Dhuga ba'iinsiin ani qaba isa kan Yohaaniisii sana caala, hojiin akkan ani raawwadhuf Abbaan naa kenne, inniin ammayyuu jira kun akkan Abbaan na erge waa'ee koo dhugaa ba'a. 37 Abbaan inni na erges ofii isaatii waa'ee koo dhugaa ba'eerra. Isin sagalee isaas takkumaa hin dhageenye, bifa isaas hin argine. 38 Isiin sababbii isa inni ergetti hin amanneef dubbi isaa kan isin keessatti hafe hin qabdan. 39 Isiin kitaaboota qulqullu qu'atu, sababni isaa jireenya barabaraa isaan keessaa arganna jettanii waan yaaddaniif, garuu Kitaabbotuma kanatuu waa'ee koo dhugaa ba'a. 40 Isin garuu jireenya argachuuf gara koo dhufuu hin barbaadan. 41 Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu. 42 Isin garuu akka jaalala Waaqayyoo of keessaa hin qabne nan beeka. 43 Ani maqa Abbaa kootiitiinin dhufee, isin immoo na hin simanne. Isin wal irraa ulfina yoo fudhattan, ulfina isa Waaqayyoo tokkicha irraa dhufu garuu hin barbaadan. 44 Akkamitti amanuu dandeesu isin warrii wal irraa ulfina fudhattan ulfina isa Waaqayyo tokkicha irraa dhufu garuu hin barbaaddan. 45 Ani Abbaa fulduratti waaniin isin himadhu isinitti hin fakkaatiin. Kan isin himatu tokko jira, innis Musee isa isiin abdattanii dha. 46 Otoo Museetti amantanii, anattis ni amantubture, sababnis inni waa'ee koo waan barreesseef. 47 Waan inni barressetti yoo hin amaniin, hojii kootii akkamitti amanturee?