1 Amma immoo waa’ee nyaata waaqota tolfamoodhaaf aarsaa ta’ee dhi’aatee: Nuyi hundumti keenya beekumsa akka qabnu ni beekna. Beekumsi nama bokoksa, jaalalli garuu nnnama ijaara. 2 Namni tokko akka waan waa beekuutti yoo yaade, namni sun akka waa hin beekne of hin beeku. 3 Garuu namni tokko yoo Waaqayyoon jaallate, namni sun isaan beekameera. 4 Kanaafuu, waa’ee nyaata waaqota tolfamoodhaaf aarsaa ta’ee dhi’aatee: Nuyi akka waaqonni tolfamoon biyya lafaa kana irraa homaa iyyuu akka hin taanee fi Waaqayyo tokkichi akka jiru ni beekna. 5 Otuma waaqota jedhamanii kanneen waamaman lafa kana irras ta’e waaqa irra yoo jiraatan illee, [akkuma “waaqaonnii” fi “gooftonni” hedduun jiran sana], 6 nuyiif amma illee Waaqayyo tokkichatu jira, Abbaa, wanti martinuu isa biraa kan ta’ee fi nuyis isaaf kan jiraannu, Goofta tokkicha, Yesuus Kiristoos, wanti hundinuu karaa isaa kan jiraatuu fi nuyis isaan kan jiraannu. 7 Haa ta’u malee, beekumsi kun nama hundumaa keessa hin jiru. Ijaa kanaa, kaan kaan duraan waaqa tolfamaa waaqessaa turan, nyaata kanas kan isaan nyatan akka inni waan waaqicha tolfamaadhaaf dhi’aatetti amanuudhaani. Sababa isaan dadhaboota ta’aniif, hubannaan isaanii gar-malee dha. 8 Garuu nyaanni gara Waaqayyootti nu hin dhi’eessu. Nuyi yoo nyaachuudhaa baanne, hamaa hin taanu, yoo nyaannes gaarii hin taanu. 9 Garuu of-eeggadhaa biliisummaan keessan nama isa amantiitti dadhabaa ta’e tokkoos akka inni gufatuuf sababa akka itti hin taanetti. 10 Isin warri beekumsa qabu otuu isin mana sagadaa waaqa tolfamaa keessatti nyaataa jirtanii namni tokko isin arge haa jennu. Hubannaan isaa inni dadhabaan akka inni nyaata waaqa tolfamaadhaaf dhi’aate sana akka inni nyaatuuf isa hin kakaasuu ree? 11 Kanaafuu sababii hubannaa waa’ee uumama waaqa tolfamaa irratti ati qabduutiif, inni dadhabaan, obboleessi Kiristoos isaaf du’e sun, ni bada. 12 Kanaafuu, isin yomuu obboleessa keessan irratti yakkitanii hubannaa isaa madeessitan, Kiristoosiin yakkitan jechuu dha. 13 Kanaafuu, nyaanni yoo obboleessa koo akka inni gufatuuf sababa ta’a ta’e, ani lammata nyaata hin nyaadhu, obboleessi koo akka kufuuf sababa akkan itti hin taaneef.